< Roomaa 8 >

1 Egaa amma murtiin warra Kiristoos Yesuus keessa jiraatanitti muramu hin jiru;
There is therefore now no condemnation to them that are in Christ Jesus.
2 seerri Hafuura jireenyaa karaa Kiristoos Yesuusiin seera cubbuutii fi seera duʼaa jalaa na bilisoomseeraatii.
For the law of the Spirit of life in Christ Jesus made me free from the law of sin and of death.
3 Waan seerri sababii fooniitiin dadhabsiifameef hojjechuu hin dandaʼin, Waaqni Ilma ofii isaa bifa foon cubbamaatiin aarsaa cubbuu akka taʼuuf erguun hojjeteeraatii. Kanaanis inni fooniin cubbuutti mure.
For what the law could not do, in that it was weak through the flesh, God, sending his own Son in the likeness of sinful flesh and [as an offering] for sin, condemned sin in the flesh:
4 Kunis akka qajeelummaan seeraa sun nu warra utuu akka namummaa cubbamaatti hin taʼin akka Hafuuraatti jiraannu keessatti raawwatamuufii dha.
that the ordinance of the law might be fulfilled in us, who walk not after the flesh, but after the spirit.
5 Warri akka fooniitti jiraatan waan foonii yaadu; warri akka Hafuuraatti jiraatan garuu waan Hafuuraa yaadu.
For they that are after the flesh do mind the things of the flesh; but they that are after the spirit the things of the spirit.
6 Yaadni foonii duʼa; yaadni Hafuuraa garuu jireenyaa fi nagaa dha.
For the mind of the flesh is death; but the mind of the spirit is life and peace:
7 Yaadni foonii diina Waaqaa ti; seera Waaqaatiifis hin bulu. Buluus hin dandaʼu.
because the mind of the flesh is enmity against God; for it is not subject to the law of God, neither indeed can it be:
8 Warri akka fooniitti jiraatan Waaqa gammachiisuu hin dandaʼan.
and they that are in the flesh cannot please God.
9 Isin garuu yoo Hafuurri Waaqaa isin keessa jiraate akka Hafuuraatti jiraattu malee akka fooniitti hin jiraattan. Eenyu iyyuu yoo Hafuura Kiristoos qabaachuu baate inni kan Kiristoos miti.
But ye are not in the flesh, but in the spirit, if so be that the Spirit of God dwelleth in you. But if any man hath not the Spirit of Christ, he is none of his.
10 Yoo Kiristoos isin keessa jiraate garuu dhagni keessan sababii cubbuutiin duʼaa dha; hafuurri keessan immoo sababii qajeelummaatiin jiraataa dha.
And if Christ is in you, the body is dead because of sin; but the spirit is life because of righteousness.
11 Hafuurri Waaqaa inni Yesuusin warra duʼan keessaa kaase sun yoo isin keessa jiraate garuu, inni Kiristoos Yesuusin warra duʼan keessaa kaase sun karaa Hafuura isaa kan isin keessa jiruutiin dhagna keessan isa duʼuufis jireenya kenna.
But if the Spirit of him that raised up Jesus from the dead dwelleth in you, he that raised up Christ Jesus from the dead shall quicken also your mortal bodies through his Spirit that dwelleth in you.
12 Egaa yaa obboloota, nu gatii of irraa qabna; garuu fooniif miti; akka fooniitti jiraachuufis miti.
So then, brethren, we are debtors, not to the flesh, to live after the flesh:
13 Isin yoo akka fooniitti jiraattan ni duutuutii; yoo Hafuuraan hojii foon keessanii ajjeeftan garuu ni jiraattu.
for if ye live after the flesh, ye must die; but if by the spirit ye mortify the deeds of the body, ye shall live.
14 Warri Hafuura Waaqaatiin qajeelfaman hundinuu ilmaan Waaqaatii.
For as many as are led by the Spirit of God, these are sons of God.
15 Isin Hafuura ilmummaa isa nu ittiin, “Aabbaa, yaa Abbaa” jennee waammannu sana argattan malee Hafuura garbummaa kan gara sodaatti isin deebisu hin arganne.
For ye received not the spirit of bondage again unto fear; but ye received the spirit of adoption, whereby we cry, Abba, Father.
16 Akka nu ijoollee Waaqaa taane kan hafuura keenya wajjin dhugaa baʼus Hafuuruma sana.
The Spirit himself beareth witness with our spirit, that we are children of God:
17 Yoo ijoollee taane immoo nu dhaaltota; akka hirmaattota ulfina isaa taanuufis yoo hirmaattota dhiphina isaa taane, nu dhaaltota Waaqaa ti; Kiristoos wajjinis ni dhaalla.
and if children, then heirs; heirs of God, and joint-heirs with Christ; if so be that we suffer with [him], that we may be also glorified with [him].
18 Dhiphinni keenya kan ammaa kun ulfina nutti mulʼachuuf jiruun yommuu wal bira qabamu akka waan tokkottuu hin lakkaaʼamne ani nan yaada.
For I reckon that the sufferings of this present time are not worthy to be compared with the glory which shall be revealed to us-ward.
19 Uumamni mulʼachuu ijoollee Waaqaa hawwiidhaan eeggachaa jira.
For the earnest expectation of the creation waiteth for the revealing of the sons of God.
20 Uumamni utuu filannoo isaatiin hin taʼin, fedhii isa dabarsee isa kenne sanaatiin abdiidhaan waan faayidaa hin qabnetti saaxilameeraatii;
For the creation was subjected to vanity, not of its own will, but by reason of him who subjected it, in hope
21 kunis akka uumamni mataan isaa garbummaa tortoruu jalaa baʼee bilisummaa ulfina qabeessa ijoollee Waaqaatti galuuf.
that the creation itself also shall be delivered from the bondage of corruption into the liberty of the glory of the children of God.
22 Uumamni hundinuu hamma ammaatti akkuma dhiphina yeroo ciniinsuutti akka aadaa jiru ni beekna.
For we know that the whole creation groaneth and travaileth in pain together until now.
23 Uumama qofa utuu hin taʼin nu mataan keenya warri ija Hafuuraa kan jalqabaa qabnu iyyuu furii dhagna keenyaa ilmummaatti guddifamuu eeggachaa of keessatti ni aadna.
And not only so, but ourselves also, which have the firstfruits of the Spirit, even we ourselves groan within ourselves, waiting for [our] adoption, [to wit], the redemption of our body.
24 Nu abdii kanaan fayyineetii. Abdiin argamu garuu abdii miti; namni waan amma iyyuu qabu abdatu eenyu ree?
For by hope were we saved: but hope that is seen is not hope: for who hopeth for that which he seeth?
25 Nu yoo waan amma hin qabne abdanne garuu obsaan eegganna.
But if we hope for that which we see not, [then] do we with patience wait for it.
26 Akkasumas Hafuurri dadhabbii keenya irratti nu gargaara. Nu waan kadhachuu qabnu hin beeknuutii; hafuurri mataan isaa garuu aaduu ibsamuu hin dandaʼamneen nuuf kadhata.
And in like manner the Spirit also helpeth our infirmity: for we know not how to pray as we ought; but the Spirit himself maketh intercession for [us] with groanings which cannot be uttered;
27 Inni garaa keenya qoru sun yaada Hafuuraas ni beeka; Hafuurri akka fedhii Waaqaatti qulqullootaaf kadhataatii.
and he that searcheth the hearts knoweth what is the mind of the Spirit, because he maketh intercession for the saints according to [the will of] God.
28 Waaqni warra isa jaallatanii akka kaayyoo isaatti waamamaniif akka wanti hundinuu gaarii taʼuuf hojjetu ni beekna.
And we know that to them that love God all things work together for good, [even] to them that are called according to [his] purpose.
29 Akka inni obboloota baayʼee keessatti hangafa taʼuuf Waaqni warra duraan dursee beeke akka bifa ilma isaa fakkaataniif duraan dursee murteesseeraatii.
For whom he foreknew, he also foreordained [to be] conformed to the image of his Son, that he might be the firstborn among many brethren:
30 Inni warra duraan dursee murteesse sana ni waame; warra waame sanas qajeeltota taasise; warra qajeeltota taasiseef immoo ulfina kenne.
and whom he foreordained, them he also called: and whom he called, them he also justified: and whom he justified, them he also glorified.
31 Egaa kana irratti maal jenna ree? Erga Waaqni nu wajjin taʼee eenyutu nuun mormuu dandaʼa?
What then shall we say to these things? If God [is] for us, who [is] against us?
32 Waaqni Ilma isaa illee utuu hin mararfatin hunduma keenyaaf dabarsee kenne sun akkamitti waan biraa hundumas isa wajjin akkasuma arjummaan nuuf hin kennu ree?
He that spared not his own Son, but delivered him up for us all, how shall he not also with him freely give us all things?
33 Warra Waaqni filate eenyutu himata? Kan qajeelaa nama taasisu Waaqa.
Who shall lay anything to the charge of God’s elect? It is God that justifieth;
34 Kan itti muru eenyu? Kiristoos Yesuus isuma nuuf duʼee, kana caalaa immoo warra duʼan keessaa kaʼee mirga Waaqaa jiruu fi nuuf kadhatu sanaa dha.
who is he that shall condemn? It is Christ Jesus that died, yea rather, that was raised from the dead, who is at the right hand of God, who also maketh intercession for us.
35 Jaalala Kiristoos irraa eenyutu gargar nu baasa? Dhiphina moo rakkina, ariʼatama moo beela, daaruu moo balaa yookaan goraadee?
Who shall separate us from the love of Christ? shall tribulation, or anguish, or persecution, or famine, or nakedness, or peril, or sword?
36 Kunis akkuma, “Nu siif jennee guyyaa guutuu ni ajjeefamna; akka hoolota qalamuuf jiraniittis lakkaaʼamneerra” jedhamee barreeffamee dha.
Even as it is written, For thy sake we are killed all the day long; We were accounted as sheep for the slaughter.
37 Kana hunda keessatti garuu nu isa nu jaallate sanaan moʼattoota ni caalla.
Nay, in all these things we are more than conquerors through him that loved us.
38 Duuti yookaan jireenyi, ergamoonni yookaan bulchitoonni, hangafoonni, wanni ammaa yookaan wanni dhufuuf jiru yookaan humni tokko iyyuu,
For I am persuaded, that neither death, nor life, nor angels, nor principalities, nor things present, nor things to come, nor powers,
39 ol dheerinni yookaan gad fageenyi yookaan uumamni biraa kam iyyuu jaalala Waaqaa kan Kiristoos Yesuus Gooftaa keenyaa irraa akka gargar nu baasuu hin dandeenye ani amaneera.
nor height, nor depth, nor any other creature, shall be able to separate us from the love of God, which is in Christ Jesus our Lord.

< Roomaa 8 >