< Roomaa 6 >

1 Egaa maal jenna ree? Akka ayyaanni baayʼatuuf ittuma fufnee cubbuu haa hojjennuu?
Τί οὖν ἐροῦμεν; ἐπιμένωμεν τῇ ἁμαρτίᾳ, ἵνα ἡ χάρις πλεονάσῃ;
2 Gonkumaa hin taʼu! Nu warri cubbuuf duune, siʼachi akkamitti cubbuu jala jiraanna?
μὴ γένοιτο· οἵτινες ἀπεθάνομεν τῇ ἁμαρτίᾳ, πῶς ἔτι ζήσομεν ἐν αὐτῇ;
3 Yookaan nu warri Kiristoos Yesuusitti cuuphamne hundi akka duʼa isaattis cuuphamne isin hin beektanii?
ἢ ἀγνοεῖτε ὅτι ὅσοι ἐβαπτίσθημεν εἰς Χριστὸν Ἰησοῦν εἰς τὸν θάνατον αὐτοῦ ἐβαπτίσθημεν;
4 Kanaafuu akkuma Kiristoos ulfina Abbaatiin warra duʼan keessaa kaafame sana nus akka jireenya haaraa jiraannuuf cuuphaadhaan duʼa isaa keessatti hirmaannee isa wajjin awwaalamne.
συνετάφημεν οὖν αὐτῷ διὰ τοῦ βαπτίσματος εἰς τὸν θάνατον, ἵνα ὥσπερ ἠγέρθη Χριστὸς ἐκ νεκρῶν διὰ τῆς δόξης τοῦ πατρός, οὕτως καὶ ἡμεῖς ἐν καινότητι ζωῆς περιπατήσωμεν.
5 Nu erga duʼa isaatiin akkasitti isa wajjin tokko taane, duʼaa kaʼuu isaatiinis akkasuma isa wajjin tokko ni taana.
εἰ γὰρ σύμφυτοι γεγόναμεν τῷ ὁμοιώματι τοῦ θανάτου αὐτοῦ, ἀλλὰ καὶ τῆς ἀναστάσεως ἐσόμεθα·
6 Akka dhagni cubbamaan balleeffamuuf, nus akka siʼachi garboota cubbuu hin taaneef akka namummaan keenya moofaan sun isa wajjin fannifame ni beekna;
τοῦτο γινώσκοντες, ὅτι ὁ παλαιὸς ἡμῶν ἄνθρωπος συνεσταυρώθη, ἵνα καταργηθῇ τὸ σῶμα τῆς ἁμαρτίας, τοῦ μηκέτι δουλεύειν ἡμᾶς τῇ ἁμαρτίᾳ·
7 namni duʼe cubbuu irraa bilisoomeeraatii.
ὁ γὰρ ἀποθανὼν δεδικαίωται ἀπὸ τῆς ἁμαρτίας.
8 Egaa nu yoo Kiristoos wajjin duune, akka isa wajjin jiraannus ni amanna.
εἰ δὲ ἀπεθάνομεν σὺν Χριστῷ, πιστεύομεν ὅτι καὶ συζήσομεν αὐτῷ·
9 Kiristoos warra duʼan keessaa waan kaʼeef, akka inni deebiʼee hin duune ni beeknaatii; duutis siʼachi isa irratti gooftummaa hin qabu.
εἰδότες ὅτι Χριστὸς ἐγερθεὶς ἐκ νεκρῶν οὐκέτι ἀποθνῄσκει, θάνατος αὐτοῦ οὐκέτι κυριεύει.
10 Inni duʼa duʼe sana siʼa tokko yeroo hundaaf cubbuuf duʼe; jireenya jiraatu sana garuu Waaqaaf jiraata.
ὃ γὰρ ἀπέθανεν, τῇ ἁμαρτίᾳ ἀπέθανεν ἐφάπαξ· ὃ δὲ ζῇ, ζῇ τῷ θεῷ.
11 Isinis akkasuma akka cubbuuf duutanitti, Kiristoos Yesuusiin garuu akka Waaqaaf jiraattota taatanitti of hedaa.
οὕτως καὶ ὑμεῖς λογίζεσθε ἑαυτοὺς εἶναι νεκροὺς μὲν τῇ ἁμαρτίᾳ ζῶντας δὲ τῷ θεῷ ἐν Χριστῷ Ἰησοῦ.
12 Kanaafuu isin akka fedhii isaa hamaadhaaf hin ajajamneef dhagna keessan kan duʼa hin oolle irratti cubbuu hin moosisinaa.
μὴ οὖν βασιλευέτω ἡ ἁμαρτία ἐν τῷ θνητῷ ὑμῶν σώματι εἰς τὸ ὑπακούειν ταῖς ἐπιθυμίαις αὐτοῦ,
13 Akka warra duʼa irraa gara jireenyaatti fidamaniitti Waaqaaf of dhiʼeessaa malee kutaa dhagna keessanii miʼa jalʼinaa gootanii cubbuuf hin dhiʼeessinaa; garuu kutaa dhagna keessanii miʼa qajeelinaa godhaatii Waaqaaf dhiʼeessaa.
μηδὲ παριστάνετε τὰ μέλη ὑμῶν ὅπλα ἀδικίας τῇ ἁμαρτίᾳ, ἀλλὰ παραστήσατε ἑαυτοὺς τῷ θεῷ ὡσεὶ ἐκ νεκρῶν ζῶντας καὶ τὰ μέλη ὑμῶν ὅπλα δικαιοσύνης τῷ θεῷ·
14 Isin ayyaana jala jirtu malee waan seera jala hin jirreef, cubbuun isin irratti gooftummaa hin qabaatu.
ἁμαρτία γὰρ ὑμῶν οὐ κυριεύσει, οὐ γάρ ἐστε ὑπὸ νόμον ἀλλὰ ὑπὸ χάριν.
15 Egaa maal haa taʼu ree? Nu sababii ayyaana jala malee seera jala hin jirreef cubbuu haa hojjennuu? Gonkumaa hin taʼu!
Τί οὖν; ἁμαρτήσωμεν ὅτι οὐκ ἐσμὲν ὑπὸ νόμον ἀλλὰ ὑπὸ χάριν; μὴ γένοιτο.
16 Cubbuu gara duʼaatti nama geessuufis taʼu yookaan ajajamuu gara qajeelummaatti nama geessuuf, yommuu akka garbootaatti nama tokkoof ajajamuuf of kennitanitti, nama ajajamtaniif sanaaf akka garboota taatan hin beektanii?
οὐκ οἴδατε ὅτι ᾧ παριστάνετε ἑαυτοὺς δούλους εἰς ὑπακοήν, δοῦλοί ἐστε ᾧ ὑπακούετε, ἤτοι ἁμαρτίας εἰς θάνατον ἢ ὑπακοῆς εἰς δικαιοσύνην;
17 Isin yoo garboota cubbuu turtan illee amma garuu barumsa itti kennamtan sanaaf waan garaa guutuun ajajamtaniif Waaqaaf galanni haa taʼu.
χάρις δὲ τῷ θεῷ ὅτι ἦτε δοῦλοι τῆς ἁμαρτίας ὑπηκούσατε δὲ ἐκ καρδίας εἰς ὃν παρεδόθητε τύπον διδαχῆς,
18 Isin cubbuu irraa bilisoomtanii garboota qajeelummaa taataniirtu.
ἐλευθερωθέντες δὲ ἀπὸ τῆς ἁμαρτίας ἐδουλώθητε τῇ δικαιοσύνῃ·
19 Sababii isin uumamaanuu dadhaboo taataniif ani jecha namaa galuun nan dubbadha; akkuma kutaa dhagna keessanii xuraaʼummaa fi hammina guddachaa deemuuf garba gootanii dhiʼeessaa turtan sana ammas kutaa dhagna keessanii qajeelummaa gara qulqullummaatti geessuuf garba godhaatii dhiʼeessaa.
ἀνθρώπινον λέγω διὰ τὴν ἀσθένειαν τῆς σαρκὸς ὑμῶν. ὥσπερ γὰρ παρεστήσατε τὰ μέλη ὑμῶν δοῦλα τῇ ἀκαθαρσίᾳ καὶ τῇ ἀνομίᾳ εἰς τὴν ἀνομίαν, οὕτως νῦν παραστήσατε τὰ μέλη ὑμῶν δοῦλα τῇ δικαιοσύνῃ εἰς ἁγιασμόν.
20 Isin yeroo garboota cubbuu turtanitti, qajeelummaa irraa bilisa turtan.
ὅτε γὰρ δοῦλοι ἦτε τῆς ἁμαρτίας, ἐλεύθεροι ἦτε τῇ δικαιοσύνῃ.
21 Waan amma itti qaanoftan kana irraa yeroo sana buʼaa maalii argattan ree? Dhumni waan sanaa duʼaatii!
τίνα οὖν καρπὸν εἴχετε τότε ἐφ’ οἷς νῦν ἐπαισχύνεσθε; τὸ γὰρ τέλος ἐκείνων θάνατος.
22 Amma garuu waan cubbuu irraa bilisoomtanii garboota Waaqaa taataniif faayidaan isin argattan gara qulqullummaatti isin geessa; dhumni isaas jireenya bara baraa ti. (aiōnios g166)
νυνὶ δέ, ἐλευθερωθέντες ἀπὸ τῆς ἁμαρτίας δουλωθέντες δὲ τῷ θεῷ, ἔχετε τὸν καρπὸν ὑμῶν εἰς ἁγιασμόν, τὸ δὲ τέλος ζωὴν αἰώνιον. (aiōnios g166)
23 Mindaan cubbuu duʼaatii; kennaan Waaqaa garuu karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuusiin jireenya bara baraa ti. (aiōnios g166)
τὰ γὰρ ὀψώνια τῆς ἁμαρτίας θάνατος, τὸ δὲ χάρισμα τοῦ θεοῦ ζωὴ αἰώνιος ἐν Χριστῷ Ἰησοῦ τῷ κυρίῳ ἡμῶν. (aiōnios g166)

< Roomaa 6 >