< Roomaa 5 >

1 Kanaafuu amantiidhaan qajeeltota erga taasifamnee nu karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin Waaqa wajjin nagaa qabna.
Therefore being justified by faith, we have peace with God, through our Lord Jesus Christ:
2 Ayyaana amma jabaannee ittiin dhaabannu kanattis karaa isaatiin amantiin galuuf carraa arganneerra. Abdii ulfina Waaqaattis ni gammanna.
By whom also we have access by faith into this grace in which we stand, and rejoice in hope of the glory of God.
3 Kana qofa miti; nu dhiphina keenyattis ni gammanna; akka dhiphinni obsa fidu ni beeknaatii;
And not only [so], but we glory in tribulations also; knowing that tribulation worketh patience;
4 obsi jabaatanii dhaabachuu, jabaatanii dhaabachuun immoo abdii fida.
And patience, experience; and experience, hope:
5 Jaalalli Waaqaa karaa Hafuura Qulqulluu nuu kennamee sanaatiin garaa keenya keessatti waan dhangalaafameef abdiin nu hin qaanessu.
And hope maketh not ashamed, because the love of God is shed abroad in our hearts, by the Holy Spirit which is given to us.
6 Utuu nu amma illee dadhabdoota taanee jirruu yeroo malutti Kiristoos cubbamootaaf jedhee duʼe.
For when we were yet without strength, in due time Christ died for the ungodly.
7 Yoo namni tokko nama gaariif duʼuuf ija jabaachuu dandaʼe iyyuu, namni nama qajeelaaf duʼu akka malee muraasa.
For scarcely for a righteous man will one die: yet perhaps for a good man some would even dare to die.
8 Garuu utuma nu cubbamoota taanee jirruu Kiristoos nuuf jedhee duʼe; kunis jaalala Waaqni nuuf qabu argisiisa.
But God commendeth his love towards us, in that while we were yet sinners, Christ died for us.
9 Egaa nu amma erga dhiiga isaatiin qajeeltota taasifamnee, akkam karuma isaatiin dheekkamsa Waaqaa jalaa hin baane ree!
Much more then, being now justified by his blood, we shall be saved from wrath through him.
10 Nu utuu diinota Waaqaa taanee jirruu erga duʼa ilma isaatiin isatti araaramnee, erga isatti araaramnee booddee immoo hammam caalaa jireenya isaatiin hin fayyinu ree!
For if when we were enemies, we were reconciled to God by the death of his Son; much more, being reconciled, we shall be saved by his life.
11 Kana qofa miti; nu garuu Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isa ittiin amma araara arganne sanaan Waaqatti ni gammanna.
And not only [so], but we also joy in God, through our Lord Jesus Christ, by whom we have now received the atonement.
12 Kanaaf akkuma cubbuun karaa nama tokkootiin addunyaa seene, duuti immoo karaa cubbuutiin seene; sababii namni hundinuu cubbuu hojjeteefis duuti nama hundatti dhufe.
Wherefore as by one man sin entered into the world, and death by sin; and so death passed upon all men, for that all have sinned.
13 Utuu seerri hin kennaminiin dura iyyuu cubbuun addunyaa keessa tureetii; yeroo seerri hin jirretti garuu cubbuun hin lakkaaʼamu.
For until the law, sin was in the world: but sin is not imputed when there is no law.
14 Taʼus duuti bara Addaam irraa jalqabee hamma bara Museetti warra dogoggora akka Addaam hin hojjetin irratti illee moʼee ture; Addaamis Isa dhufuuf jiru sanaaf fakkeenya ture.
Nevertheless, death reigned from Adam to Moses, even over them that had not sinned after the similitude of Adam's transgression, who is the figure of him that was to come.
15 Kennaan tolaa sun garuu akka balleessaa sanaa miti. Erga sababii balleessaa nama tokkootiin namoonni baayʼeen duʼanii, ayyaanni Waaqaatii fi kennaan karaa ayyaana nama tokkootiin jechuunis kennaan karaa Yesuus Kiristoosiitiin dhufe sun immoo hammam caalaa namootaaf haa baayʼatu ree!
But not as the offense, so also [is] the free gift. For if through the offense of one many are dead, much more the grace of God, and the gift by grace, [which is] by one man, Jesus Christ, hath abounded to many.
16 Kennaan Waaqaa miidhaa cubbuun namni tokko hojjete fiduun tokko miti: Murtiin cubbuu tokkichaaf kenname yakkamtummaa fideera; kennaan tolaa kan balleessaa baayʼee irratti kenname garuu qajeelummaa fide.
And not as [it was] by one that sinned, [so is] the gift. For the judgment [was] by one to condemnation, but the free gift [is] of many offenses to justification.
17 Erga sababii balleessaa nama tokkootiin karaa namicha sanaatiin duuti moʼee, warri ayyaana baayʼatee irraa hafaa taʼee fi kennaa qajeeltota nama taasisu argatan immoo karaa nama tokkoo karaa Yesuus Kiristoosiitiin hammam caalaa jireenyaan hin moʼan ree!
For if by one man's offense death reigned by one; much more they who receive abundance of grace, and of the gift of righteousness, shall reign in life by one, Jesus Christ.
18 Kanaafuu akkuma balleessaan tokko nama hundatti yakka mursiise, akkasuma immoo hojiin qajeelummaa tokko nama hundaaf qajeelummaa jireenya fidu taʼe.
Therefore, as by the offense of one, [judgment came] upon all men to condemnation, even so by the righteousness of one [the free gift came] upon all men to justification of life.
19 Akkuma ajajamuu diduu nama tokkootiin namoonni baayʼeen cubbamoota taʼan, akkasuma immoo ajajamuu nama tokkootiin namoonni baayʼeen qajeeltota ni taasifamu.
For as by one man's disobedience many were made sinners, so by the obedience of one shall many be made righteous.
20 Seerris akka cubbuun baayʼatuuf dhufe. Lafa cubbuun baayʼatetti garuu ayyaanni akka malee baayʼate;
Moreover the law entered, that the offense might abound. But where sin abounded, grace did much more abound:
21 kunis akkuma cubbuun karaa duʼaatiin moʼe sana ayyaannis karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiitiin akka jireenya bara baraa fiduuf karaa qajeelinaatiin akka moʼuuf. (aiōnios g166)
That as sin hath reigned to death, even so might grace reign through righteousness to eternal life, by Jesus Christ our Lord. (aiōnios g166)

< Roomaa 5 >