< Roomaa 4 >
1 Egaa Abrahaam inni fooniin abbaa keenya taʼe sun haala kanaan maal argate jenna ree?
Ki tre ndi ngye nitu Ibrahim Bachi mbu u kpa afe?
2 Abrahaam utuu hojiin qajeelaa taasifamee jiraatee silaa waan ittiin of jaju qaba ture; fuula Waaqaa duratti garuu akkas miti.
Ibrahim andi fe kpa chuwo nitu nduma, andi na wruwo ni san, wruwo ni san ma ndina he ni shishi Irji na.
3 Katabbiin Qulqulluun maal jedha? “Abrahaam Waaqa amane; kunis qajeelummaatti lakkaaʼameef.”
Ahi ngye nassi hla? Ibrahim a kpanyime ni Irji, u baka bla yo niwu ndi ahi ndi tsratsra.
4 Nama hojjetu tokkoof Mindaan gatiidha malee akka kennaa tolaatti hin hedamu.
Zizan wawu wa a tie ndu'a, bana bla lulu ma yo ni mi tsratsra na, bayo ni kpe wa a he u ma.
5 Taʼus nama hin hojjenne, kan Waaqa isa nama hamaa qajeelaa taasisu amanatu garuu amantiin isaa qajeelummaatti lakkaaʼamaaf.
Wawu wa ana he ni ndu na, a kpa nyime niwa ani wruhle nibi lahtre'a ba bla yo suron ma ni son tsratsra.
6 Daawitis akka namni Waaqni qajeelummaa hojii malee argamu lakkaaʼuuf eebbifamaa taʼe yommuu dubbatu akkana jedha:
Dauda a tre tre lulu nitu nji wa Irji bla yo nimi tsratsra hama ni ndu'a
7 “Warri yakki isaanii dhiifameef, kanneen cubbuun isaanii haguugameef eebbifamoo dha.
A tre ndi, “Lulu he nitu biwa ba wru lah tre mba hle'a ni biwa ba ka lah tre mba kaka ni bawu'a.
8 Namni Gooftaan cubbuu isaa itti hin lakkoofne eebbifamaa dha.”
Lulu he nitu nji wa Irji na bla lah tre ma memle'e mu na'a.”
9 Eebbi kun warra dhagna qabatan qofaaf moo warra dhagna hin qabatiniifis? Abrahaamiif amantiin isaa qajeelummaatti lakkaaʼame jenneerraatii.
U lulu yi he nitu biwa ba yonji ni bawu ka gji, ka nitu biwa bana yonji ni bawu ngame'a na?
10 Kun egaa akkamitti isaaf lakkaaʼame ree? Erga inni dhagna qabatee moo duraanii? Durumaan malee erga dhagna qabate miti!
Ba bla yo niwu nihe? Ahe ni nton wa ba yonji ni Ibrahim ka ni nton wa ba na rhi he yo nji niwu'a? Ana he ni nton wa ba yo nji niwu'a na, a heni nto wa bana yo nji niwu'a na.
11 Inni mallattoo dhagna qabaa fudhate; kunis chaappaa qajeelummaa inni utuu dhagna hin qabatin dura amantiin argate sanaa ti. Kanaafis inni warra utuu dhagna hin qabatin amanan kanneen amantiin isaanii qajeelummaatti lakkaaʼameef hundaaf abbaa dha.
Ibrahim kpa ngban u yo nji'a. Wawu yi a he hatimi (seal) u yo suron wa a he niwu rhi ni nton wa ana yo nji rhi na. A tie wayi ndu ka tie tie bi wa ba yo suron'a, amma bana yo nji ni bawu rhi na, ndi duba blaba yo nimi bi wa ba tsratsra me'a.
12 Akkasumas inni warra dhagna qabataniif, dhagna qabachuu qofas utuu hin taʼin warra karaa amantii abbaan keenya Abrahaam utuu dhagna hin qabatiniin dura fudhate sana duukaa buʼan hundaaf abbaa dha.
Ahi tie biwa ba yo nji ni bawu'a, ana wa ba yo nji migyen na, bi wa ba zren ni nkon ndindi wa Ibrahim a hu rhi nda fe yo nji'a.
13 Abrahaamii fi sanyiin isaa waadaa akka inni dhaaltuu addunyaa taʼu kenname sana karaa qajeelummaa amantiin dhufuutiin argatan malee karaa seeraatiin miti.
Alkawali wa bana tie ni Ibrahim ni hama ndi ani gaje (heir) mgbumgblu'a ana doka na a rhi ni tsratsra u yo suron.
14 Yoo warri seeratti bulan dhaaltota taʼan, amantiin gatii hin qabu; waadaanis homaa hin fayyaduutii;
Biwa bana son nitu doka ba ni gaji koh Irji'a, iyo suron ani migyen (empty), u alikawali a ndi na kpe na.
15 kunis sababii seerri dheekkamsa fiduuf. Lafa seerri hin jirre yakki hin jiruutii.
Doka ni nji nfu ye, doka nita hama lah tre hamma.
16 Kanaafuu waadaan kun akka ayyaanaan taʼuu fi akka sanyii isaa hundaaf wabii taʼuuf amantii irratti hundeeffame; innis warra akka Abrahaam amananiif malee warra seeratti bulan qofaaf miti; Abrahaam abbaa hunduma keenyaa ti.
Ani tu tre yiyi ani kponji, ni ndu nno nyu mba ndu si nitu zizi nda bwu (nno) nkon ni grji Ibrahim.
17 Kunis akkuma, “Ani abbaa saboota baayʼee si taasiseera” jedhamee barreeffamee dha. Abrahaam Waaqa amanate; innis Waaqa warra duʼaniif jireenya kennuu fi isa waan hin jirre akka waan jiruutti waamu sana duratti abbaa keenya.
Na wa ba nha, “Mi chu ndu he tie u mgbumgblu gbugbu'u” Ibrahim ahe ni shishi ndji wa a kpau nyime'a, wato Irji wa ani nu vri (life) ni biwa ba gyu nda ndu kpe biwa bana he na ndu ba he.
18 Abrahaamis akkuma, “Sanyiin kee akkas ni taʼa” jedhametti utuu abdiin tokko iyyuu hin jiraatin abdiidhaan amanee abbaa saboota baayʼee taʼe.
Ibrahim a kpa nyime ni Irji nitu kpe wa ba he ni ko shishi'a. Na kati tie ni mgbumgblu gbugbuwu, ni tu kpe wa ba hla niwu'a, igrji me ba he naki.
19 Innis akka umuriin isaa gara waggaa dhibbaa gaʼee dhagni isaa duʼe, akkasumas akka gadameessi Saaraa duʼe beeku illee amantii isaatti hin laafne.
Ana khwumgble ni yo suron mana, a kpa nyime ndi wawu ceye, don ana tie whewhre ni se dari, a kpa nyime ndi ikrju (Womb) Saratu na nji vren ngana.
20 Inni amantii isaatti jabaachuun Waaqaaf ulfina kenne malee amantii dhabuun waadaa Waaqaa hin shakkine;
Nitu Alkawali Irji, Ibrahim ana senyu (hesitate) nitu ka kpa nyime mana, a fe mgbemgblen nitu son suron ma, nda gbre Irji San.
21 akka Waaqni waan waadaa gale raawwachuu dandaʼus guutumaan guutuutti hubateera.
A kpa nyime gbigbi ni kpe wa Irji hla ani tieu.
22 Kanaafuu, “Amantiin isaa qajeelummaatti isaaf lakkaaʼame.”
U ba bla kma yo niwu ndi ahi tsratsra ndji.
23 Dubbiin, “Qajeelummaatti isaaf lakkaaʼame” jedhu kun Abrahaam qofaaf hin barreeffamne;
Bana nha ndi ndu zo nika khji ma na.
24 nuufis, warra Waaqa Gooftaa keenya Yesuusin warra duʼan keessaa kaase sanatti amannuufis, qajeelummaatti ni lakkaaʼama.
Ba nha ni tawu ngame, ba bla ni tawu biwa ki yo suron niwu wa a ton Yesu Almasihu shime ni khyu'a.
25 Yesuus cubbuu keenyaaf dabarfamee duʼatti kenname; qajeeltota nu taasisuuf immoo duʼaa kaafame.
Ahi wa ndi ba kamba niwu nitu lah tre mbu'a nda tashime nitu kpata chuwo'a.