< Roomaa 2 >

1 Kanaafuu yaa namichoo, ati yoo abbaa fedhe illee taate kan nama kaanitti murtu waan itti qabattu hin qabdu; waan ittiin namatti murtu hundaan ofittis ni murtaatii; ati kan murtii kennitu iyyuu ofii keetiis isuma hojjettaatii.
されば凡て人を審く者よ、なんぢ言ひ遁るる術なし、他の人を審くは、正しく己を罪するなり。人をさばく汝もみづから同じ事を行へばなり。
2 Nu akka murtiin Waaqaa kan warra waan akkanaa hojjetan irratti murteeffamu dhugaa irratti hundaaʼe ni beekna.
かかる事をおこなふ者を罪する神の審判は眞理に合へりと我らは知る。
3 Yaa namichoo, ati yommuu warra waan akkanaa hojjetanitti murtee ofii keetii immoo waanuma akkasii hojjettu waan murtii Waaqaa jalaa baatu seetaa?
かかる事をおこなふ者を審きて自己これを行ふ人よ、なんぢ神の審判を遁れんと思ふか。
4 Yookaan ati akka gara laafummaan Waaqaa gara qalbii jijjiirrannaatti si geessu utuu hin beekin baayʼina gara laafummaa isaa, gara balʼina isaatii fi obsa isaa ni tuffattaa?
神の仁慈なんぢを悔改に導くを知らずして、その仁慈と忍耐と寛容との豐なるを輕んずるか。
5 Ati garuu sababii mata jabina keetiitii fi garaa kee isa qalbii hin jijjiirranne sanaatiif guyyaa dheekkamsa Waaqaa kan murtiin qajeelaan itti mulʼatu sanaaf dheekkamsa of irratti kuusaa jirta.
なんぢ頑固と悔改めぬ心とにより、己のために神の怒を積みて、その正しき審判の顯るる怒の日に及ぶなり。
6 Waaqni, “Nama hundaaf akkuma hojii isaatti gatii isaa ni kenna.”
神はおのおのの所作に隨ひて報い、
7 Inni warra obsaan waan gaarii hojjechaa kabaja, ulfinaa fi jireenya hin dabarre barbaadaniif jireenya bara baraa ni kenna. (aiōnios g166)
耐へ忍びて善をおこない光榮と尊貴と朽ちざる事とを求むる者には、永遠の生命をもて報い、 (aiōnios g166)
8 Warra ofittoo kanneen dhugaadhaaf ajajamuu didanii hammina duukaa buʼan garuu dheekkamsaa fi aariitu isaan eeggata.
徒黨により眞理に從はずして不義にしたがう者には、怒と憤恚とをもて報い給はん。
9 Nama hammina hojjetu hunda irratti, jalqabatti Yihuudii irratti, ergasii immoo Nama Ormaa irratti dhiphinnii fi rakkinni ni dhufa.
すべて惡をおこなふ人には、ユダヤ人を始めギリシヤ人にも患難と苦難とあり。
10 Garuu nama waan gaarii hojjetu hundaaf, jalqabatti Yihuudiif, ergasii immoo Nama Ormaatiif kabajni, ulfinnii fi nagaan ni taʼa.
凡て善をおこなふ人には、ユダヤ人を始めギリシヤ人にも光榮と尊貴と平安とあらん。
11 Waaqni nama wal hin caalchisuutii.
そは神には偏り視 給ふこと無ければなり。
12 Warri utuu seera hin qabaatin cubbuu hojjetan hundinuu seera malee barbadaaʼu; warra utuu seera qabanuu cubbuu hojjetan hundattis seeruma sanaan murama.
凡そ律法なくして罪を犯したる者は律法なくして滅び、律法ありて罪を犯したる者は律法によりて審かるべし。
13 Sababiin isaas warra seeraaf ajajamanitu fuula Waaqaa duratti qajeeltota taasifama malee warri seera dhagaʼan qajeeltota miti.
律法を聞くもの神の前に義たるにあらず、律法をおこなふ者のみ義とせらるべし。――
14 Namoonni Ormaa warri seera hin qabne yoo uumamaan waan seerri ajaju hojjetan, yoo seera qabaachuu baatan illee isaan ofii isaaniitiifuu seera.
律法を有たぬ異邦人、もし本性のまま律法に載せたる所をおこなふ時は、律法を有たずともおのづから己が律法たるなり。
15 Isaan waan qalbiin isaanii dhugaa baʼuuf, waan yaadni isaaniis yeroo tokko isaan himatee yeroo kaan immoo isaaniif falmuuf, akka ajajni seeraa garaa isaanii keessatti barreeffame ni argisiisu.
即ち律法の命ずる所のその心に録されたるを顯し、おのが良心もこれを證をなして、その念、たがひに或は訴へ或は辯明す。――
16 Akka wangeela ani lallabuutti wanni kun gaafa Waaqni icciitii namootaa karaa Yesuus Kiristoosiin murtii itti kennutti taʼa.
是わが福音に云へる如く、神のキリスト・イエスによりて人々の隱れたる事を審きたまふ日に成るべし。
17 Ati yoo Yihuudii ofiin jette, yoo seera amanatte, yoo kan Waaqaanis of jajju taate,
汝ユダヤ人と稱へられ、律法に安んじ、神を誇り、
18 yoo fedhii isaa beekte, yoo seera sanaanis qajeelfamtee waan hunda caalu mirkaneeffatte,
その御意を知り、律法に教へられて善惡を辨へ、
19 warra iji isaanii jaameef dura deemaa, warra dukkana keessa jiraniif immoo ifa taʼuu kee yoo amante,
また律法のうちに知識と眞理との式を有てりとして、盲人の手引、暗黒にをる者の光明、
20 karaa seeraatiinis beekumsaa fi dhugaa qabduun yoo wallaaltota gorsite, daaʼimmanis yoo barsiifte,
愚なる者の守役、幼兒の教師なりと自ら信ずる者よ、
21 egaa ati kan warra kaan barsiiftu, ofii kee immoo hin barsiiftuu? Kan “Hin hatin” jettee barsiiftu ofii keetii immoo ni hattaa?
何ゆゑ人に教へて己を教へぬか、竊む勿れと宣べて自ら竊むか、
22 Ati kan, “Namni ejjuu hin qabu” jettu ofii keetii ni ejjitaa? Kan waaqota tolfamoo akka malee jibbitu mana qulqullummaa ni saamtaa?
姦淫する勿れと言ひて姦淫するか、偶像を惡みて宮の物を奪ふか、
23 Ati kan Seeraan of jajju seera cabsuudhaan Waaqa ni salphiftaa?
律法に誇りて律法を破り神を輕んずるか。
24 “Sababii keessaniif maqaan Waaqaa Namoota Ormaa gidduutti arrabsama” jedhamee barreeffameeraatii.
録して『神の名は汝らの故によりて異邦人の中に涜さる』とあるが如し。
25 Yoo ati seera eegde dhagna qabaan faayidaa qaba; yoo seera cabsite garuu akka waan dhagna hin qabatinii taateerta.
なんぢ律法を守らば割禮は益あり、律法を破らば汝の割禮は無 割禮となるなり。
26 Warri dhagna hin qabatin yoo waan seerri ajaju eegan, akka waan dhagna qabataniitti hin ilaalamanii ree?
割禮なき者も律法の義を守らば、その無 割禮は割禮とせらるるにあらずや。
27 Namni utuu fooniin dhagna hin qabatin seera eegu tokko si nama seera barreeffame qabaattee dhagnas qabattee seera cabsitutti ni mura.
本性のまま割禮なくして律法を全うする者は、儀文と割禮とありてなほ律法をやぶる汝を審かん。
28 Namni waan alaan mulʼatu qofaan Yihuudii hin taʼu; dhagna qabachuunis waan alaan mulʼatu qofa miti.
それ表面のユダヤ人はユダヤ人たるにあらず、肉に在る表面の割禮は割禮たるにあらず。
29 Garuu nama keessa namummaa isaatiin Yihuudii taʼetu Yihuudii dha; dhagna qabaanis dhagna qabaa yaada garaa kan Hafuuraan taʼuudha malee seera barreeffameen miti. Namni akkasii Waaqa biratti malee nama biratti hin jajamu.
隱なるユダヤ人はユダヤ人なり、儀文によらず、靈による心の割禮は割禮なり、その譽は人よりにあらず、神より來るなり。

< Roomaa 2 >