< Roomaa 16 >

1 Obboleettii keenya Feebeen tajaajiltuu waldaa kiristaanaa ishee Kanchireʼaa imaanaa isinitti nan kennadha.
ברצוני להמליץ לפניכם על אחותנו היקרה פובי, העובדת בשירות הקהילה בקנכרי.
2 Isheen namoota baayʼeef, anaafis gargaarsa guddaa waan taateef akka isin simannaa qulqullootaaf maluun Gooftaadhaan ishee simattanii fi akka gargaarsa isheen isin irraa barbaaddu kam iyyuu isheef gootan isinin kadhadhaa.
היא עומדת לבקר אתכם בקרוב, ואני מבקש מכם שתקבלוה בחמימות ותעזרו לה בכל צרכיה, כי היא עזרה למאמינים רבים ולי ביניהם.
3 Phirisqilaa fi Aqiilaa, warra Kiristoos Yesuusiin na wajjin tajaajilanitti nagaa naa himaa.
מסרו דרישת שלום לפריסקלה ועקילס – חברי בעבודת המשיח,
4 Isaan naa jedhanii lubbuu isaanii balaaf saaxilan. Utuu ana qofa hin taʼin Waldaaleen Kiristaanaa Namoota Ormaa hundinuus isaan galateeffatu.
שסיכנו את חייהם למעני. לא רק אני אסיר תודה להם, אלא כל קהילות הגויים.
5 Waldaa Kiristaanaa kan mana isaaniitti walitti qabamtuttis nagaa naa himaa. Biyya Asiyaa keessaa Kiristoositti amanuutti hangafa kan taʼe michuu koo jaallatamaa Axeenexoonittis nagaa naa himaa.
שאלו גם לשלום חברי הקהילה הנפגשים בביתם. דרישת שלום לאפינטוס היקר, שהיה המאמין המשיחי הראשון באסיה.
6 Maariyaam ishee baayʼee isinii dhamaatettis nagaa naa himaa.
דרישת שלום למרים שעשתה למענכם רבות,
7 Firoota koo warra na wajjin hidhaman Androoniqoosii fi Yuuniyaanittis nagaa naa himaa. Isaan warra ergamoota keessaa maqaa gaarii qaban kanneen na dura Kiristoositti amananii dha.
ולקרובי משפחתי, אנדרוניקוס ויוניס, שהיו אסורים איתי בבית־הכלא. השניים מכובדים מאוד בין השליחים, ולמעשה האמינו במשיח לפני.
8 Amphiliyaaxos isa ani Gooftaadhaan jaalladhutti nagaa naa himaa.
דרישת שלום לאמפליאס – ידידי ואחי היקר באמונה,
9 Urbaanos isa Kiristoosin nu wajjin tajaajiluu fi michuu koo jaallatamaa Isxaakisittis nagaa naa himaa.
לאסטכיס החביב, ולאורבנוס, חברנו הנאמן לאדון, ולבני־משפחתו של אריסטובולוס.
10 Apheelees isa Kiristoositti amanamuun isaa qoramee mirkaneeffametti nagaa naa himaa. Warra mana Arisxoobuluu jiraatanittis nagaa naa himaa.
11 Fira koo Heroodiyoonaatti, nagaa naa himaa. Warra mana Naarkisoos jiraatan kanneen Gooftaatti amananittis nagaa naa himaa.
שאלו לשלום קרובי – הורודיון, ולשלום המאמינים שבין בני ביתו של נרקיסוס.
12 Warra Gooftaatti amananii dhamaʼan Tiriifeenaa fi Tiriifoosaatti nagaa naa himaa. Pharsiis jaallatamtuu hojii Gooftaatti amantee baayʼee dhamaatettis nagaa naa himaa.
דרישת שלום לטרופינה ולטרופסה, העובדות בשירות האדון, ולפרסיס היקרה אשר עמלה רבות למען האדון.
13 Ruufoos isa Gooftaadhaan filatamee fi haadha isaa ishee anaafis haadha taatetti nagaa naa himaa.
דרישת שלום לרופוס, אשר נבחר על־ידי האדון, ולאמו שהייתה לי כאם.
14 Asinqiriixoositti, Fileegoonitti, Hermeesitti, Phaaxroobaasitti, Hermaasittii fi obboloota isaan wajjin jiranitti nagaa naa himaa.
שאלו לשלום אסונקריטוס, פליגון, הרמס, פטרובס, הרמיס והאחרים הנמצאים אתם.
15 Filologoonitti, Yuuliyaatti, Neeriyoosittii fi obboleettii isaatti, Olimphaasittii fi qulqulloota isaan wajjin jiran hundattis nagaa naa himaa.
שאלו לשלום פילולוגוס, יוליא, נירוס ואחותו, אולימפס וכל המאמינים אשר איתם.
16 Dhungoo qulqulluudhaan nagaa wal gaafadhaa. Waldaaleen Kiristoos hundinuu nagaa isinii dhaamu.
דרישת שלום לכם מכל קהילות המאמינים כאן. ברכו איש את רעהו בנשיקה קדושה.
17 Yaa obboloota, ani akka isin warra gargar baʼuu uumanii barumsa isin barattaniinis mormuudhaan karaa keessan irra gufuu kaaʼan irraa of eeggattan isin kadhadha. Isaan irraa fagaadhaa.
לסיום מכתבי ברצוני להזהירכם: התרחקו מהאנשים הגורמים לפילוגים ולמחלוקות; הם מנסים לפתות ולהכשיל אתכם, כדי להרחיקכם מדבר ה׳ שאותו למדתם.
18 Namoonni akkasii garaa ofii malee Gooftaa keenya Kiristoosin hin tajaajilaniitii. Isaan afaan toluu fi saaduudhaan qalbii namoota garraamii ni hatu.
אנשים אלה אינם משרתים את אדוננו ישוע המשיח, כי אם את עצמם. בלשון חנופה ובדברי חלקות הם מתעים את הכסילים והתמימים.
19 Waaʼeen ajajamuu keessanii nama hundumaa biratti dhagaʼameera; anis isinitti nan gammada; garuu akka isin waan gaariif ogeeyyii, waan hamaaf immoo garraamota taatan nan barbaada.
נאמנותכם לאדוננו ידועה בכל מקום, ועובדה זאת משמחת אותי מאוד. אני רוצה שתמיד תבדילו בין טוב לרע, ושתתרחקו מכל דבר רע.
20 Waaqni nagaa dafee Seexana miilla keessan jalatti ni burkuteessa. Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus isin wajjin haa taʼu.
ואלוהי השלום יכניע לרגליכם במהרה את השטן. ברכת ישוע המשיח אדוננו עליכם.
21 Xiimotewos inni na wajjin tajaajilu, akkasumas firoonni koo Luukiyoos, Yaasonii fi Soosiiphaaxroos nagaa isinii dhaamu.
חברי טימותיוס וקרובי משפחתי: לוקיוס, יסון וסוסיפטרוס שולחים לכם דרישת שלום.
22 Ani Xerxiwoos barreessaan xalayaa kanaa Gooftaadhaan nagaa isinii dhaama.
גם אני, טרטיוס, הכותב מכתב זה בשם פולוס, מוסר לכם דרישת שלום.
23 Gaayoos inni anaa fi waldaa Kiristaanaa guutuu keessumsiisus nagaa isinii dhaama. Bulchaan maallaqaa kan magaalaa kanaa Erisxoos, akkasumas obboleessi keenya Quʼasxiroos nagaa isinii dhaamu. [
גיוס – מארחי ומארח הקהילה שנפגשת בביתו, שואל לשלומכם, וכן ארסטוס גזבר־העיר וקורטוס.
24 Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isin hunda wajjin haa taʼu.]
שלום לכולכם. ברכת ישוע המשיח אדוננו על כולכם. – אמן.
25 Egaa Waaqni akka wangeela koottii fi lallaba waaʼee Yesuus Kiristoositti, akka mulʼata icciitii bara dheeraaf dhokfamee tureettis jabeessee isin dhaabuu ni dandaʼa; (aiōnios g166)
אני מפקיד אתכם בידי האלוהים אשר יכול לחזק את אמונתכם, כפי שמבטיחה הבשורה וכפי שכבר אמרתי לכם. זאת תוכניתו של ה׳ לישועת הגויים, תוכנית שנשמרה בסוד מבריאת העולם. (aiōnios g166)
26 amma garuu akka saboonni hundinuu Waaqatti amananii fi isaaf ajajamaniif icciitiin sun ajaja Waaqa bara baraatiin katabbiiwwan raajotaatiin ifatti baafameera; beeksifameeras. (aiōnios g166)
אולם עתה, כדברי הנביאים ולפי מצוות ה׳, מתפרסמת בשורה זו בכל מקום, ואנשים מכל העולם מאמינים במשיח ומצייתים לו. (aiōnios g166)
27 Waaqa kophaa isaa ogeessa taʼe sanaaf karaa Yesuus Kiristoosiin ulfinni bara baraan haa taʼu! Ameen. (aiōn g165)
לאלוהינו החכם האחד כל הכבוד לעולמי עולמים, על־ידי ישוע המשיח אדוננו. – אמן. (aiōn g165)

< Roomaa 16 >