< Roomaa 15 >
1 Nu warri jajjaboo taane, dadhabbii warra dadhaboo baachuu qabna malee ofuma gammachiisuu hin qabnu.
Now we who are strong ought to bear with the limitations of the weak, and not to please ourselves.
2 Tokkoon tokkoon keenya ollaa keenya ijaaruuf, akka isatti toluuf waan isa gammachiisu gochuu qabna.
Let each of us please the neighbor with a view to what is good for edifying.
3 Kiristoos iyyuu ofii isaa hin gammachiifneetii; kun garuu akkuma, “Arrabsoon warra si arrabsanii narra gaʼeera” jedhamee barreeffamee dha.
Because even the Christ did not please Himself; rather, as it is written: “The revilings of those reviling you fell on me.”
4 Nu akka obsaa fi jajjabina Katabbiiwwan Qulqulluun kennaniin abdii qabaannuuf wanti duraan barreeffame hundi barumsa keenyaaf barreeffameetii.
Whatever things were written before were so written for our instruction, so that through the fortitude and the encouragement of the Scriptures we might have hope.
5 Waaqni obsaa fi jajjabina namaa kennu sun akka isin yaaduma Kiristoos Yesuus qabaate sana walii qabaattan isin haa gargaaru.
Now may the God of that fortitude and that encouragement grant you to be of the same mind among yourselves according to Christ Jesus,
6 Kunis akka isin yaada tokkoo fi afaan tokkoon Waaqaaf, Abbaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiif ulfina kennitaniif.
so that you may glorify the God and Father of our Lord Jesus Christ with one heart and voice.
7 Kanaaf akkuma Kiristoos ulfina Waaqaatiif jedhee isin simatetti isinis wal simadhaa.
Therefore accept one another, just as the Christ also accepted us, to the glory of God.
8 Kiristoos dhugaa Waaqaatiif jedhee waadaa abbootiif kenname mirkaneessuuf akka tajaajilaa warra dhagna qabatanii taʼe ani isinittin himaatii;
Now I say that Christ Jesus has become a minister to the circumcised on behalf of God's truth, in order to confirm the promises to the fathers;
9 kunis akka Namoonni Ormaa sababii araara isaatiif Waaqa ulfeessaniif. Innis akkuma, “Kanaafuu ani Namoota Ormaa gidduutti sin jajadha; maqaa keetiifis nan faarfadha” jedhamee barreeffamee dha.
and that the Gentiles might glorify God for His mercy, as it is written: “For this reason I will give praise to you among the Gentiles, O Lord, and will sing psalms to your name.”
10 Amma illee, “Yaa Namoota Ormaa, isin saba isaa wajjin gammadaa” jedha.
And again He says: “Rejoice, O Gentiles, with His people!”
11 Amma illee, “Yaa Namoota Ormaa, hundi keessan Gooftaa jajadhaa; namoonni hundinuus faarfannaadhaan isa leellisaa” jedha.
And again: “Praise the Lord, all you Gentiles, and laud Him, all you peoples!”
12 Akkasumas Isaayyaas, “Hiddi Isseey kan saboota bulchuuf kaʼu tokko ni dhufa; Namoonni Ormaas isa abdatu” jedha.
And again, Isaiah says: “The Root of Jesse will appear, even He who rises up to rule over the nations; the Gentiles will place their hope on Him.”
13 Isinis akka humna Hafuura Qulqulluutiin abdiitti akka malee guddattaniif, Waaqni abdii sun isa amanachuu keessaniin gammachuu fi nagaa hundumaan isin haa guutu.
Now may the God of the hope fill you with all joy and peace in believing, so that you may abound in that hope by the power of the Holy Spirit.
14 Yaa obboloota ko, isin ofii keessanii akka gaarummaadhaan guutuu taatan, akka beekumsaan guutamtanii fi akka wal gorsuu dandeessan ani iyyuu hubadheera.
Now I myself am really confident about you, my brothers, that you yourselves are full of goodness, filled with all knowledge, able also to admonish others.
15 Ani sababii ayyaana Waaqni naaf kenneetiif waan tokko tokko isin yaadachiisuuf jedhee ija jabinaan isinii barreesseera;
Nevertheless I have written to you quite boldly on some points, brothers, as a reminder to you, because of the grace given to me by God,
16 kunis akka Namoonni Ormaa Hafuura Qulqulluun Qulqulleeffamanii fuula Waaqaa duratti aarsaa fudhatama qabu taʼanii fi akka ani lubummaa wangeela Waaqaa lallabuutiin Namoota Ormaatiif tajaajilaa Kiristoos Yesuus taʼuuf.
that I should be a minister of Jesus Christ to the nations, serving the Gospel of God as a priest so that the Gentiles might become an acceptable offering, sanctified by Holy Spirit.
17 Kanaafuu ani Waaqa tajaajiluu kootiin Kiristoos Yesuusiin nan boona.
So in Christ Jesus I do have a boast in things pertaining to God;
18 Ani waan Kiristoos waan ani jedhee fi hojjedheen akka Namoonni Ormaa Waaqaaf ajajaman gochuudhaan karaa kootiin raawwateen alatti homaa dubbachuuf ija hin jabaadhu;
because I do not presume to speak of anything except those things that Christ has accomplished through me to make the Gentiles obedient—by word and deed,
19 kunis humna mallattoo fi dinqiitiin, humna Hafuura Qulqulluutiinis raawwatame. Kanaafuu ani Yerusaalemii jalqabee naannaʼuun hamma Ilwaariqoonitti guutummaatti wangeela Kiristoos lallabeera.
by the power of signs and wonders, by the power of God's Spirit, so that I have fully proclaimed the Gospel of the Christ from Jerusalem all the way around to Illyricum.
20 Ani akka hundee namni biraa buuse irratti hin ijaarreef lafa Kiristoos itti hin beekaminitti wangeela lallabuuf yeroo hunda tattaaffadheera.
It has always been my aim to evangelize where Christ has not been named, so that I would not be building on someone else's foundation;
21 Kunis isa, “Warri waaʼeen isaa itti hin himamin ni argu; warri hin dhagaʼinis ni hubatu” jedhamee barreeffamee dha.
rather, as it is written: “Those to whom He was not announced will see, and those who have not heard will understand.”
22 Anis kan yeroo baayʼee gara keessan dhufuu dhowwameef kanuma.
That is why I have been hindered these many times from coming to you.
23 Amma garuu naannoowwan kanneenitti iddoon itti hojjedhu waan hin jirree fi anis waan isin arguuf waggaa baayʼee hawwaa tureef,
But now, no longer having a place in these parts, and having a longing these many years to come to you,
24 yeroo Isphaaniyaa dhaqu isinitti goruu nan yaada. Anis yeroo achi irra darbu erga isin argee xinnoo isin wajjin gammadee booddee akka imala koo irratti na gargaartan nan abdadha.
whenever I travel to Spain I will come to you. Because I hope to see you while passing through, and to be sent on my way there by you, if I may first enjoy your company for a while.
25 Amma garuu ani qulqulloota tajaajiluuf Yerusaalem dhaquuttin jira.
Now, however, I am traveling to Jerusalem, serving the saints.
26 Warri Maqedooniyaatii fi Akaayaa qulqulloota Yerusaalem jiraatan keessaa kanneen hiyyeeyyii taʼaniif buusii gochuutti gammadaniiruutii.
Because Macedonia and Achaia were pleased to make a certain contribution for the poor among the saints in Jerusalem.
27 Isaan waan kana gochuuf ni gammadan; dhugumaanuu waan kana isaaniif gochuun dirqama isaanii ti. Namoonni Ormaa erga eebba hafuuraa Yihuudoota irraa qooddatanii, eebba isaanii kan foonii immoo Yihuudootaaf qooduun dirqama isaanii ti.
Yes, they were pleased, and they are indebted to them. For if the Gentiles have shared in their spiritual things, they are also obligated to minister to them in physical things.
28 Kanaaf ani ergan waan kana raawwadhee, akka isaan buusii kana fudhatan mirkaneeffadhee booddee goree isin ilaalee Isphaaniyaa nan dhaqa.
So when I have finished this and have sealed to them this ‘fruit’, I will go by way of you to Spain.
29 Ani yommuu gara keessan dhufu akka eebba Kiristoosiin guutamee dhufu nan beeka.
And I know that when I come to you, I will come in the fullness of the blessing of the Gospel of the Christ.
30 Yaa obboloota, akka isin kadhannaa Waaqa kadhattan keessatti naaf kadhachuudhaan na wajjin dhamaatan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin, jaalala Hafuura Qulqulluutiinis isinin kadhadha.
Now I implore you, brothers, by our Lord Jesus Christ and by the love of the Spirit, to strive together with me in prayers to God on my behalf,
31 Akka ani namoota Yihuudaa keessa jiraatan kanneen hin amanin jalaa baʼuu fi akka tajaajilli koos Yerusaalem keessatti qulqulloota achi jiraatan biratti fudhatama argatu naaf kadhadhaa;
that I may be delivered from those in Judea who do not believe, and that my service to Jerusalem may be well received by the saints;
32 kunis akka ani fedhii Waaqaatiin, gammachuudhaan isin bira dhufee isin wajjin boqodhuuf.
so that I may come to you with joy by the will of God and be refreshed together with you.
33 Waaqni nagaa hunduma keessan wajjin haa taʼu. Ameen.
Now the God of peace be with you all. Amen.