< Roomaa 14 >
1 Nama amantiitti dadhabaa taʼe ofitti qabaa; waan wal nama falmisiisu irrattis itti hin murinaa.
τον δε ασθενουντα τη πιστει προσλαμβανεσθε μη εις διακρισεις διαλογισμων
2 Namni tokko akka waan hunda nyaachuu dandaʼu amana; namni amantiin isaa dadhabaa taʼe kaan garuu biqiltuu qofa nyaata.
ος μεν πιστευει φαγειν παντα ο δε ασθενων λαχανα εσθιει
3 Namni nyaatu kan hin nyaatin hin tuffatin; inni hin nyaatinis kan nyaatutti hin murin; Waaqni isa ofitti qabeeraatii.
ο εσθιων τον μη εσθιοντα μη εξουθενειτω και ο μη εσθιων τον εσθιοντα μη κρινετω ο θεος γαρ αυτον προσελαβετο
4 Hojjetaa nama kaaniitti kan murtu ati eenyu? Inni yoo dhaabates yoo kufes gooftaa isaatiif. Waan Gooftaan isa dhaabachiisuu dandaʼuufis ni dhaabata.
συ τις ει ο κρινων αλλοτριον οικετην τω ιδιω κυριω στηκει η πιπτει σταθησεται δε δυνατος γαρ εστιν ο θεος στησαι αυτον
5 Namni tokko akka waan guyyaan tokko guyyaa kaan caaluutti yaada; namni kaan immoo guyyaan hundi tokkuma jedhee yaada. Namni kam iyyuu yaada ofii isaa guutummaatti amanee haa fudhatu.
ος μεν κρινει ημεραν παρ ημεραν ος δε κρινει πασαν ημεραν εκαστος εν τω ιδιω νοι πληροφορεισθω
6 Namni guyyicha kabaju Gooftaaf jedhee kabaja; kan guyyicha hin kabajnes Gooftaaf jedhee hin kabaju. Kan nyaatu Gooftaaf jedhee nyaata; inni Waaqa galateeffataatii; kan hin nyaannes Gooftaaf jedhee hin nyaatu; Waaqas ni galateeffata.
ο φρονων την ημεραν κυριω φρονει και ο μη φρονων την ημεραν κυριω ου φρονει ο εσθιων κυριω εσθιει ευχαριστει γαρ τω θεω και ο μη εσθιων κυριω ουκ εσθιει και ευχαριστει τω θεω
7 Nu keessaa namni mataa isaatiif jiraatu, kan mataa isaatiif duʼus hin jiruutii.
ουδεις γαρ ημων εαυτω ζη και ουδεις εαυτω αποθνησκει
8 Nu yoo jiraanne Gooftaaf jiraanna; yoo duunes Gooftaaf duuna. Kanaafuu yoo jiraannes yoo duunes nu kan Gooftaa ti.
εαν τε γαρ ζωμεν τω κυριω ζωμεν εαν τε αποθνησκωμεν τω κυριω αποθνησκομεν εαν τε ουν ζωμεν εαν τε αποθνησκωμεν του κυριου εσμεν
9 Sababii kanaaf Kiristoos Gooftaa duʼaaleyyiitii fi jiraatoo taʼuuf duʼe; deebiʼees jiraataa taʼe.
εις τουτο γαρ χριστος και απεθανεν και ανεστη και ανεζησεν ινα και νεκρων και ζωντων κυριευση
10 Yoos ati maaliif obboleessa keetti murta ree? Yookaan maaliif obboleessa kee tuffatta ree? Nu hundi teessoo murtii Waaqaa dura ni dhaabannaatii.
συ δε τι κρινεις τον αδελφον σου η και συ τι εξουθενεις τον αδελφον σου παντες γαρ παραστησομεθα τω βηματι του χριστου
11 Kunis: “‘Ani jiraataadhaatii; jilbi hundi anaaf ni jilbeenfata; arrabni hundi Waaqaaf dhugaa baʼa’ jedha Gooftaan” jedhamee barreeffameeraatii.
γεγραπται γαρ ζω εγω λεγει κυριος οτι εμοι καμψει παν γονυ και πασα γλωσσα εξομολογησεται τω θεω
12 Kanaafis tokkoon tokkoon keenya waaʼee mataa keenyaa fuula Waaqaa duratti deebii ni kennina.
αρα ουν εκαστος ημων περι εαυτου λογον δωσει τω θεω
13 Kanaafuu nu walitti muruu haa dhiifnu. Qooda kanaa akka karaa obboleessa keessanii irra gufuu yookaan waan gufachiisu tokko illee hin keenye murteeffadhaa.
μηκετι ουν αλληλους κρινωμεν αλλα τουτο κρινατε μαλλον το μη τιθεναι προσκομμα τω αδελφω η σκανδαλον
14 Akka wanni ofuma isaatiin xuraaʼaa taʼe tokko iyyuu hin jirre ani karaa Gooftaa Yesuus nan beeka; nan amanas. Nama wanni tokko xuraaʼaadha jedhee yaaduuf garuu wanni sun isaaf xuraaʼaa dha.
οιδα και πεπεισμαι εν κυριω ιησου οτι ουδεν κοινον δι εαυτου ει μη τω λογιζομενω τι κοινον ειναι εκεινω κοινον
15 Yoo wanni ati nyaattu obboleessa kee miidhe, ati jaalalaan jiraachaa hin jirtu. Ati waan nyaattuun obboleessa kee isa Kiristoos isaaf duʼe hin balleessin.
ει δε δια βρωμα ο αδελφος σου λυπειται ουκετι κατα αγαπην περιπατεις μη τω βρωματι σου εκεινον απολλυε υπερ ου χριστος απεθανεν
16 Kanaafuu wanti isin gaariidha jettan akka arrabsamu hin godhinaa.
μη βλασφημεισθω ουν υμων το αγαθον
17 Mootummaan Waaqaa qajeelummaa, nagaa fi gammachuu Hafuura Qulqulluun taʼeedha malee waaʼee nyaataa fi dhugaatii mitiitii.
ου γαρ εστιν η βασιλεια του θεου βρωσις και ποσις αλλα δικαιοσυνη και ειρηνη και χαρα εν πνευματι αγιω
18 Namni haala kanaan Kiristoosin tajaajilu Waaqa gammachiisaatii; namoota birattis fudhatama argata.
ο γαρ εν τουτοις δουλευων τω χριστω ευαρεστος τω θεω και δοκιμος τοις ανθρωποις
19 Kanaaf waan nagaa fidu gochuu fi wal ijaaruuf haa tattaaffannu.
αρα ουν τα της ειρηνης διωκωμεν και τα της οικοδομης της εις αλληλους
20 Nyaataaf jettee hojii Waaqaa hin balleessin. Nyaanni hundi qulqulluu dha; garuu waan nama biraa gufachiisu kam iyyuu nyaachuun nama tokkoof dogoggora.
μη ενεκεν βρωματος καταλυε το εργον του θεου παντα μεν καθαρα αλλα κακον τω ανθρωπω τω δια προσκομματος εσθιοντι
21 Akka obboleessi kee hin gufanneef, foon nyaachuu dhiisuun yookaan daadhii wayinii dhuguu dhiisuun yookaan waan biraa kam iyyuu gochuu dhiisuun gaarii dha.
καλον το μη φαγειν κρεα μηδε πιειν οινον μηδε εν ω ο αδελφος σου προσκοπτει η σκανδαλιζεται η ασθενει
22 Kanaafuu ati amantii waan kana irratti qabdu kam iyyuu fuula Waaqaa duratti ofumaa keetii qabaadhu. Namni waan amanee fudhate irratti ofitti hin murre eebbifamaa dha.
συ πιστιν εχεις κατα σαυτον εχε ενωπιον του θεου μακαριος ο μη κρινων εαυτον εν ω δοκιμαζει
23 Namni shakkii qabu garuu nyaachuun isaa waan amantiin hin taʼiniif yoo nyaate isatti murama; wanni amantiin hin taʼin kam iyyuu cubbuudhaatii.
ο δε διακρινομενος εαν φαγη κατακεκριται οτι ουκ εκ πιστεως παν δε ο ουκ εκ πιστεως αμαρτια εστιν