< Roomaa 13 >

1 Namni kam iyyuu warra taayitaa bulchiinsaa irra jiran jalatti buluu qaba; yoo Waaqa irraa taʼe malee taayitaa qabaachuun hin dandaʼamuutii. Warra taayitaa qaban Waaqatu muude.
人要服從上級有權柄的人,因為沒有權柄不是從天主來的,所有的權柄都是由天主規定的。
2 Kanaafuu namni abbootii taayitaatiin mormu sirna Waaqaatiin morma; warri akkas godhanis murtii ofitti fidu.
所以誰反抗權柄,就是反抗天主的規定,而反抗的人就是自取處罰。
3 Bulchitoonni warra waan hamaa hojjetan malee warra waan gaarii hojjetan hin sodaachisan. Ati akka nama taayitaa qabu hin sodaanne ni barbaaddaa? Egaa waan gaarii hojjedhu; inni iyyuu si galateeffataatii.
因為長官為行善的人,不是可怕的;為行惡的人,才是可怕的。你願意不怕掌權的嗎?你行善吧罷! 那就可由他得到稱讚,
4 Inni waan gaarii siif gochuudhaaf tajaajilaa Waaqaatii. Ati garuu yoo waan hamaa hojjette sodaadhu; inni akkasumaan goraadee hin qabatuutii. Inni tajaajilaa Waaqaa kan warra waan hamaa hojjetan irratti dheekkamsa fiduun haaloo baasuu dha.
因為他是天主的僕役,是為相幫你行善;你若作惡,你就該害怕,因為他不是無故帶劍;他既是天主的僕役,就負責懲罰作惡的人;
5 Kanaafuu sababii dheekkamsaa qofaaf utuu hin taʼin, yaada qulqulluudhaan warra taayitaa irra jiran jalatti buluun barbaachisaa dha.
所以必須服從,不只是為怕懲罰,而也是為了良心。
6 Isinis kanumaaf qaraxa baaftu; abbootiin taayitaa tajaajiltoota Waaqaa warra yeroo isaanii guutuu hojii bulchiinsaatiif kennaniidhaatii.
為此,你們也該完糧,因為他們是天主的差役,是專為盡這義務的。
7 Waan nama hundaaf kennuun isin irra jiru kennaa; yoo qaraxa taʼe qaraxa, yoo gibira taʼe immoo gibira baasaa; yoo sodaachuu taʼe sodaadhaa; yoo ulfina kennuu taʼes, ulfina kennaa.
凡人應得的,你們要付清;該給誰完糧,就完糧;該給誰納稅,就納稅;該敬畏的,就敬畏;該尊敬的,就尊敬。
8 Isin wal jaallachuu malee gatii tokko illee of irraa hin qabaatinaa; namni nama biraa jaallatu kam iyyuu seera raawwateeraatii.
除了彼此相愛外,你們不可再欠人什麼,因為誰愛別人,就滿全了法律。
9 Ajajawwan, “Hin ejjin; hin ajjeesin; hin hatin; hin hawwin” jedhanii fi ajajni biraas seera, “Ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu” jedhu kanaan walitti guduunfamu.
其實『不可奸淫,不可殺人,不可偷盜,不可貪戀,』以及其他任何誡命,都包含在這句話裏:就是『愛你的近人如你自己。』
10 Jaalalli ollaa isaa hin miidhu. Kanaafuu jaalalli raawwii seeraa ti.
愛不加害於人,所以愛就是法律的滿全。
11 Yeroon isin hirribaa dammaqxan amma akka taʼe hubadhaa. Yeroo nu itti amanne sana caalaa fayyinni keenya amma nutti dhiʼaateeraatii.
再者,你們該認清這個時期,現在已經是由睡夢中醒來的時辰了,因為我們的救恩,現今比我們當初信的時候更臨近了。
12 Halkan bariʼuu gaʼeera; guyyaanis dhiʼaateera. Kanaafuu hojii dukkanaa of irraa gannee miʼa lolaa kan ifaa haa hidhannu.
黑夜深了,白日已近,所我們該脫去黑暗的行為,佩戴光明的武器;
13 Kottaa akka yeroo guyyaatti amala gaariin haa jiraannu; addaggummaa fi machiidhaan miti; jireenya sagaagalummaa fi gad dhiisiitiin miti; wal loluu fi hinaaffaadhaan miti.
行動要端莊,好像在白天一樣,不可狂宴豪飲,不可淫亂放蕩,不可爭鬥嫉妒;
14 Qooda kanaa Yesuus Kiristoos Goofticha uffadhaa; akka itti hawwii foonii gammachiiftan hin yaadinaa.
但該穿上耶穌基督;不應只掛念肉性的事,以滿足私慾。

< Roomaa 13 >