< Roomaa 12 >
1 Kanaafuu yaa obboloota, akka isin dhagna keessan aarsaa jiraataa, qulqullaaʼaa fi kan Waaqa gammachiisu gootanii dhiʼeessitaniif ani gara laafina Waaqaatiin isin kadhadha; kunis waaqeffannaa keessan kan hafuuraa ti.
Ina rokon ku 'yan'uwa, saboda yawan jinkan nan na Allah, da ku mika jikunanku hadaya mai rai, mai tsarki kuma abar karba ga Allah. wannan itace hidimarku ta zahiri.
2 Fedhiin Waaqaa gaariin, gammachiisaanii fi kan mudaa hin qabne maal akka taʼe qorattanii akka mirkaneessuu dandeessaniif haaromfamuu qalbii keessaniitiin geeddaramaa malee addunyaa kana hin fakkaatinaa. (aiōn )
Kada ku kamantu da wannan duniya, amma ku sami canzawa ta wurin sabunta tunaninku, kuyi haka don ku san abin da ke nagari, karbabbe, kuma cikakken nufin Allah. (aiōn )
3 Ani ayyaana naa kennameen tokkoo tokkoo keessan nan gorsaatii: Akka madaalii amantii kan Waaqni isinii kenne sanaatti qalbeeffannaadhaan waaʼee ofii keessanii yaadaa malee hamma yaaduu qabdanii olitti hin yaadinaa.
Don ina cewa, saboda alherin da aka bani, ka da waninku ya daukaka kansa fiye da inda Allah ya ajiye shi; a maimakon haka ku kasance da hikima, gwargwadon yadda Allah yaba kowa bangaskiya.
4 Akkuma dhagni keenya kutaa baayʼee qabu, akkuma kutaawwan kunneenis hojii wal fakkaatu hin qabaatin sana
Domin muna da gababuwa da yawa a jiki daya, amma ba dukansu ne ke yin aiki iri daya ba.
5 akkasuma immoo nu warri baayʼee taane Kiristoosiin dhagna tokkoo dha; tokkoon tokkoon kutaa dhagnaa kan walii isaanii ti.
haka yake a garemu, kamar yadda muke da yawa haka cikin jikin Almasihu, dukkanmu gabobin juna ne.
6 Nu akkuma ayyaana nuu kennameetti kennaa garaa garaa qabna. Yoo kennaan nama tokkoo raajii dubbachuu taʼe, inni akkuma amantii isaatitti haa dubbatu.
Muna da baye-baye dabam-dabam bisa ga alherin da aka bayar a gare mu. Idan baiwar wani anabci ne, yayi shi bisa ga iyakar bangaskiyarsa.
7 Yoo tajaajiluu taʼe, haa tajaajilu; yoo barsiisuu taʼe, haa barsiisu;
In wani yana da baiwar hidima, sai yayi hidimarsa. Idan baiwar wani koyarwa ce, yayi koyarwa.
8 yoo jajjabeessuu taʼe, haa jajjabeessu; yoo warra rakkataniif kennuu taʼe, arjummaadhaan haa kennu; yoo bulchuu taʼe, jabaatee haa bulchu; yoo maaruu taʼe, gammachuun haa maaru.
Idan baiwar wani karfafawa ce, yayi ta karfafawa; Idan baiwar wani bayarwa ce, yayi ta da hannu sake; Idan baiwar wani shugabanci ne, yayi shi da kula; Idan baiwar wani nuna jinkai ne, yayi shi da sakakkiyar zuciya.
9 Jaalalli keessan itti fakkeessuudhaan hin taʼin. Waan hamaa jibbaa; waan gaariitti maxxanaa.
Ku nuna kauna ba tare da riya ba. Ku Ki duk abin da ke mugu ku aikata abin da ke nagari.
10 Jaalala obbolummaatiin jabeessaa wal jaalladhaa. Ulfina walii kennuutti wal dorgomaa.
Akan kaunar 'yan'uwa kuma, ku kaunaci juna yadda ya kamata; akan ban girma kuma, ku ba juna girma.
11 Gooftaa tajaajiluu keessatti hafuura gubaa qabaadhaa malee hinaaffaa hin dhabinaa.
Akan himma kuma, kada ku yi sanyi; akan ruhu kuma, ku sa kwazo; Game da Ubangiji kuma, ku yi masa hidima.
12 Abdiidhaan gammadaa; dhiphina obsaa; kadhannaatti cimaa.
Akan gabagadi kuma, ku yi shi da farin ciki; akan tashin hankali kuma, ku cika da hakuri; akan adu'a kuma, ku nace.
13 Qulqulloota rakkataniif waa gumaachaa. Keessummoota simadhaa.
Ku zama masu biyan bukatar tsarkaka, ku zama masu karbar baki a gidajenku.
14 Warra isin ariʼatan eebbisaa; eebbisaa malee hin abaarinaa.
Ku albarkaci masu tsananta maku, kada ku la'anta kowa.
15 Warra gammadan wajjin gammadaa; warra booʼan wajjin booʼaa.
Ku yi farinciki tare da masu farinciki; Ku yi hawaye tare da masu hawaye.
16 Walii galteedhaan wajjin jiraadhaa. Warra jireenya gad aanaa jiraatan wajjin jiraadhaa malee hin koorinaa. Of hin tuulinaa.
Tunanin ku ya zama daya. Kada tunaninku ya zama na fahariya, amma ku yi abokantaka da matalauta. Kada wani a cikin ku ya kasance da tunanin yafi kowa.
17 Nama kamiif iyyuu hammina hamminaan hin deebisinaa. Nama hunda duratti waan gaarii hojjedhaa.
Kada ku rama mugunta da mugunta. Ku yi ayukan nagarta a gaban kowa.
18 Yoo dandaʼame, gama keessaniin nama hunda wajjin nagaan jiraadhaa.
Ku yi duk abin da za ku iya yi domin ku yi zaman salama tare da kowa.
19 Yaa jaallatamtoota, dheekkamsa Waaqaatiif iddoo kennaa malee haaloo hin baʼinaa; Gooftaan, “Haaloo baasuun kan koo ti; ani gatii nan deebisa” jedha, jedhamee barreeffameeraatii.
'Yan'uwa, kada ku yi ramako, ku bar Allah ya rama maku. A rubuce yake, '' 'Ramako nawa ne; zan saka wa kowa,' in ji Ubangiji.''
20 Garuu, “Yoo diinni kee beelaʼe, beela baasi; yoo inni dheebotes, waan inni dhugu kenniif. Kana gochuu keetiin barbadaa ibiddaa mataa isaa irra tuulta.”
''Amma idan makiyin ka na jin yunwa, ba shi abinci ya ci. Idan yana jin kishin ruwa, ba shi ruwan sha. Idan kun yi haka, garwashin wuta ne za ku saka akan duk makiyi.''
21 Gaarummaan hammina moʼi malee hamminaan hin moʼamin.
Kada mugunta ta rinjaye ku, amma ku rinjayi mugunta ta wurin yin aikin nagarta.