< Roomaa 11 >

1 Anis, “Egaa Waaqni saba isaa ni gatee ree?” jedhee nan gaafadha. Kun gonkumaa akkas miti! Ani iyyuu Israaʼelicha, sanyii Abrahaam keessaa gosa Beniyaam.
Basi nasema, je, Mungu aliwakataa watu wake? Hata kidogo. Kwa kuwa mimi pia ni Mwiisraeli, wa ukoo wa Abrahamu, wa kabila la Benyamini.
2 Waaqni saba isaa warra duraan dursee beeke sana hin ganne; isin waaʼee Eeliyaas, inni akkamitti Waaqa duratti akka Israaʼelin himate Katabbiin Qulqulluun maal akka jedhu hin beektanii? Innis akkana jedha:
Mungu hakuwakataa watu wake, aliowajua tangu mwanzo. Je hamjui andiko linasema nini kuhusu Eliya, jinsi alivyomsihi Mungu juu ya Israeli?
3 “Yaa Gooftaa isaan raajota kee ajjeesaniiru; iddoo aarsaa keetii illee diiganiiru; anuma qofatu hafe; anas ajjeesuu barbaadu.”
“Bwana, wamewaua manabii wako, nao wamebomoa madhabahu zako. Mimi peke yangu nimesalia, nao wanatafuta uhai wangu.”
4 Garuu deebiin Waaqni isaaf kenne maal ture? “Ani ofii kootiif namoota Baʼaaliif hin jilbeenfatin 7,000 hambifadheera.”
Lakini jibu la Mungu lasema nini kwako? “Nimetunza kwa ajili yangu watu elfu saba ambao hawampigii magoti Baali.”
5 Akkasuma yeroo ammaas hambaawwan ayyaanaan filataman jiru.
Hata hivyo, wakati huu wa sasa pia kuna walio salia kwa sababu ya uchaguzi wa neema.
6 Erga ayyaanaan taʼe immoo siʼachi hojiin miti; utuu hojiin taʼee immoo ayyaanni silaa ayyaana hin taʼu ture.
Lakini ikiwa ni kwa neema, si tena kwa matendo. Vinginevyo neema haitakuwa tena neema.
7 Egaa maali ree? Israaʼel waan jabeessee barbaade sana hin arganne; warri filataman garuu argataniiru. Warri kaan immoo mataa jabaatan.
Ni nini basi? Jambo ambalo Israeli alikuwa akitafuta, hakukipata, bali wateule walikipata, na wengine walitiwa uzito.
8 Kunis isa, “Waaqni hamma guyyaa harʼaatti, akka iji isaanii hin argineef, akka gurri isaaniis hin dhageenyeef, hafuura nama dawweessu isaaniif kenne” jedhamee barreeffamee dha.
Ni kama ilivyoandikwa: “Mungu amewapa roho ya ubutu, macho ili wasione, na masikio ili wasisikie, mpaka leo hii.”
9 Daawitis akkana jedha; “Maaddiin isaanii iddaa fi kiyyoo, gufuu nama gufachiisuu fi adaba isaanitti haa taʼu.
Naye Daudi anasema, “Acha meza zao na ziwe wavu, mtego, sehemu ya kujikwaa, na kulipiza kisasi dhidi yao.
10 Akka arguu hin dandeenyeef iji isaanii haa haguuggamu; dugdi isaaniis bara baraan haa goophatu.”
Acha macho yao yatiwe giza ili wasiweze kuona. Ukawainamishe migongo yao daima.”
11 Anis deebisee, “Isaan hamma kufanii kaʼuu hin dandeenyetti gufatanii?” jedheen gaafadha. Kun gonkumaa akkas miti! Garuu akka sabni Israaʼel hinaafuuf sababii balleessaa isaaniitiif fayyinni Namoota Ormaatiif dhufe.
Basi nasema, “Je, wamejikwaa hata kuanguka?” Isiwe hivyo kamwe. Badala yake, kwa kushindwa kwao, wokovu umefika kwa Mataifa, ili wao wenyewe watiwe wivu.
12 Yoos erga balleessaan isaanii addunyaaf badhaadhummaa fidee, kufaatiin isaaniis erga Namoota Ormaatiif badhaadhummaa fidee, guutummaan isaanii immoo hammam caalaa badhaadhummaa haa fiduu ree?
Sasa ikiwa kushindwa kwao ni utajiri wa ulimwengu, na kama hasara yao ni utajiri wa mataifa, ni kiasi gani zaidi itakuwa kukamilika kwao?
13 Yaa Namoota Ormaa, ani isinittin dubbadha. Ani waanan ergamaa Namoota Ormaa taʼeef, tajaajila koo nan kabaja.
Na sasa naongea nanyi watu wa Mataifa. Kwa kuwa nimekuwa mtume kwa watu wa Mataifa mengine, najivunia huduma yangu.
14 Kanaanis ani tarii saba koo hinaaffaaf kakaasee isaan keessaa tokko tokko fayyisuu abdadhee ti.
Labda nitawatia wivu walio mwili mmoja na mimi. Labda tutawaokoa baadhi yao.
15 Erga gatamuun isaanii addunyaaf araara fidee, fudhatamuun isaanii immoo warra duʼan keessaa jireenyatti kaafamuu malee maal fida ree?
Maana ikiwa kukataliwa kwao ni maridhiano ya dunia, kupokelewa kwao kutakuwaje ila uhai toka kwa wafu?
16 Kutaan bukoo kan akka kennaa hangafaatti dhiʼeeffame tokko erga qulqulluu taʼee, bukoon guutuun qulqulluu dha; hiddi erga qulqulluu taʼee, dameewwan isaas akkasuma qulqulloota.
Kama matunda ya kwanza ni akiba, ndivyo ilivyo kwa donge la unga. Kama mzizi ni akiba, matawi nayo kadhalika.
17 Dameewwan sana keessaa tokko tokko caccabsamnaan ati utuma lataa ejersa bosonaa taatee jirtuu iddoo dameewwan caccabaniitti fayyifamtee soora hidda ejersaa irraa argamu kan qooddattu taanaan,
Lakini kama baadhi ya matawi yamekatwa, kama wewe, tawi pori la mzeituni, ulipandikizwa kati yao, na kama ulishiriki pamoja nao katika mizizi ya utajiri wa mzeituni,
18 dameewwan sanatti hin koorin. Yoo of jajje garuu hidda sanatu si baata malee akka ati hidda sana hin baanne hubadhu.
usijisifu juu ya matawi. Lakini kama unajisifu, si wewe ambaye unaisaidia mizizi, bali mizizi inakusaidia wewe.
19 Atis, “Akka ani itti fayyifamuuf dameewwan sun caccabsaman” ni jetta.
Basi utasema, “Matawi yalikatwa ili nipate kupandikizwa katika shina.”
20 Kun dhuguma. Isaan waan amantii hin qabneef caccabsaman; ati garuu amantiidhaan dhaabatteerta. Kanaafuu sodaadhu malee of hin tuulin.
Hiyo ni kweli. Kwa sababu ya kutoamini kwao walikatwa, lakini wewe ulisimama imara kwa sababu ya imani yako. Usijifikirie mwenyewe kwa hali ya juu sana, bali ogopa.
21 Waaqni yoo dameewwan uumamaatiif hin hilin siifis hin hiluutii.
Kwa maana ikiwa Mungu hakuyaachia matawi ya asili, hatakuhurumia wewe pia.
22 Egaa arjummaa fi gara jabina Waaqaa hubadhu: gara jabinni isaa warra kufan irratti; arjummaan isaa garuu hamma ati arjummaa isaa keessa jiraattutti siif; yoo kanaa achii atis ni kutamta.
Angalia, basi, matendo mema na ukali wa Mungu. Kwa upande mmoja, ukali ulikuja juu ya Wayahudi ambao walianguka. Lakini kwa upande mwingine, wema wa Mungu huja juu yako, kama utadumu katika wema wake. Vinginevyo wewe pia utakatiliwa mbali.
23 Isaanis yoo amantii dhabuutti fufuu baatan itti fayyifamu; Waaqni deebisee itti isaan fayyisuu ni dandaʼaatii.
Na pia, kama hawataendelea katika kutoamini kwao, watapandikizwa tena. Maana Mungu anao uwezo wa kuwapandikiza tena.
24 Ati muka uumamaan ejersa bosonaa taʼe irraa muramtee karaa seera uumamaatiin ala taʼeen muka ejersaa kan dhaabame irratti erga fayyifamtee, dameewwan uumamaa kunneen hammam caalaa muka ejersa isaanii irratti deebifamanii hin fayyifaman ree!
Kwa maana ikiwa ninyi mlikatwa nje kwa ulio kwa asili mzeituni mwitu, na kinyume cha asili mlipandikizwa katika mzeituni ulio mwema, si zaidi sana hawa Wayahudi, ambao ni kama matawi ya asili kuweza kupandikizwa tena ndani ya mzeituni wao wenyewe?
25 Yaa obboloota, ani akka isin ogeeyyii of seetanii icciitii kana wallaaltan hin barbaadu; hamma lakkoobsi Namoota Ormaa guutuun seenutti Israaʼel gariin mata jabinaan jiraachaa turan.
Kwa maana ndugu sitaki msijue, kuhusiana na siri hii, ili kwamba msiwe na hekima katika kufikiri kwenu wenyewe. Siri hii ni kwamba ugumu umetokea katika Israeli, hadi kukamilika kwa mataifa kutakapokuja.
26 Kanaafuu Israaʼel hundi ni fayyu; akkana jedhamee barreeffameeraatii: “Inni furu Xiyoonii ni dhufa; Yaaqoob irraas Waaqa malee jiraachuu ni balleessa.
Hivyo Israeli wote wataokoka, kama ilivyoandikwa: “Kutoka Sayuni atakuja Mkombozi. Atauondoa uovu kutoka kwa Yakobo.
27 Yommuu ani cubbuu isaanii isaan irraa fuudhutti, kakuun koo kan ani isaan wajjin qabu kana.”
Na hili litakuwa agano langu pamoja nao, wakati nitakapoziondoa dhambi zao.”
28 Akka wangeelaatti isiniif jecha isaan diinota; akka filannootti garuu abbootiif jecha isaan jaallatamoo dha;
Kwa upande mmoja kuhusu injili, wanachukiwa kwa sababu yenu. Kwa upande mwingine kutokana na uchaguzi wa Mungu, wamependwa kwa sababu ya mababu.
29 kennaan Waaqaatii fi waamichi isaa gaabbii hin qabuutii.
Kwa kuwa zawadi na wito wa Mungu haubadiliki.
30 Akkuma isin kanaan dura Waaqaaf ajajamuu diddanii amma garuu ajajamuu diduu isaaniitiin araara argattan sana
Kwa kuwa awali ninyi mlikuwa mmemwasi Mungu, lakini sasa mmeipokea rehema kwa sababu ya kuasi kwao.
31 isaanis akkasuma araara Waaqaa kan isin argattaniin akka araara argataniif amma ajajamuu didan.
Kwa njia iyo hiyo, sasa hawa Wayahudi wameasi. Matokeo yake ni kwamba kutokana na huruma mliyojaliwa ninyi wanaweza pia kupokea rehema.
32 Waaqni hunduma isaaniitiif araara buusuuf jedhee namoota hunda ajajamuu diduu jala galche. (eleēsē g1653)
Maana Mungu amewafunga watu wote katika uasi, ili aweze kuwahurumia wote. (eleēsē g1653)
33 Badhaadhummaan ogummaatii fi beekumsa Waaqaa hammam gad fagaata! Murtiin isaa qoramee bira hin gaʼamu! Karaan isaas barbaadamee itti hin baʼamu!
Jinsi zilivyo kuu utajiri na hekima na maarifa ya Mungu! Hazichunguziki hukumu zake, na njia zake hazigunduliki!
34 “Eenyutu yaada garaa Gooftaa beeke? Yookaan eenyutu gorsaa isaa ture?”
“Maana ni nani aliyeijua nia ya Bwana? Au ni nani amekuwa mshauri wake?
35 “Yookaan akka Waaqni deebisee isaaf kennuuf jedhee, eenyutu takkumaa Waaqaaf waa kenne?”
Au ni nani kwanza aliyempa kitu Mungu, ili alipwe tena?”
36 Wanti hundinuu isa irraa dhufe; isumaan dhufe; isaaf dhufe. Bara baraan ulfinni isaaf haa taʼu! Ameen. (aiōn g165)
Kwa maana kutoka kwake, na kwa njia yake na kwake, vitu vyote vipo. Kwake uwe utukufu milele. Amina. (aiōn g165)

< Roomaa 11 >