< Roomaa 10 >

1 Yaa obboloota, hawwiin garaa kootii fi wanni ani Israaʼelootaaf Waaqa kadhadhu akka isaan fayyaniif.
vanyalukolo, uvufumbue vwango nu lufunyo lwango kwa Nguluve vwe vwimila vwaave uvuvangi vwave.
2 Ani akka isaan Waaqaaf hinaaffaa qaban dhugaa nan baʼa; hinaaffaan isaanii garuu kan beekumsa irratti hundeeffame miti.
ulwakuva ninola kuuti valinulukangasio vwimila Nguluve, neke na vwimila mu vukagusi.
3 Isaan waan qajeelummaa Waaqa biraa dhufu hin beekinii fi waan qajeelummaa ofii isaanii uumachuu barbaadaniif qajeelummaa Waaqaatiif hin bulle.
ulwakuva namukagula ikyang'haani ja Nguluve, kange vilonda kujenga ikyang'haani jave veene. navalyale vagholofu ku kyang'haani ja Nguluve.
4 Akka namni amanu hundinuu qajeelummaa argatuuf Kiristoos raawwii seeraatii.
ulwakuva uKilisite ghwe vunywilifu vwa ndaghilo vwimila ikyang'haani kwa muunhu ghweni umwitiki.
5 Museen waaʼee qajeelummaa seeraan argamuu, “Namni waan seerri ajaju godhu ittiin jiraata” jedhee waan kana barreesseeraatii.
ulwakuvauMoose ilemba kuhusu ikyang'haani jino jikwisa kuhumilana ni ndaghilo: “umuunhu juno ivomba ikyang'haani ja ndaghilo ikukala ku kyang'haani iji”.
6 Qajeelummaan amantiidhaan argamu garuu akkana jedha; “Ati garaa kee keessatti, ‘Eenyutu gara samiitti ol baʼa?’ hin jedhin;” Kun Kiristoosin gad buusuuf;
neke ikyang'haani jihumilanilana nu lwitiko jiti ndiki, nungajovelaghe mu mwoojo ghwako, 'ghweveni juno ilitogha kukyanya? (kuno kwe kumwisia uKilisite paasi.)
7 “Yookaan, ‘Eenyutu qileetti gad buʼa?’ hin jedhin;” kun Kiristoosin warra duʼan keessaa ol baasuuf. (Abyssos g12)
kange nungajovaghe kuuti, 'veni ilikwingila mu lina?” (kuno kwe kukuntosia uNguluve kuhuma kuvafue.) (Abyssos g12)
8 Inni garuu maal jedha? “Dubbichi si bira jira; afaan keetii fi garaa kee keessa jira;” innis dubbii amantii isa nu lallabnuu dha;
neke jiti ndani?” ilisio lili pipi nuve, mumulomo ghwako na mumwoojo ghwako”. ilio lye lisio lwa lwitiko lino tukulipulisia.
9 kunis yoo ati, “Yesuus Gooftaa dha” jettee afaan keetiin dhugaa baatee akka Waaqni warra duʼan keessaa isa kaase garaa keetti amante, ati ni fayyita.
ulwakuva nave umulomo ghwako ghulaata uYeesu kuuti ghwe Mutwa na kukwitika mu mwoojo ghwako kuuti uNguluve ghwe alyansiluile kuhuma kuvafue, ghupokua.
10 Namni garaa isaatiin amanee qajeelaa taasifamaatii; afaan isaatiinis dhugaa baʼee fayya.
ulwakuva ku mwoojo umuunhu ikwitika na kukava ilkyang'haani na ku mulomo ilaata nna kukava uvuvangi.
11 Katabbiin Qulqulluun, “Namni isatti amanu kam iyyuu gonkumaa hin qaanaʼu” jedhaatii.
ulwakuva amalembe ghiti, “umuunhu ghweni juno amitike nailivona soni”.
12 Yihuudii fi Giriikii gidduu garaa garummaan hin jiruutii; Gooftuma tokkicha sanatu Gooftaa hundaa ti; innis warra isa waammatan hunda eebba isaatiin badhaasa.
ulwakuva kusila fotauti kwa muYahudi nu muYunaani. ulwakuva uMutwa jula jula ghwe Mutwa ghwa vooni kange ghwe mofu kuvoni vano vikunkemela.
13 “Namni maqaa Gooftaa waammatu hundinuu ni fayyaatii.”
ulwakuva umuunhu ghweni juno ikulikemela ilitavua lya Mutwa ipokua.
14 Yoos isaan akkamitti isa itti hin amanin waammachuu dandaʼu ree? Isa waaʼee isaa hin dhagaʼinittis akkamitti amanuu dandaʼu ree? Utuu namni isaanitti hin lallabinis akkamitti dhagaʼuu dandaʼu ree?
lwa ndani ndeponu vikunkemhela umwene juno navamwitike? ndani ndeponu kukwitika ummwene juno navampulike? pe vipulikangha ndani kisila kudalikila?
15 Isaanis utuu hin ergamin akkamitti lallabuu dandaʼu? Kunis isa, “Miilli warra wangeela fidanii akkam miidhagaa dha!” jedhamee barreeffamee dha.
mu luki pano ndeponu vidalikila, kisila kusung'ua? ndavule jilembilue, “lwandani vule manono amaghulu gha vala vano vipulisia imhola inofu isa lukelo sa mbombo ingolofu!”
16 Oduu gaarii sanas kan fudhate Israaʼeloota hunda miti. Isaayyaas, “Yaa Gooftaa, ergaa keenya eenyutu amane?” jedhaatii.
neke vooni navakapulikisiagha ilivangili. ulwakuva uIsaya ijova kuuti, Mutwa ghweveni juno apulike imhola jitu?”
17 Egaa amantiin ergaa dhagaʼuudhaan dhufa; ergaan kunis karaa dubbii waaʼee Kiristoosiin dhagaʼama.
pe lino ulwitiko lukwisa kuhumulanilana na kupulika, na kupulika ku lisio lwa Kilisite.
18 Ani garuu: Isaan hin dhageenye moo? jedhee nan gaafadha; dhugumaanuu isaan dhagaʼaniiru: “Sagaleen isaanii lafa hunda, dubbiin isaaniis handaara addunyaa gaʼe.”
neke niposia kuuti, “pe navapulike?” Ena! kyang'haani kyongo. “ilisio lwave lipulikike kuhuma kunji ku iisi joni, na masio ghave kuluta muvusililo vwa iisi”.
19 Ammas ani: Israaʼel hin hubanne moo? jedheen gaafadha. Museen duraan dursee, “Ani warra saba hin taʼiniin akka isin hinaaftan nan godha; saba hubannaa hin qabneenis isin nan aarsaa” jedha.
kukila ghooni, niposia kuuti, “pe avaSilaeli navalyakagwile?” taasi uMoose iti, nikuvahovesia kukuvavika ivwifu avaanhu vano na iisi, ku sila ja iisi jino jisila vwelevua, nikuvapembela kuhanga mukalale”.
20 Isaayyaasis ija jabinaan, “Warri na hin barbaadin na argatan; warra na hin iyyaafatinittis nan mulʼadhe” jedha.
nu Isaya nya lukangasio kyongo iti, nikapatikine na vano navakanivingilile. nilyavonike ku vala vano navalyanilondile, “
21 Waaʼee Israaʼel garuu, “Ani guyyaa guutuu gara uummata hin ajajamnee fi didaa taʼeetti harka koo nan diriirfadhe” jedha.
neke ku Isilaeli vijova viti, “ifighono fyoni nikagholwisie amavoko ghango ku vano naviti na kuvaanhu avanya moojo muumu”.

< Roomaa 10 >