< Roomaa 1 >

1 Phaawulos tajaajilaa Kiristoos Yesuus, kan ergamaa taʼuuf waamamee fi akka wangeela Waaqaa lallabuuf addaan baafame irraa:
Paul, a servant of Messiah Jesus, called to be an apostle, set apart for the gospel of God,
2 Wangeelli kunis kan Waaqni duraan dursee karaa raajota isaatiin Katabbiiwwan Qulqulluu keessatti waadaa galee dha.
which he promised before through his prophets in the holy Scriptures,
3 Wangeelichis waaʼee ilma isaa kan akka namummaatti sanyii Daawit irraa dhalatee,
concerning his Son, who was born of the offspring of David according to the flesh,
4 akka Hafuura qulqullummaatti immoo warra duʼan keessaa kaʼuu isaatiin Ilma Waaqaa humna qabeessa taʼuun isaa labsamee dha; innis Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos.
who was declared to be the Son of God with power, according to the Spirit of holiness, by the resurrection from the dead, Jesus (the) Messiah our Lord,
5 Nus karaa isaatiin, maqaa isaatiif jecha ormoota hunda keessaa akka gara ajajamuu amantii irraa dhufuutti namoota waamnuuf ayyaanaa fi ergamtummaa arganneerra.
through whom we received grace and the office of apostle, for obedience of faith among all the nations, for his name's sake;
6 Isinis warra akka kan Yesuus Kiristoos taʼaniif waamaman sana keessa jirtu.
among whom you are also called to belong to Jesus (the) Messiah;
7 Warra Waaqaan jaallatamtanii qulqulloota taʼuuf waamamtan kanneen Roomaa jirtan hundaaf: Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu.
to all who are in Rome, loved by God, called to be saints: Grace to you and peace from God our Father and the Lord Jesus (the) Messiah.
8 Sababii amantiin keessan guutummaa addunyaa irratti odeeffamaa jiruuf, ani duraan dursee waaʼee hunda keessaniitiif karaa Yesuus Kiristoosiin Waaqa koo nan galateeffadha.
First, I thank my God through Jesus (the) Messiah for all of you, because your faith is proclaimed throughout the whole world.
9 Akka ani kadhannaa koo keessatti utuu wal irraa hin kutin isin yaadadhu Waaqni ani wangeela Ilma isaa lallabuudhaan hafuura kootiin isa tajaajilu sun dhuga baatuu koo ti;
For God is my witness, whom I serve in my spirit in the gospel of his Son, how I constantly mention you
10 ani akka ammas dhuma irratti gara keessan dhufuuf fedhii Waaqaatiin karaan naa banamu nan kadhadha.
always in my prayers, requesting, if by any means now at last I may succeed by the will of God to come to you.
11 Akka isin jabaattaniifis kennaa hafuuraa isinii hiruuf isin arguu baayʼee nan hawwa;
For I long to see you, that I may impart to you some spiritual gift to strengthen you;
12 kunis akka isinii fi ani amantii keenyaan wal jajjabeessinuuf.
that is, that you and I may be mutually encouraged by each other's faith, both yours and mine.
13 Yaa obboloota ko, ani akkuma Namoota Ormaa kaan keessatti ija qabaadhe sana isin keessattis akkasuma akkan qabaadhuuf yeroo baayʼee gara keessan dhufuu yaadaa turuu ko, garuu hamma ammaatti dhowwamuu koo akka isin beekuu dhabdan hin barbaadu.
Now I do not desire to have you unaware, brothers, that I often planned to come to you, and was hindered so far, that I might have some fruit among you also, even as among the other non-Jewish people.
14 Ani namoota Giriikii fi warra nama Giriik hin taʼiniif, beektotaa fi wallaaltotaaf gatii of irraa nan qaba.
I have an obligation both to Greeks and to barbarians, both to the wise and to the foolish.
15 Sababiin ani isin warra Roomaa jirtanittis wangeela lallabuuf akka malee hawwuuf kanuma.
So, for my part, I am eager to preach the gospel to you also who are in Rome.
16 Ani wangeelatti hin qaanaʼu; kunis sababii wangeelli humna Waaqaa kan warra amanan hunda fayyisu taʼeef; innis jalqabatti Yihuudootaaf, itti aansee immoo Giriikotaaf.
For I am not ashamed of the gospel, for it is the power of God for salvation for everyone who believes; for the Jew first, and also for the Greek.
17 Wangeela keessatti qajeelummaan Waaqaa amantii irraa gara amantiitti mulʼateeraatii; kunis akkuma, “Namni qajeelaan amantiidhaan jiraata” jedhamee barreeffamee dha.
For in it is revealed God's righteousness from faith to faith. As it is written, "But the righteous will live by faith."
18 Dheekkamsi Waaqaa, Waaqa malee jiraachuu fi hammina namootaa hunda irratti samii irraa ni mulʼata; namoonni kunneen hammina isaaniitiin dhugaa ukkaamsu;
For the wrath of God is revealed from heaven against all ungodliness and unrighteousness of people, who suppress the truth by unrighteousness,
19 kunis sababii wanni waaʼee Waaqaa beekamuu malu isaaniif ifa taʼeef; Waaqni isaaniif ibseeraatii.
because what can be known about God is plain to them, because God has shown it to them.
20 Amalli Waaqaa kan hin mulʼanne jechuunis humni isaa kan bara baraatii fi waaqummaan isaa uumama addunyaatii jalqabee wantoota uumaman irraa ifaan ifatti mulʼataatii; kanaafuu isaan waan itti qabatan hin qaban. (aïdios g126)
For since the creation of the world his invisible attributes, his eternal power and divine nature, have been clearly seen, being understood from what has been made. So they are without excuse. (aïdios g126)
21 Isaan yoo Waaqa beekan illee akka waaqummaa isaatti ulfina hin kennineef; galatas hin galchineef. Garuu yaadni isaanii waan faayidaa hin qabne taʼe; qalbiin isaanii kan hin hubannes ni dukkanaaʼe.
Because, although they knew God, they did not glorify him as God or give him thanks, but their thinking became nonsense, and their foolish heart was darkened.
22 Isaan yoo ogeeyyii ofiin jedhan iyyuu gowwoota taʼan;
Claiming to be wise, they became fools,
23 ulfina Waaqa hin duunees nama duʼutti, simbiratti, horii miilla afuriitti akkasumas uumamawwan lafa irra looʼanitti fakkeessuudhaan geeddaran.
and traded the glory of the immortal God for images resembling mortal humans, and of birds, and four-footed animals, and crawling creatures.
24 Kanaafuu Waaqni akka isaan dhagna walii isaanii salphisaniif hawwii garaa isaanii hamaadhaan dabarsee xuraaʼummaatti isaan kenne.
Therefore God also abandoned them in the lusts of their hearts to impurity, to the degrading of their bodies among themselves,
25 Isaanis dhugaa Waaqaa sobatti geeddaran; Uumaa dhiisanii uumama waaqeffatan; ni tajaajilanis. Uumaan bara baraan eebbifamaa dha. Ameen. (aiōn g165)
who exchanged the truth of God for a lie, and worshiped and served the creation rather than the Creator, who is blessed forever. Amen. (aiōn g165)
26 Sababii kanaaf Waaqni dabarsee hawwii jibbisiisaatti isaan kenne. Dubartoonni isaaniis karaa ittiin fedhii fooniitiif dhiira wajjin wal bira gaʼan isa uumamaan kennameef dhiisanii, gara isa uumamaan isaaniif hin kennaminitti geeddaran.
For this reason, God abandoned them to their degrading passions. For their women exchanged natural relations for that which is contrary to nature.
27 Warri dhiiraas akkasuma karaa ittiin fedhii fooniitiif dubartoota wajjin wal bira gaʼan isa uumamaan kennameef dhiisanii kajeellaa walii isaaniitiin gubatan. Warri dhiiraa, dhiira biraa wajjin gocha jibbisiisaa raawwatan; dogoggora isaanii kanaafis adaba isaaniif malu ofuma isaaniitiin fudhatan.
Likewise also the men, giving up natural relations with women, burned in their lust toward one another, men with men, committing what is shameful, and receiving in themselves the due penalty of their error.
28 Sababii isaan Waaqa beekuu akka waan faayidaa hin qabneetti fudhataniif, Waaqni immoo akka isaan waan hojjetamuu hin malle hojjetaniif qalbii faayidaa hin qabnetti dabarsee isaan kenne.
Even as they refused to have God in their knowledge, God abandoned them to a reprobate mind, to do those things which are not right;
29 Isaanis hammina gosa hundaatiin, jalʼinaan, sassattummaan, amala baduun, hinaaffaan, nama ajjeesuun, wal loluun, gowwoomsuu fi dabaan guutaman. Isaan hamattoota,
being filled with all unrighteousness, sexual immorality, wickedness, covetousness, maliciousness; full of envy, murder, strife, deceit, evil habits, secret slanderers,
30 warra maqaa nama balleessan, warra Waaqa jibban, warra nama arrabsan, warra of jajanii fi warra of tuulanii dha; isaan warra karaa ittiin jalʼina hojjetan yaadan, warra abbaa fi haadha isaaniitiif hin ajajamnee dha;
slanderers, haters of God, insolent, arrogant, boastful, inventors of evil things, disobedient to parents,
31 isaan warra hubannaa hin qabne, warra walii galtee diigan, warra jaalala hin qabnee fi warra namaaf garaa hin laafnee dha.
foolish, promise-breakers, heartless, unforgiving, unmerciful;
32 Isaan seera Waaqaa kan, “Warra waan akkanaa hojjetan duʼuutu isaaniif mala” jedhu sana yoo beekan iyyuu ofii isaaniitiif waan akkanaa hojjechuu qofa utuu hin taʼin warra waan kana hojjetan iyyuu ni jajjabeessu.
who, knowing the ordinance of God, that those who practice such things are worthy of death, not only do the same, but also approve of those who practice them.

< Roomaa 1 >