< Mulʼata 7 >
1 Ergasiis ani utuu ergamoonni afur golee lafaa afran irra dhaabatanii akka bubbeen lafatti yookaan galaanatti yookaan muka kamitti iyyuu hin bubbifne bubbee lafaa afran dhowwanuu nan arge.
Baada ya haya niliona malaika wanne wamesimama kwenye kona nne za dunia, wamezuia pepo nne za nchi kwa nguvu ili kwamba pasiwe na upepo unaovuma katika nchi, juu ya bahari au dhidi ya mti wowote.
2 Ergamaan chaappaa Waaqa jiraataa qabu kaan immoo utuu karaa baʼa biiftuutiin ol baʼuu nan arge. Innis ergamoota afran akka isaan lafaa fi galaana miidhaniif humni kennameef sana sagalee guddaadhaan waamee,
Nikaona malaika mwingine akija kutoka mashariki, aliyekuwa na muhuri wa Mungu aliye hai. Akalia kwa sauti kuu kwa malaika wanne ambao walipewa ruhusa ya kudhuru nchi na bahari:
3 “Hamma nu adda tajaajiltoota Waaqa keenyaa irratti chaappaa goonutti lafa yookaan galaana yookaan muka hin miidhinaa” jedhe.
“Msiidhuru nchi, bahari, au miti mpaka tutakapokuwa tumekwishaweka muhuri katika paji za vichwa vya watumishi wa Mungu wetu.”
4 Anis baayʼina warra chaappeffamanii dhagaʼe: gosa Israaʼel hunda keessaa 144,000 ture.
Nikasikia idadi ya wale waliotiwa muhuri: 144, 000, ambao walitiwa muhuri kutoka kila kabila ya watu wa Israel:
5 Gosa Yihuudaa keessaa 12,000, gosa Ruubeen keessaa 12,000, gosa Gaad keessaa 12,000,
12, 000 kutoka katika kabila ya Yuda walitiwa muhuri, 12, 000 kutoka katika kabila ya Rubeni, 12, 000 kutoka katika kabila ya Gadi.
6 gosa Aasheer keessaa 12,000, gosa Niftaalem keessaa 12,000, gosa Minaasee keessaa 12,000,
12, 000 kutoka katika kabila ya Asheri, 12, 000 kutoka katika kabila ya Naftali, 12, 000 kutoka katika kabila ya Manase.
7 gosa Simiʼoon keessaa 12,000, gosa Lewwii keessaa 12,000, gosa Yisaakor keessaa 12,000,
12, 000 kutoka kabila ya Simioni, 12, 000 kutoka kabila ya Lawi, 12, 000 kutoka kabila ya Isakari,
8 gosa Zebuuloon keessaa 12,000, gosa Yoosef keessaa 12,000, gosa Beniyaam keessaa 12,000 turan.
12, 000 kutoka kabila ya Zebuloni, 12, 000 kutoka kabila ya Yusufu, na 12, 000 kutoka kabila ya Benyamini walitiwa muhuri.
9 Anis kana booddee nan ilaale; kunoo, tuunni guddaan namni tokko iyyuu lakkaaʼuu hin dandeenye kan saba hundumaa, gosa hundumaa, nama hundumaa fi afaan hundumaa keessaa walitti qabame tokko teessoo sana duraa fi fuula Hoolichaa dura dhaabatee ture. Isaanis uffata adaadii uffatanii, damee meexxiis harkatti qabatanii turan.
Baada ya mambo haya nilitazama, na kulikuwa na umati mkubwa ambao hapana mtu angeweza kuuhesabu - kutoka kila taifa, kabila, jamaa, na lugha - wamesimama mbele ya kiti cha enzi na mbele ya Mwanakondoo. Walikuwa wamevaa kanzu nyeupe na wana matawi ya mitende mikononi mwao,
10 Isaanis sagalee guddaadhaan, “Fayyinni kan Waaqa keenya isa teessoo irra taaʼuutii fi kan Hoolichaati” jedhanii iyyan.
na walikuwa wakiita kwa sauti ya juu: “Wokovu ni kwa Mungu ambaye ameketi katika kiti cha enzi, na kwa Mwanakondoo!”
11 Ergamoonni hundinuu teessichatti, maanguddootaa fi uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranitti naannaʼanii dhadhaabachaa turan. Isaanis adda isaaniitiin fuula teessoo sanaa duratti gombifamanii Waaqaaf sagadan;
Malaika wote waliokuwa wamesimama kuzunguka kiti cha enzi na kuwazunguka wale wazee pamoja na wenye uhai wanne, wakainama chini ardhini na wakaweka nyuso zao juu ya ardhi mbele ya kiti cha enzi na wakamwabudu Mungu,
12 akkanas jedhan: “Ameen! Eebbii fi ulfinni, ogummaan, galanni, kabajni, humnii fi jabinni, bara baraa hamma bara baraatti Waaqa keenyaaf haa taʼu. Ameen!” (aiōn )
wakisema, “Amina! Sifa, utukufu, hekima, shukurani, heshima, uwezo na nguvu viwe kwa Mungu wetu milele na milele! Amina!” (aiōn )
13 Maanguddoota keessaas inni tokko, “Warri uffata adaadii uffatan kunneen eenyu faʼi? Eessaa dhufan?” jedhee na gaafate.
Kisha mmoja wa wale wazee akaniuliza, “hawa ni akina nani waliovaa kanzu nyeupe, na wametoka wapi?
14 Anis, “Yaa Gooftaa, situ beeka” jedheen deebiseef. Inni immoo akkana naan jedhe; “Isaan kunneen warra dhiphina guddaa keessaa baʼanii dhufanii dha; isaanis dhiiga Hoolichaatiin uffata isaanii miicatanii addeeffataniiru.
Nikamwambia, “Bwana mkubwa, unajua wewe,” na akaniambia, “Hawa ni wale waliotoka katika dhiki kuu. Wamezifua kanzu zao na kuzifanya nyeupe kwa damu ya Mwanakondoo.
15 Kanaafuu, “Isaan teessoo Waaqaa dura jiru; halkanii guyyaas mana qulqullummaa isaa keessatti isa tajaajilu; inni teessicha irra taaʼee jiru sunis isaan gidduu jiraata.
Kwa sababu hii, wako mbele ya kiti cha enzi cha Mungu, na wanamwabudu yeye usiku na mchana katika hekalu lake. Yeye aliye keti juu ya kiti cha enzi atasambaza hema yake juu yao.
16 ‘Isaanis siʼachi gonkumaa hin beelaʼan; siʼachis gonkumaa hin dheebotan. Aduun isaan hin dhaʼu;’ hoʼi finiinaanis isaan hin gubu.
Hawataona njaa tena, wala kiu tena. Jua halitawachoma, wala joto la kuunguza.
17 Hoolichi walakkaa teessoo sanaa jiru tiksee isaanii ni taʼaatii; ‘inni gara burqaa bishaan jireenyaatti isaan geessa.’ ‘Waaqnis imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa.’”
Kwa kuwa Mwanakondoo aliye katikati ya kiti cha enzi atakuwa mchungaji wao, na atawaongoza katika chemchemi ya maji ya uzima, na Mungu atafuta kila chozi katika macho yao.”