< Mulʼata 7 >

1 Ergasiis ani utuu ergamoonni afur golee lafaa afran irra dhaabatanii akka bubbeen lafatti yookaan galaanatti yookaan muka kamitti iyyuu hin bubbifne bubbee lafaa afran dhowwanuu nan arge.
Potom jsem viděl, jak se čtyři andělé postavili do čtyř světových stran a bránili všem zhoubným vichrům, aby nezuřily na zemi, na moři ani v lesích.
2 Ergamaan chaappaa Waaqa jiraataa qabu kaan immoo utuu karaa baʼa biiftuutiin ol baʼuu nan arge. Innis ergamoota afran akka isaan lafaa fi galaana miidhaniif humni kennameef sana sagalee guddaadhaan waamee,
Tu se na východě objevil ještě jiný anděl a v ruce držel Boží pečetidlo. Volal na ty čtyři anděly, kteří mohli zadržet nebo rozpoutat všeobecnou zkázu:
3 “Hamma nu adda tajaajiltoota Waaqa keenyaa irratti chaappaa goonutti lafa yookaan galaana yookaan muka hin miidhinaa” jedhe.
„Neškoďte zemi, moři ani lesům, dokud neoznačíme na čelech všechny, kdo slouží Bohu!“
4 Anis baayʼina warra chaappeffamanii dhagaʼe: gosa Israaʼel hunda keessaa 144,000 ture.
A byl oznámen počet těch označených: sto čtyřicet čtyři tisíce ze všech kmenů Izraele, to je po dvanácti tisících z každého z dvanácti kmenů:
5 Gosa Yihuudaa keessaa 12,000, gosa Ruubeen keessaa 12,000, gosa Gaad keessaa 12,000,
Juda, Rúben, Gád, Ašer, Neftalí, Manases, Šimeón, Lévi, Isachar, Zabulón, Josef a Benjamín.
6 gosa Aasheer keessaa 12,000, gosa Niftaalem keessaa 12,000, gosa Minaasee keessaa 12,000,
7 gosa Simiʼoon keessaa 12,000, gosa Lewwii keessaa 12,000, gosa Yisaakor keessaa 12,000,
8 gosa Zebuuloon keessaa 12,000, gosa Yoosef keessaa 12,000, gosa Beniyaam keessaa 12,000 turan.
9 Anis kana booddee nan ilaale; kunoo, tuunni guddaan namni tokko iyyuu lakkaaʼuu hin dandeenye kan saba hundumaa, gosa hundumaa, nama hundumaa fi afaan hundumaa keessaa walitti qabame tokko teessoo sana duraa fi fuula Hoolichaa dura dhaabatee ture. Isaanis uffata adaadii uffatanii, damee meexxiis harkatti qabatanii turan.
Pak jsem spatřil nesčíslné zástupy lidí všech národů, ras, kmenů i jazyků. Stáli před Božím trůnem a před Beránkem oblečeni do bílých oděvů, s palmovými listy v rukou
10 Isaanis sagalee guddaadhaan, “Fayyinni kan Waaqa keenya isa teessoo irra taaʼuutii fi kan Hoolichaati” jedhanii iyyan.
a hlasitě volali: „Sláva našemu zachránci, Bohu Králi a Beránkovi!“
11 Ergamoonni hundinuu teessichatti, maanguddootaa fi uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranitti naannaʼanii dhadhaabachaa turan. Isaanis adda isaaniitiin fuula teessoo sanaa duratti gombifamanii Waaqaaf sagadan;
Také všichni andělé byli shromážděni kolem trůnu, kolem starců a čtyř bytostí. Poklekli a slavili Boha:
12 akkanas jedhan: “Ameen! Eebbii fi ulfinni, ogummaan, galanni, kabajni, humnii fi jabinni, bara baraa hamma bara baraatti Waaqa keenyaaf haa taʼu. Ameen!” (aiōn g165)
„Ano. Chvála, sláva a čest našemu Bohu! Dík jemu, moudrému, silnému a mocnému na věky. Amen!“ (aiōn g165)
13 Maanguddoota keessaas inni tokko, “Warri uffata adaadii uffatan kunneen eenyu faʼi? Eessaa dhufan?” jedhee na gaafate.
Jeden z těch čtyřiadvaceti starců se mne zeptal: „Víš, kdo jsou ti lidé v bílých oděvech a odkud přicházejí?“
14 Anis, “Yaa Gooftaa, situ beeka” jedheen deebiseef. Inni immoo akkana naan jedhe; “Isaan kunneen warra dhiphina guddaa keessaa baʼanii dhufanii dha; isaanis dhiiga Hoolichaatiin uffata isaanii miicatanii addeeffataniiru.
Odpověděl jsem: „Nevím, pane, pověz mi to.“Řekl: „To jsou ti, kteří prošli velikým utrpením pro víru. Očistili se od každé poskvrny hříchu Kristovou krví.
15 Kanaafuu, “Isaan teessoo Waaqaa dura jiru; halkanii guyyaas mana qulqullummaa isaa keessatti isa tajaajilu; inni teessicha irra taaʼee jiru sunis isaan gidduu jiraata.
Teď stojí před Božím trůnem a slouží Bohu bez překážek dnem i nocí. On je bude chránit,
16 ‘Isaanis siʼachi gonkumaa hin beelaʼan; siʼachis gonkumaa hin dheebotan. Aduun isaan hin dhaʼu;’ hoʼi finiinaanis isaan hin gubu.
nebudou trpět hladem ani žízní, slunce ani jiný žár jim už neublíží.
17 Hoolichi walakkaa teessoo sanaa jiru tiksee isaanii ni taʼaatii; ‘inni gara burqaa bishaan jireenyaatti isaan geessa.’ ‘Waaqnis imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa.’”
Beránek je povede, nasytí a napojí z pramenů životodárné vody a Bůh sám jim setře každou slzu z očí.“

< Mulʼata 7 >