< Mulʼata 6 >

1 Anis yommuu Hoolichi chaappaawwan torban keessaa isa jalqabaa banu nan arge. Ergasiis uumamawwan lubbuu qabeeyyii keessaa inni tokko sagalee akka kakawweetiin, “Kottu!” jechuu isaa nan dhagaʼe.
And I saw that the Lamb had opened one of the seven seals. And I heard one of the four living creatures saying, in a voice like thunder: “Draw near and see.”
2 Anis nan ilaale; kunoo, fardi adiin tokko fuula koo dura ture! Inni farda sana yaabbates iddaa harkatti qabatee ture; gonfoonis ni kennameef; innis moʼachaa, ammas moʼachuuf baʼe.
And I saw, and behold, a white horse. And he who was sitting upon it was holding a bow, and a crown was given to him, and he went forth conquering, so that he might prevail.
3 Yommuu Hoolichi chaappaa lammaffaa banettis uumamni jiraataan inni lammaffaan, “Kottu!” jechuu isaa nan dhagaʼe.
And when he had opened the second seal, I heard the second living creature saying: “Draw near and see.”
4 Fardi biraa daamaan tokkos ni dhufe. Isa fardicha yaabbatuufis akka inni nagaa lafa irraa balleessuu fi akka namoonni wal gorraʼan akka godhuuf humni kennameef; goraadeen guddaan tokkos ni kennameef.
And another horse went forth, which was red. And it was granted to him who was sitting upon it that he would take peace from the earth, and that they would kill one another. And a great sword was given to him.
5 Yommuu Hoolichi chaappaa sadaffaa banettis uumamni jiraataan inni sadaffaan, “Kottu!” jechuu isaa nan dhagaʼe; nan ilaales; kunoo, fardi gurraachi tokko fuula koo dura ture! Inni fardicha yaabbatus madaalii of harkaa qaba ture.
And when he had opened the third seal, I heard the third living creature saying: “Draw near and see.” And behold, a black horse. And he who was sitting upon it was holding a balance in his hand.
6 Anis waan akka sagalee uumamawwan lubbuu qabeeyyii afran gidduu dubbatame fakkaatu tokko, “Qamadiin safartuu tokkoo mindaa guyyaa tokkootiif, garbuun safartuu sadiis mindaa guyyaa tokkootiif haa taʼu; garuu zayitii fi daadhii wayinii hin miidhin!” jechuu isaa nan dhagaʼe.
And I heard something like a voice in the midst of the four living creatures saying, “A double measure of wheat for a denarius, and three double measures of barley for a denarius, but do no harm to wine and oil.”
7 Yommuu Hoolichi chaappaa afuraffaa banetti sagalee uumama jiraataa afuraffaa kan, “Kottu!” jedhu nan dhagaʼe.
And when he had opened the fourth seal, I heard the voice of the fourth living creature saying: “Draw near and see.”
8 Anis nan ilaale; kunoo, fardi daalachi tokko fuula koo dura ture! Inni fardicha yaabbatus maqaan isaa Duʼa jedhama ture; Siiʼoolis dugda duubaan itti dhiʼaatee isa duukaa buʼaa ture. Isaanis goraadeen, beelaan, balaa fi bineensota lafaatiin akka ajjeesaniif kurmaana lafaa irratti humni ni kennameef. (Hadēs g86)
And behold, a pale horse. And he who was sitting upon it, his name was Death, and Hell was following him. And authority was given to him over the four parts of the earth, to destroy by the sword, by famine, and by death, and by the creatures of the earth. (Hadēs g86)
9 Yommuu inni chaappaa shanaffaa banetti ani iddoo aarsaa jalatti lubbuuwwan warra sababii dubbii Waaqaatii fi sababii dhuga baʼumsa eegan sanaatiif gorraʼamanii nan arge.
And when he had opened the fifth seal, I saw, under the altar, the souls of those who had been slain because of the Word of God and because of the testimony that they held.
10 Isaanis sagalee guddaadhaan, “Yaa Gooftaa Waan Hundaa Olii, qulqullichaa fi dhugaa, ati warra lafa irra jiraatanitti utuu hin murin hamma yoomiitti turta? Hamma yoomiittis dhiiga keenyaaf haaloo hin baatu?” jedhanii iyyan.
And they were crying out with a loud voice, saying: “How long, O Holy and True Lord, will you not judge and not vindicate our blood against those who dwell upon the earth?”
11 Tokkoo tokkoo isaaniitiifis uffanni adaadiin ni kenname; hamma lakkoobsi warra isaan wajjin tajaajilaniitii fi lakkoobsi obboloota isaanii kanneen akkuma isaaniitti ajjeefamuuf jiran sanaa guutamutti akka yeroo xinnoo obsan isaanitti himame.
And white robes were given to each of them. And they were told that they should rest for a brief time, until their fellow servants and their brothers, who were to be slain even as they were slain, would be completed.
12 Yommuu inni chaappaa jaʼaffaa banettis nan arge. Sochii lafaa guddaa tokkotu ture. Aduun akka uffata gaddaa gurraachofte; jiʼis akkuma dhiigaa diimate;
And when he had opened the sixth seal, I saw, and behold, a great earthquake occurred. And the sun became black, like a haircloth sack, and the entire moon became like blood.
13 urjiiwwan samiis akkuma iji muka harbuu yommuu qilleensa jabaan raafamutti harcaʼu sana lafatti gad harcaʼan.
And the stars from heaven fell upon the earth, just as when a fig tree, shaken by a great wind, drops its immature figs.
14 Samiin akkuma kitaaba maramaatti marame; tulluu fi biyyi bishaaniin marfamtes iddoo isaaniitii buqqifaman.
And heaven receded, like a scroll being rolled up. And every mountain, and the islands, were moved from their places.
15 Mootonni lafa irraa, bulchitoonnii fi abbootiin duulaa, sooreyyii fi namoonni jajjaboonni, namoonni kaan hundi, garbas taʼu birmaduun holqa keessaa fi kattaawwan tulluuwwanii gidduutti dhokatan.
And the kings of the earth, and the rulers, and the military leaders, and the wealthy, and the strong, and everyone, servant and free, hid themselves in caves and among the rocks of the mountains.
16 Isaanis tulluuwwanii fi kattaawwan waammatanii akkana jedhu; “Nurratti kufaa; fuula isa teessoo irra taaʼu sanaatii fi dheekkamsa Hoolichaa duraa nu dhoksaa!
And they said to the mountains and the rocks: “Fall over us and hide us from the face of the One sitting upon the throne, and from the wrath of the Lamb.
17 Guyyaan dheekkamsa isaa guddaan sun gaʼeeraatii; egaa eenyutu guyyaa sana dura dhaabachuu dandaʼa ree?”
For the great day of their wrath has arrived. And who will be able to stand?”

< Mulʼata 6 >