< Mulʼata 5 >

1 Anis harka mirga isa teessoo irra taaʼe sanaa irratti kitaaba maramaa keessaa fi duubaan itti barreeffamee chaappaa torbaan cufame tokko nan arge.
And I saw in the right hand of him that sat on the throne a book written within and on the back, close sealed with seven seals.
2 Anis ergamaa Waaqaa isa jabaa sagalee guddaadhaan, “Chaappaa hiikuun, kitaaba maramaas banuun kan maluuf eenyu inni?” jedhee labsu tokko nan arge.
And I saw a strong angel proclaiming with a great voice, Who is worthy to open the book, and to loose the seals thereof?
3 Garuu namni tokko iyyuu samii keessaa yookaan lafa irraa yookaan lafa jalaa kitaaba maramaa banuu yookaan keessa isaa iyyuu ilaaluu hin dandeenye.
And no one in the heaven, or on the earth, or under the earth, was able to open the book, or to look thereon.
4 Anis waan namni kitaaba maramaa banuun yookaan keessa isaa ilaaluun maluuf tokko iyyuu dhabameef baayʼisee nan booʼe.
And I wept much, because no one was found worthy to open the book, or to look thereon:
5 Ergasiis maanguddoota sana keessaa inni tokko, “Hin booʼin! Kunoo, Leenci gosa Yihuudaa, Hiddi Daawit moʼateera. Inni kitaabicha maramaa banuu, chaappaa isaa torbanuus hiikuu ni dandaʼa” naan jedhe.
and one of the elders saith unto me, Weep not: behold, the Lion that is of the tribe of Judah, the Root of David, hath overcome, to open the book and the seven seals thereof.
6 Anis Hoolaa waan qalame fakkaatee teessoo walakkaa uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranii fi maanguddootaan marfamee dhaabatu tokko arge. Hoolichis gaanfa torbaa fi ija torba qaba ture; iji torban kunneenis Hafuurota Waaqaa kanneen gara lafa hundaatti ergaman torbanii dha.
And I saw in the midst of the throne and of the four living creatures, and in the midst of the elders, a Lamb standing, as though it had been slain, having seven horns, and seven eyes, which are the seven Spirits of God, sent forth into all the earth.
7 Innis dhufee harka mirgaa isa teessoo irra taaʼee jiru sanaa irraa kitaaba maramaa fudhate.
And he came, and he taketh [it] out of the right hand of him that sat on the throne.
8 Yommuu inni kitaaba maramaa sana fudhatettis uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranii fi maanguddoonni digdamii afran fuula Hoolichaa duratti kufan. Tokkoon tokkoon isaanii baganaa qabu turan; isaanis miʼa ixaanaa kan warqee irraa hojjetamee fi kan ixaanni keessa guute harkaa qabu turan; ixaanni kunis kadhannaa qulqullootaa ti.
And when he had taken the book, the four living creatures and the four and twenty elders fell down before the Lamb, having each one a harp, and golden bowls full of incense, which are the prayers of the saints.
9 Isaanis akkana jedhanii faarfannaa haaraa faarfatan; “Kitaaba maramaa fuudhuun, chaappaa kitaabicha maramaas hiikuun siif mala; sababiin isaas ati qalamtee, gosa hundumaa keessaa, afaan hunda keessaa, saba hunda keessaa, sanyii hunda keessaa, namoota dhiiga keetiin Waaqaaf bitteertaatii.
And they sing a new song, saying, Worthy art thou to take the book, and to open the seals thereof: for thou wast slain, and didst purchase unto God with thy blood [men] of every tribe, and tongue, and people, and nation,
10 Akka isaan mootummaa fi luboota Waaqa keenyaa taʼanis gooteerta; isaanis lafa irratti ni moʼu.”
and madest them [to be] unto our God a kingdom and priests; and they reign upon the earth.
11 Anis ilaalee sagalee ergamoota baayʼee dhagaʼe; baayʼinni isaaniis kumaatamaa fi kuma kumaatama ture. Isaanis teessoo sanatti, uumamawwan lubbuu qabeeyyii fi maanguddootatti naannaʼanii turan.
And I saw, and I heard a voice of many angels round about the throne and the living creatures and the elders; and the number of them was ten thousand times ten thousand, and thousands of thousands;
12 Isaanis akkana jedhanii sagalee guddaadhaan faarfatan; “Hoolaa qalame sanaaf, humnaa fi qabeenya, ogummaa fi jabina, kabajaa fi ulfina, galatas argachuun ni mala!”
saying with a great voice, Worthy is the Lamb that hath been slain to receive the power, and riches, and wisdom, and might, and honour, and glory, and blessing.
13 Anis ergasii uumamni samii keessa jiru, kan lafa irra jiru, kan lafa jala jiruu fi kan galaana keessa jiru hundi, uumamni isaan keessa jiru hundinuus, “Isa teessoo irra taaʼu sanaa fi Hoolichaaf, galannii fi kabajni, ulfinnii fi humni, bara baraa hamma bara baraatti haa taʼu!” jedhanii utuu faarfatanuu nan dhagaʼe. (aiōn g165)
And every created thing which is in the heaven, and on the earth, and under the earth, and on the sea, and all things that are in them, heard I saying, Unto him that sitteth on the throne, and unto the Lamb, [be] the blessing, and the honour, and the glory, and the dominion, for ever and ever. (aiōn g165)
14 Uumamawwan lubbuu qabeeyyiin afran, “Ameen” jedhan; maanguddoonnis kufanii sagadan.
And the four living creatures said, Amen. And the elders fell down and worshipped.

< Mulʼata 5 >