< Mulʼata 4 >

1 Anis ergasii nan ilaale; kunoo balballi banamaan tokko fuula koo dura samii keessa ture. Sagaleen jalqabaa kan ani utuu inni akka malakataatti natti dubbatuu dhagaʼe sun, “As ol kottu; anis waan asiin booddee taʼuu qabu sittin argisiisaa” jedhe.
לאחר מכן ראיתי בשמים דלת פתוחה לרווחה, והקול אשר שמעתי קודם, כקול תרועת שופר, אמר אלי:”עלה הנה ואראה לך את אשר יהיה בעתיד!“
2 Anis yommusuma Hafuuraanan ture; kunoo, teessoon namni tokko irra taaʼe tokko samii keessa ture.
מיד שרתה עלי רוח אלוהים (ויכולתי לראות את הנעשה בשמים). ראיתי כסא מלכות ואת היושב עליו;
3 Inni achi taaʼes dhagaa gatii guddaa yaasphiidiitii fi sardiyoon fakkaata ture. Naannoo teessoo sanaas sabbata Waaqaa kan bifti isaa dhagaa maragdi fakkaatutu ture.
דמותו הקרינה זוהר נפלא ובלתי־רגיל, מעין שילוב של ברק יהלומים עם נוגה אבן אודם, וסביב כיסאו הייתה קשת שנראתה כאבן ברקת.
4 Naannoo teessoo sanaas teessoowwan biraa digdamii afurtu ture. Teessoowwan sana irras maanguddoonni digdamii afur uffata adaadii uffatanii, mataa isaaniitti immoo gonfoo warqee kaaʼatanii tataaʼanii turan.
סביב כסא המלכות עמדו עשרים־וארבעה כיסאות כבוד, ועליהם ישבו עשרים־וארבעה זקנים לבושים לבן ולראשם כתרי זהב.
5 Teessoo sana keessaas ifni balaqqee ni mulʼate; kakawwee fi sagaleen ni dhagaʼame. Teessoo sana fuuldurattis guci torba bobaʼaa ture. Isaan kunneenis Hafuurota Waaqaa torbanii dha.
מכיסא המלכות יצאו ברקים, רעמים וקולות. לפני הכיסא בערו שבעה לפידי אש שהם שבע רוחות האלוהים.
6 Akkasumas wanni galaana bilillee fakkaatu kan akka of-ilaalee qulqullaaʼe tokko teessoo sana fuuldura ture. Walakkaa naannoo teessoo sanaas uumamawwan lubbuu qabeeyyii afurtu ture; isaanis duraa fi duubaan ijaan guutamanii turan.
לפני הכסא היה מעין ים־זכוכית שקוף כבדולח. סביב כסא המלכות ניצבו ארבע חיות בעלות עיניים רבות מלפנים ומאחור.
7 Uumamni lubbuu qabeessi jalqabaa leenca, inni lammaffaan sangaa fakkaata ture; inni sadaffaan fuula akka fuula namaa qaba ture; afuraffaan immoo risaa barrisu fakkaata ture.
החיה הראשונה נראתה כמו אריה, החיה השנייה נראתה כמו שור, פני החיה השלישית דמו לפני אדם, והחיה הרביעית נראתה כנשר מעופף.
8 Tokkoon tokkoon uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranii qoochoo jaʼa jaʼa qabu turan; duubni isaaniitii fi keessi isaaniis ijaan guutamee ture. Isaanis utuu aara hin galfatin halkanii guyyaa, “‘Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu’ inni ture, inni jiruu fi inni dhufuuf jiru, ‘Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha’” jedhanii faarfachuu hin dhiisan.
לכל אחת מארבע החיות היו שש כנפיים ועיניים רבות מסביב ומפנים. יומם ולילה הן שרות ללא הפסק:”קדוש, קדוש, קדוש, ה׳ אלוהי צבאות, אשר היה, הווה ועתיד לבוא.“
9 Uumamawwan lubbuu qabeeyyiin sun isa teessoo irra taaʼee jiru kan bara baraa hamma bara baraatti jiraatu sanaaf ulfina, kabajaa fi galata yommuu kennanitti, (aiōn g165)
בכל פעם שנתנו החיות כבוד, הדר ותודה ליושב על כיסא המלכות אשר חי לנצח, (aiōn g165)
10 maanguddoonni digdamii afran sunis fuula isa teessoo irra taaʼee jiru sanaa duratti kufanii isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatu sanaaf ni sagadan. Gonfoowwan isaaniis fuula teessoo sanaa dura kakaaʼanii akkana jedhu: (aiōn g165)
נפלו עשרים־וארבעה הזקנים על פניהם לפני היושב על הכיסא, השתחוו לפניו, הניחו את כתריהם לפני הכסא ושרו: (aiōn g165)
11 “Yaa Gooftaa fi Waaqa keenya, ati waan hunda waan uumteef, isaan fedhii keetiin waan uumamaniif, waan jiraataniifis, ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala.”
”אדוננו ואלוהינו ראוי אתה לכבוד, להדר ועוז, כי אתה בראת הכול; הכול היה ונברא לפי רצונך.“

< Mulʼata 4 >