< Mulʼata 4 >
1 Anis ergasii nan ilaale; kunoo balballi banamaan tokko fuula koo dura samii keessa ture. Sagaleen jalqabaa kan ani utuu inni akka malakataatti natti dubbatuu dhagaʼe sun, “As ol kottu; anis waan asiin booddee taʼuu qabu sittin argisiisaa” jedhe.
After these things I saw, and behold, a door was opened in the heaven: and the first voice I heard was as of a trumpet speaking with me; saying; Come up hither, and I will show thee the things which it behooves to come to pass after these.
2 Anis yommusuma Hafuuraanan ture; kunoo, teessoon namni tokko irra taaʼe tokko samii keessa ture.
Immediately I was in the Spirit: and behold, a throne was set in the heaven, and on the throne one sitting,
3 Inni achi taaʼes dhagaa gatii guddaa yaasphiidiitii fi sardiyoon fakkaata ture. Naannoo teessoo sanaas sabbata Waaqaa kan bifti isaa dhagaa maragdi fakkaatutu ture.
and the one sitting was in appearance like unto a jasper and a sardius stone: and a rainbow was around about the throne, in appearance like unto an emerald.
4 Naannoo teessoo sanaas teessoowwan biraa digdamii afurtu ture. Teessoowwan sana irras maanguddoonni digdamii afur uffata adaadii uffatanii, mataa isaaniitti immoo gonfoo warqee kaaʼatanii tataaʼanii turan.
And around about the throne were twenty-four thrones: and on the thrones twenty-four elders are sitting, clothed in white garments; and upon their heads golden crowns.
5 Teessoo sana keessaas ifni balaqqee ni mulʼate; kakawwee fi sagaleen ni dhagaʼame. Teessoo sana fuuldurattis guci torba bobaʼaa ture. Isaan kunneenis Hafuurota Waaqaa torbanii dha.
And from the throne lightnings and voices and thunders are going out; and seven lamps of fire are burning before the throne, which are the seven Spirits of God:
6 Akkasumas wanni galaana bilillee fakkaatu kan akka of-ilaalee qulqullaaʼe tokko teessoo sana fuuldura ture. Walakkaa naannoo teessoo sanaas uumamawwan lubbuu qabeeyyii afurtu ture; isaanis duraa fi duubaan ijaan guutamanii turan.
and before the throne a glassy sea like crystal; and in the midst of the throne, and round about the throne, are four living creatures filled with eyes in front and in the rear.
7 Uumamni lubbuu qabeessi jalqabaa leenca, inni lammaffaan sangaa fakkaata ture; inni sadaffaan fuula akka fuula namaa qaba ture; afuraffaan immoo risaa barrisu fakkaata ture.
And the first living creature was like unto a lion, and the second living creature was like unto a bullock, and the third living creature having the face as of a man, and the fourth living creature was like unto a flying eagle.
8 Tokkoon tokkoon uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranii qoochoo jaʼa jaʼa qabu turan; duubni isaaniitii fi keessi isaaniis ijaan guutamee ture. Isaanis utuu aara hin galfatin halkanii guyyaa, “‘Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu’ inni ture, inni jiruu fi inni dhufuuf jiru, ‘Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha’” jedhanii faarfachuu hin dhiisan.
And the four living creatures having six wings, one opposite one of them; filled with eyes without and within; and they cease not day and night, saying; Holy, holy, holy, is the Lord God Omnipotent, who was, and who is, and who is the one coming.
9 Uumamawwan lubbuu qabeeyyiin sun isa teessoo irra taaʼee jiru kan bara baraa hamma bara baraatti jiraatu sanaaf ulfina, kabajaa fi galata yommuu kennanitti, (aiōn )
And when the living creatures shall give glory and honor and thanksgiving to the one sitting upon the throne, who lives unto the ages of the ages, (aiōn )
10 maanguddoonni digdamii afran sunis fuula isa teessoo irra taaʼee jiru sanaa duratti kufanii isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatu sanaaf ni sagadan. Gonfoowwan isaaniis fuula teessoo sanaa dura kakaaʼanii akkana jedhu: (aiōn )
the twenty-four elders will fall down before the one sitting upon the throne, and will worship Him who lives unto the ages of the ages, and will cast their crowns before the throne, (aiōn )
11 “Yaa Gooftaa fi Waaqa keenya, ati waan hunda waan uumteef, isaan fedhii keetiin waan uumamaniif, waan jiraataniifis, ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala.”
saying, Thou art worthy, O Lord truly our God, to receive glory and honor and power: because thou hast created all things, and through thy will they were, and were created.