< Mulʼata 3 >
1 “Ergamaa Waaqaa kan waldaa kiristaanaa Sardeesittiakkana jedhii barreessi: Inni Hafuurota Waaqaa torbaa fi urjiiwwan torba qabu sun akkana jedha. Ani hojii kee beeka; ati maqumaaf jirta malee duuteerta.
你給撒爾德教會的天使寫:「那持有天主的七神和七顆星的這樣說:我知道你的作為,也知道你有生活之名,其實你是死的。
2 Dammaqi! Ani fuula Waaqa kootii duratti hojiin kee guutuu taʼuu isaa hin argineetii waan duʼuu gaʼe sana jajjabeessi.
你該儆醒,堅固其餘將要死的人,因為我沒有發見你的作為,在我天主面前是齊全的,
3 Kanaafuu waan fudhattee fi waan dhageesse yaadadhu; waan dhageesse sanaaf ajajami; qalbiis jijjiirradhu. Yoo ati dammaquu baatte garuu ani akkuma hattuutti sitti nan dhufa; saʼaatii kamitti akka ani sitti dhufus ati hin beektu.
所以你應回想當初你是怎樣接受了,是怎樣聽了天主的道:你該遵守,又該悔改;假如你不儆醒,我必要像盜賊一樣來臨,你也不知道我何時臨於你。
4 Taʼu iyyuu ati namoota uffata isaanii hin xureessin muraasa Sardees keessaa qabda. Isaanis uffata adaadii uffatanii na wajjin ni deemu; isaan kanaaf warra malanii dha.
可是,在撒爾德你還有幾個沒有玷污自己的衣服,他們必要穿上白衣,與我同行,因為他們當得起。
5 Namni moʼu akkuma isaanii uffata adaadii ni uffata. Anis maqaa isaa kitaaba jireenyaa keessaa gonkumaa hin haqu; fuula Abbaa kootii fi ergamoota isaa durattis maqaa isaa nan beeksisa.
勝利的必要這樣穿上白衣,我決不將他的名字從生命冊上抹去;反之,我要在我父面前,在他的天使面前,承認他的名字。
6 Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu.
有耳朵的,應聽聖神向各教會說的話。」
7 “Ergamaa Waaqaa kan waldaa kiristaanaa Filaadelfiyaattiakkana jedhii barreessi: Inni qulqulluun, inni dhugaan, inni furtuu Daawit harka isaatii qabu, kan waan inni banu eenyu iyyuu cufuu hin dandeenyee fi waan inni cufus eenyu iyyuu banuu hin dandeenye sun akkana jedha.
你給非拉德非雅教會的天使寫:「那聖潔而真實的,掌有達味鑰匙的,開了不無人能關,關了無人能開的這樣說:
8 Ani hojii kee beeka. Kunoo, ani balbala banamaa namni cufuu hin dandeenye tokko fuula kee dura kaaʼeera. Akka ati humna xinnoo qabdus beeka; taʼus dubbii koo eegdeerta; maqaa koos hin ganne.
我知道你的作為;看,我在你面前安置了一個敞開的門,誰也不能關閉它;我知道你能力雖小,卻遵守了我的話,沒有否認我的名字。
9 Kunoo, ani warra waldaa Seexanaa taʼan kanneen utuu Yihuudoota hin taʼin Yihuudoota ofiin jedhanii soban keessaa tokko tokko akka isaan dhufanii miilla kee irratti kufanii sagadanii fi akka isaan akka ani si jaalladhe beekan nan godha.
看,我要從撒殫的會眾,即從那些自稱為猶太人的人中--其實不是,而只是撒謊的人--把一些人交給你;看,我要使他們前來,俯伏在你腳前,使他們承認我愛了你。
10 Ajaja ani akka ati obsaan dhaabattuuf siif kenne sana waan eegdeef, anis saʼaatii qorumsaa kan warra lafa irra jiraatan qoruuf addunyaa guutuutti dhufuuf jiru sana irraa si oolcha.
因為你遵守了我論堅忍的訓言,我也要在試探期中保存你,這時期將要臨於這世界,為試探這世界上的居民。
11 Ani dafeen dhufa. Atis akka namni tokko iyyuu gonfoo kee hin fudhanneef waan qabdu jabeessii qabadhu.
我快要來;你應堅持你所有的,免得人拿去你的花冠。
12 Nama moʼatus mana qulqullummaa Waaqa koo keessatti utubaa nan godha. Innis achi keessaa gonkumaa hin baʼu. Anis maqaa Waaqa kootii fi maqaa magaalaa Waaqa koo, maqaa Yerusaalem ishee haaraa, ishee Waaqa koo biraa samii irraa gad buutu sanaa isa irratti nan barreessa; maqaa koo haaraas isa irratti nan barreessa.
勝利的,我要使他成為我天主殿宇的柱子,決不再讓他到外面去;我還要把我天主的名號,和從天上我天主那裏降下的我天主的城邑,即新耶路撒冷的名號,以及我的新名號,寫在他身上。
13 Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu.
有耳朵的,應聽聖神向各教會說的話。」
14 “Ergamaa Waaqaa kan waldaa kiristaanaa Lodooqiyaattiakkana jedhii barreessi: Ameen, inni amanamaan, dhuga baatuun dhugaatii fi jalqabaan uumama Waaqaa sun akkana jedha.
你給勞狄刻雅教會的天使寫:「那做『阿們,』做忠信而真實見證的,做天主創造萬物根源的這樣說:
15 Akka ati qabbanaaʼaa yookaan hoʼaa hin taʼin ani hojii kee beeka! Ani utuu ati qabbanaaʼaa yookaan hoʼaa taatee silaa nan hawwa ture.
我知道你的作為:你也不冷,也不熱;巴不得你或冷或熱!
16 Kanaafuu ati waan laphiitaateef, hoʼaa yookaan qabbanaaʼaa waan hin taʼiniif ani afaan kootii si tufuu gaʼeera.
但是,你既然是溫的,也不冷,也不熱,我必要從我口中把你吐出來。
17 Ati, ‘Ani sooressa; qabeenya argadheera; wanni na barbaachisu tokko iyyuu hin jiru’ jetta. Garuu ati deegaa, rakkataa, hiyyeessa, jaamaa fi qullaa taʼuu kee hin beektu.
你說:我是富有的,我發了財,什麼也不缺少;殊不知你是不幸的,可憐的,貧窮的,瞎眼的,赤身裸體的。
18 Kanaafuu ati akka sooromtuuf, warqee ibiddaan qulqulleeffame akka narraa bitattu, akka qullaa kee qaanessaa sana haguuggattuufis uffata adii uffattu akka narraa bitattu, akka arguu dandeessuuf immoo kuulii ijatti naqattu akka narraa bitattu sin gorsa.
我給你出個主意:你要向我買用火煉好的黃金,為使你富有,也買件白衣穿上,為不顯露你裸體的羞恥,又買點眼藥,抹在你的眼上,為使你能看見。
19 Ani warran jaalladhu nan ifadha; nan adabas. Kanaafuu jabaadhu; qalbii jijjiirradhus.
凡我所疼愛的人,我要譴責他,管教他;所以你應當發奮熱心,痛悔改過!
20 Kunoo, ani balbala dura dhaabadheen balbala rurrukuta. Yoo namni kam iyyuu sagalee koo dhagaʼee balbala naaf bane, ani ol seenee isa wajjin irbaata nan nyaadha; innis na wajjin ni nyaata.
看,我立在門口敲門,誰若聽見我的聲音而給我開門,我要進到他那裏,同他坐席,他也要同我一起坐席。
21 Akkuma ani moʼadhee Abbaa koo wajjin teessoo isaa irra taaʼe sana, namni moʼatus akka inni na wajjin teessoo koo irra taaʼuuf mirga nan kennaaf.
勝利的,我要賜他同我坐在我的寶座上,就如我得勝了,同我的父坐在他的寶座上一樣。
22 Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu.”
有耳朵的,應聽聖神向各教會說的話。」