< Mulʼata 20 >

1 Utuu ergamaan tokko furtuu Boolla Qileetii fi foncaa guddaa tokko harkatti qabatee samii irraa gad buʼuu nan arge. (Abyssos g12)
Kisha niliona malaika akishuka kutoka mbinguni, akiwa na ufunguo wa shimo lisilo na mwisho na mnyororo mkubwa mkononi mwake. (Abyssos g12)
2 Ergamaan sunis bineensicha jawwee fakkaatu, bofa durii sana jechuunis diiyaabiloos yookaan Seexana qabee waggaa kuma tokko hidhe.
Alimshika yule joka, nyoka wa zamani, ambaye ni ibilisi au Shetani, na kumfunga miaka elfu.
3 Hamma waggaan kumaa sun dhumuttis akka inni deebiʼee saboota hin gowwoomsineef Boolla Qileetti gad isa darbatee itti cufe. Chaappaas irratti chaappesse; ergasii immoo yeroo gabaabaadhaaf hiikamuu qaba. (Abyssos g12)
Alimtupa kwenye shimo lisilo na mwisho, akalifunga na kulitia mhuri juu yake. Hii ilikuwa hivyo ili kwamba asiwadanganye mataifa tena mpaka miaka elfu itakapoisha. Baada ya hapo, ataachiwa huru kwa muda mchache. (Abyssos g12)
4 Anis teessoowwan nan arge; warri akka murtii kennaniif taayitaan kennameef teessoowwan sana irra taaʼanii turan. Lubbuuwwan namoota sababii Yesuusiif dhugaa baʼanii fi sababii dubbii Waaqaatiif jedhanii gorraʼamaniis nan arge. Isaanis bineensichaaf yookaan fakkii bineensichaatiif hin sagadne; mallattoo isaas adda isaanii irratti yookaan harka isaanii irratti hin fudhanne. Isaanis duʼaa kaʼanii Kiristoos wajjin waggaa kuma tokko moʼan.
Kisha niliona viti vya enzi. Waliokuwa wamevikalia ni wale ambao walikuwa wamepewa mamlaka ya kuhukumu. Vilevile niliona nafsi za wale ambao walikuwa wamekatwa vichwa kwa ajili ya ushuhuda kuhusu Yesu na kwa neno la Mungu. Walikuwa hawajamwabudu mnyama au sanamu yake, na walikataa kupokea alama juu ya paji za nyuso zao au mkono. Walikuja uzimani, na wakatawala pamoja na Kristo kwa miaka elfu.
5 Warri duʼan kaan garuu hamma waggaan kumni sun dhumutti deebiʼanii lubbuudhaan hin jiraanne. Kunis duʼaa kaʼuu jalqabaa ti.
Wafu waliobaki hawakuja uzimani mpaka miaka elfu ilipokuwa imeisha. Huu ndio ufufuo wa kwanza.
6 Warri duʼaa kaʼuu jalqabaa keessatti qooda qaban eebbifamoo fi qulqulloota. Warri akkasii luboota Waaqaatii fi luboota Kiristoos taʼanii waggaa kuma tokko isa wajjin moʼu malee duuti lammaffaan isaan irratti taayitaa hin qabu.
Mbarikiwa na mtakatifu ni mtu yeyote ambaye achukua nafasi katika ufufuo wa kwanza! Mauti ya pili haina nguvu juu ya watu kama hawa. Patakuwa na makuhani wa Mungu na wa Kristo na watatawala na yeye kwa miaka elfu.
7 Yommuu waggaan kumni sun dhumutti Seexanni iddoo itti hidhamee ture keessaa gad dhiifama;
Wakati miaka elfu itakapofikia mwisho, Shetani atafunguliwa kutoka gerezani mwake.
8 innis saboota golee lafaa afran jiran jechuunis Googii fi Maagoogin gowwoomsuuf ni baʼa; hunduma isaaniis waraanaaf walitti ni qaba. Baayʼinni isaaniis akka cirracha qarqara galaanaa ti.
Atakwenda nje kuwadanganya mataifa katika kona nne za dunia -Gogu na Magogu - kuwaleta pamoja kwa ajili ya vita. Watakuwa wengi kama mchanga wa bahari.
9 Isaanis lafa hunda irratti faffacaʼanii qubata qulqullootaatii fi magaalattii jaallatamtuu marsan. Garuu ibiddi samii irraa gad buʼee isaan fixe.
Walikwenda juu kwenye tambarare ya nchi nao walizunguka kambi ya waumini, mji upendwao. Lakini moto ulikuja kutoka mbinguni na kuwaangamiza.
10 Diiyaabiloos inni isaan gowwoomse sunis gara haroo dinyii bobaʼuutti iddoo bineensichii fi raajichi sobaa itti darbataman sanatti gad darbatame. Isaanis bara baraa hamma bara baraatti halkanii guyyaa ni dhiphifamu. (aiōn g165, Limnē Pyr g3041 g4442)
Shetani, ambaye aliwadanganya, alitupwa ndani ya ziwa liwakalo kiberiti, ambamo mnyama na nabii wa uongo walikuwa wameshatupwa. Watateswa mchana na usiku milele na milele. (aiōn g165, Limnē Pyr g3041 g4442)
11 Anis teessoo adii guddaa tokkoo fi isa teessicha irra taaʼe nan arge. Laftii fi samiin fuula isaa duraa ni baqatan; iddoonis isaaniif hin argamne.
Kisha niliona kiti cha enzi kikubwa cheupe na yule ambaye alikaa juu yake. Dunia na mbingu zilikimbia mbali kutoka katika uwepo wake, lakini hapakuwako nafasi ya wao kwenda.
12 Warri duʼanis xinnaa guddaan fuula teessichaa dura dhaabatanii nan arge; kitaabonnis ni banaman; akkasumas kitaabni biraa jechuunis kitaabni jireenyaa ni baname. Warra duʼanis akkuma kitaabota keessatti galmeeffametti, akkuma hojii isaan duraan hojjetaniitti murtiin ni kennameef.
Niliwaona waliokufa - hodari na wasio wa muhimu wamesimama katika kiti cha enzi, na vitabu vilifunuliwa. Kisha kitabu kingine kilifunguliwa - Kitabu cha Uzima. Wafu walihukumiwa kwa kile kilichoandikwa ndani ya vitabu, matokeo ya kile walichokifanya.
13 Galaannis warra duʼan kanneen isa keessa turan of keessaa baasee kenne; duutii fi Siiʼoolis warra duʼan kanneen isaan keessa turan of keessaa baasanii kennan; namni hundis akkuma hojii isaatti murtii argate. (Hadēs g86)
Bahari iliwatoa wafu ambao walikuwa ndani yake. Kifo na kuzimu viliwatoa wafu ambao walikuwa ndani yake, na wafu walihukumiwa kulingana na walichofanya. (Hadēs g86)
14 Ergasiis duutii fi Siiʼool haroo ibiddaatti gad darbataman. Haroon ibiddaa kunis duʼa lammaffaa ti. (Hadēs g86, Limnē Pyr g3041 g4442)
Kifo na kuzimu zilitupwa ndani ya ziwa la moto. Hii ni mauti ya pili - ziwa la moto. (Hadēs g86, Limnē Pyr g3041 g4442)
15 Namni maqaan isaa kitaaba jireenyaa keessatti hin galmeeffamin kam iyyuu haroo ibiddaatti gad darbatame. (Limnē Pyr g3041 g4442)
Kama jina la yeyote halikupatikana limeandikwa ndani ya Kitabu cha Uzima, alitupwa ndani ya ziwa la moto. (Limnē Pyr g3041 g4442)

< Mulʼata 20 >