< Mulʼata 20 >
1 Utuu ergamaan tokko furtuu Boolla Qileetii fi foncaa guddaa tokko harkatti qabatee samii irraa gad buʼuu nan arge. (Abyssos )
또 내가 보매 천사가 무저갱 열쇠와 큰 쇠사슬을 그 손에 가지고 하늘로서 내려와서 (Abyssos )
2 Ergamaan sunis bineensicha jawwee fakkaatu, bofa durii sana jechuunis diiyaabiloos yookaan Seexana qabee waggaa kuma tokko hidhe.
용을 잡으니 곧 옛 뱀이요 마귀요 사단이라 잡아 일천년 동안 결박하여
3 Hamma waggaan kumaa sun dhumuttis akka inni deebiʼee saboota hin gowwoomsineef Boolla Qileetti gad isa darbatee itti cufe. Chaappaas irratti chaappesse; ergasii immoo yeroo gabaabaadhaaf hiikamuu qaba. (Abyssos )
무저갱에 던져 잠그고 그 위에 인봉하여 천 년이 차도록 다시는 만국을 미혹하지 못하게 하였다가 그 후에는 반드시 잠간 놓이리라 (Abyssos )
4 Anis teessoowwan nan arge; warri akka murtii kennaniif taayitaan kennameef teessoowwan sana irra taaʼanii turan. Lubbuuwwan namoota sababii Yesuusiif dhugaa baʼanii fi sababii dubbii Waaqaatiif jedhanii gorraʼamaniis nan arge. Isaanis bineensichaaf yookaan fakkii bineensichaatiif hin sagadne; mallattoo isaas adda isaanii irratti yookaan harka isaanii irratti hin fudhanne. Isaanis duʼaa kaʼanii Kiristoos wajjin waggaa kuma tokko moʼan.
또 내가 보좌들을 보니 거기 앉은 자들이 있어 심판하는 권세를 받았더라 또 내가 보니 예수의 증거와 하나님의 말씀을 인하여 목 베임을 받은 자의 영혼들과 또 짐승과 그의 우상에게 경배하지도 아니하고 이마와 손에 그의 표를 받지도 아니한 자들이 살아서 그리스도로 더불어 천년 동안 왕노릇하니
5 Warri duʼan kaan garuu hamma waggaan kumni sun dhumutti deebiʼanii lubbuudhaan hin jiraanne. Kunis duʼaa kaʼuu jalqabaa ti.
그 나머지 죽은 자들은 그 천 년이 차기까지 살지 못하더라) 이는 첫째 부활이라
6 Warri duʼaa kaʼuu jalqabaa keessatti qooda qaban eebbifamoo fi qulqulloota. Warri akkasii luboota Waaqaatii fi luboota Kiristoos taʼanii waggaa kuma tokko isa wajjin moʼu malee duuti lammaffaan isaan irratti taayitaa hin qabu.
이 첫째 부활에 참여하는 자들은 복이 있고 거룩하도다 둘째 사망이 그들을 다스리는 권세가 없고 도리어 그들이 하나님과 그리스도의 제사장이 되어 천년 동안 그리스도로 더불어 왕노릇하리라
7 Yommuu waggaan kumni sun dhumutti Seexanni iddoo itti hidhamee ture keessaa gad dhiifama;
천년이 차매 사단이 그 옥에서 놓여
8 innis saboota golee lafaa afran jiran jechuunis Googii fi Maagoogin gowwoomsuuf ni baʼa; hunduma isaaniis waraanaaf walitti ni qaba. Baayʼinni isaaniis akka cirracha qarqara galaanaa ti.
나와서 땅의 사방 백성 곧 곡과 마곡을 미혹하고 모아 싸움을 붙이리니 그 수가 바다 모래 같으리라
9 Isaanis lafa hunda irratti faffacaʼanii qubata qulqullootaatii fi magaalattii jaallatamtuu marsan. Garuu ibiddi samii irraa gad buʼee isaan fixe.
저희가 지면에 널리 퍼져 성도들의 진과 사랑하시는 성을 두르매 하늘에서 불이 내려와 저희를 소멸하고
10 Diiyaabiloos inni isaan gowwoomse sunis gara haroo dinyii bobaʼuutti iddoo bineensichii fi raajichi sobaa itti darbataman sanatti gad darbatame. Isaanis bara baraa hamma bara baraatti halkanii guyyaa ni dhiphifamu. (aiōn , Limnē Pyr )
또 저희를 미혹하는 마귀가 불과 유황 못에 던지우니 거기는 그 짐승과 거짓 선지자들도 있어 세세토록 밤낮 괴로움을 받으리라 (aiōn , Limnē Pyr )
11 Anis teessoo adii guddaa tokkoo fi isa teessicha irra taaʼe nan arge. Laftii fi samiin fuula isaa duraa ni baqatan; iddoonis isaaniif hin argamne.
또 내가 크고 흰 보좌와 그 위에 앉으신 자를 보니 땅과 하늘이 그 앞에서 피하여 간 데 없더라
12 Warri duʼanis xinnaa guddaan fuula teessichaa dura dhaabatanii nan arge; kitaabonnis ni banaman; akkasumas kitaabni biraa jechuunis kitaabni jireenyaa ni baname. Warra duʼanis akkuma kitaabota keessatti galmeeffametti, akkuma hojii isaan duraan hojjetaniitti murtiin ni kennameef.
또 내가 보니 죽은 자들이 무론대소하고 그 보좌 앞에 섰는데 책들이 펴 있고 또 다른 책이 펴졌으니 곧 생명책이라 죽은 자들이 자기 행위를 따라 책들에 기록된 대로 심판을 받으니
13 Galaannis warra duʼan kanneen isa keessa turan of keessaa baasee kenne; duutii fi Siiʼoolis warra duʼan kanneen isaan keessa turan of keessaa baasanii kennan; namni hundis akkuma hojii isaatti murtii argate. (Hadēs )
바다가 그 가운데서 죽은 자들을 내어주고 또 사망과 음부도 그 가운데서 죽은 자들을 내어주매 각 사람이 자기의 행위대로 심판을 받고 (Hadēs )
14 Ergasiis duutii fi Siiʼool haroo ibiddaatti gad darbataman. Haroon ibiddaa kunis duʼa lammaffaa ti. (Hadēs , Limnē Pyr )
사망과 음부도 불못에 던지우니 이것은 둘째 사망 곧 불못이라 (Hadēs , Limnē Pyr )
15 Namni maqaan isaa kitaaba jireenyaa keessatti hin galmeeffamin kam iyyuu haroo ibiddaatti gad darbatame. (Limnē Pyr )
누구든지 생명책에 기록되지 못한 자는 불못에 던지우더라 (Limnē Pyr )