< Mulʼata 2 >
1 “Ergamaa Waaqaa kan waldaa kiristaanaa Efesoonittiakkana jedhii barreessi: Inni urjiiwwan torba harka isaa mirgaatti qabatee baattuuwwan ibsaa kanneen warqee irraa hojjetaman gidduu deddeebiʼu sun akkana jedha.
До ангола Церкви в Ефе́сі напиши: „Оце каже Той, Хто трима́є сім зір у правиці Своїй, Хто ходить серед семи світильників золотих:
2 Ani hojii kee, dadhabbii keetii fi obsaan dhaabachuu kee beeka. Akka ati calʼiftee namoota hamoo hin dhiifne, warra utuu ergamoota hin taʼin ergamoota ofiin jedhan qortee akka isaan sobduu taʼan mirkaneessites nan beeka.
Я знаю діла твої, і працю твою, і твою терпеливі́сть, і що не можеш терпіти лихих, і ви́пробував тих, хто себе називає апо́столами, але ними не є, і знайшов, що фальшиві вони.
3 Ati maqaa kootiif jettee obsaan dhaabatteerta; rakkina obsiteerta; hin dadhabnes.
І ти маєш терпіння, і працюва́в для Йме́ння Мого, але не знемігся.
4 Taʼus jaalala kee isa jalqabaa dhiisuu keetiif ani waan sirraa jibbu xinnoo qaba.
Але маю на тебе, що ти покинув свою першу любов.
5 Kanaaf ati maal irraa akka kufte yaadadhu! Qalbii jijjiirradhuutii hojii kee kan duraa sana hojjedhu. Yoo ati qalbii jijjiirrachuu baatte immoo ani sittin dhufa; baattuu ibsaa keetiis iddoo isaatii nan fuudha.
Отож, пам'ятай, звідки ти впав, і покайся, і вчинки давніші роби. Коли ж ні, то до тебе прийду́ незаба́ром, і зру́шу твого світильника́ з його місця, якщо не покаєшся.
6 Garuu waan gaarii tokko qabda: Hojii Niqolaawotaa kan ani jibbu sana atis ni jibbita.
Але маєш оце, що нена́видиш учинки Николаї́тів, яких і Я нена́виджу.
7 Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu. Nama moʼatu akka inni muka jireenyaa kan jannata Waaqaa keessa jiru irraa nyaatuuf mirga nan kennaaf.
Хто має вухо, хай чує, що Дух промовляє Церква́м: переможцеві дам їсти від дерева життя, яке в раю́ Божім“.
8 “Ergamaa Waaqaa kan waldaa kiristaanaa Samirnaattiakkana jedhii barreessi: Inni Jalqabaatii fi inni Dhumaa, inni duʼee turee fi amma immoo jiraataa taʼe sun akkana jedha.
А до ангола Церкви в Смірні напиши: „Оце каже Перший й Останній, що був мертвий й ожив:
9 Ani rakkinaa fi hiyyummaa kee beeka; taʼus ati sooressa! Arrabsoo warra utuu Yihuudoota hin taʼin Yihuudoota ofiin jedhan sanaas nan beeka; isaan garuu waldaa Seexanaa ti.
Я знаю діла твої, і біду́, і убозтво, — але ти багатий, — і зневагу тих, що говорять про себе, ніби юдеї вони, та ними не є, але вони — зборище сатани.
10 Dhiphina sirra gaʼuuf jiru hin sodaatin. Kunoo, akka qoramtaniif diiyaabiloos isin keessaa namoota tokko tokko mana hidhaatti ni galcha. Guyyaa kudhanis ni dhiphattu. Ati hamma duʼaatti amanamaa taʼi; ani gonfoo jireenyaa siifin kennaatii.
Не бійся того, що маєш страждати! Ось диявол вкидатиме декого з вас до в'язниць, щоб вас ви́пробувати. І будете мати біду́ десять день. Будь вірний до смерти, і Я тобі дам вінця́ життя!
11 Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu. Namni moʼatu duʼa lammaffaan hin miidhamu.
Хто має вухо, хай чує, що́ Дух промовляє Церква́м: переможець не буде пошко́джений від другої смерти“.
12 “Ergamaa Waaqaa kan waldaa kiristaanaa Phergaamoonittiakkana jedhii barreessi: Inni goraadee qaramaa afaan lamaa qabu sun akkana jedha.
А до ангола Церкви в Перга́мі напиши: „Оце каже Той, що має меча обосі́чного:
13 Ani iddoo ati jiraattu beeka; innis iddoo teessoon Seexanaa jiruu dha. Taʼus ati maqaa koo jabeessitee qabatteerta. Bara Antiiphaas dhuga baatuun koo amanamaan magaalaa keessan keessatti iddoo Seexanni jiraatutti ajjeefame illee ati amantii narratti qabdu hin dhiifne.
Я знаю діла твої, і що де ти живеш, там престол сатани. І трима́єш ти Йме́ння Моє, і ти не відкинувся від віри Моєї навіть за днів, коли в вас, де живе сатана́, був убитий Анти́па, свідок Мій вірний.
14 Haa taʼuu malee sababii ati namoota barsiisa Balaʼaamduukaa buʼan achii qabduuf ani waan sirraa jibbu xinnoo qaba; namni akka inni saba Israaʼel dura gufuu kaaʼee akka isaan nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffame nyaatanii fi akka isaan halalummaadhaan jiraatan godhuuf jedhee Baalaaqin barsiise Balaʼaam tureetii.
Але трохи Я маю на тебе, бо маєш там тих, хто трима́ється науки Валаа́ма, що навчав був Бала́ка покласти спотика́ння перед синами Ізраїля, щоб їли ідольські жертви й розпу́сту чинили.
15 Akkasumas namoota barsiisa Niqolaawotaa duukaa buʼan tokko tokko of biraa qabda.
Так маєш і ти таких, що трима́ються науки Николаїтської так само.
16 Kanaafuu qalbii jijjiirradhu! Yoo kanaa achii ani dafeen sitti dhufa; goraadee afaan kootiitiinis jara sana nan lola.
Тож покайся! Коли ж ні, то до тебе прийду́ незаба́ром, і воюватиму з ними мечем Своїх уст.
17 Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu. Nama moʼatuuf mannaa dhokfame irraa nan kenna. Akkasumas dhagaa adii maqaan haaraan irratti barreeffame tokko nan kennaaf; maqaa sanas namicha isa fudhatu sana malee namni tokko iyyuu hin beeku.
Хто має вухо, хай чує, що́ Дух промовляє Церква́м: переможцеві дам їсти прихо́вану манну, і дам йому білого каменя, а на камені написане ймення нове́, якого не знає ніхто, — тільки той, хто приймає його“.
18 “Ergamaa Waaqaa kan Waaqaa kan waldaa Kiristaanaa Tiyaatiraattiakkana jedhii barreessi: Ilmi Waaqaa inni iji isaa arraba ibiddaa fakkaatu, kan miilli isaa immoo naasii baqfamee qulqulleeffame fakkaatu sun akkana jedha.
І до ангола Церкви в Тіяти́рах напиши: „Оце каже Син Божий, що має очі Свої, як по́лум'я огняне́, а ноги Його подібні до міді:
19 Ani hojii kee, jaalalaa fi amantii kee, tajaajilaa fi obsaan dhaabachuu kee beeka; akkasumas akka hojiin kee inni ammaa kun isa duraa caalu nan beeka.
Я знаю діла твої, і любов, і віру, і службу, і твою терпеливість, і останні вчинки твої, що більші за перші.
20 Haa taʼuu malee sababii ati dubartittii raajii ofiin jettu Iizaabelin calʼiftee ilaaltuuf ani waan sirraa jibbu xinnoo qaba. Isheenis barsiisa isheetiin tajaajiltoota koo gowwoomsitee akka isaan halalummaa hojjetanii fi akka isaan nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffame nyaatan gooti.
Але маю на тебе, що жінці Єзаве́лі, яка каже, ніби вона пророки́ня, ти попускаєш навчати та зводити рабів Моїх, чинити розпусту та їсти і́дольські жертви.
21 Ani akka isheen halalummaa ishee irraa qalbii jijjiirrattuuf yeroo kenneefiin ture; isheen garuu ni didde.
І Я дав був їй ча́су, щоб пока́ялася, — та вона не схотіла покаятися в розпусті своїй.
22 Kanaafuu ani siree dhiphinaa irratti ishee nan gata; warra ishee wajjin ejjanis yoo isaan karaa ishee irraa qalbii jijjiirrachuu baatan rakkina guddaa keessa isaan nan buusa.
Ось Я кину її на ложе, а тих, що чинять із нею розпусту, у велику біду, коли тільки в учинках своїх не покаються,
23 Ijoollee ishee immoo dhaʼichaan nan ajjeesa. Waldoonni kiristaanaa hundinuus akka ani kalee fi onnee qoru ni beeku; anis tokkoo tokkoo keessaniif akkuma hojii keessaniitti gatii keessan isinii nan kenna.
а діти її поб'ю́ смертю. І пізнають усі Церкви́, що Я Той, Хто нирки й серця вивіря́є, і Я кожному з вас дам за вчинками вашими.
24 Isin warra Tiyaatiraa keessa jiraattan kanneen barsiisa ishee duukaa hin buʼinii fi warra barsiisa Seexanaa kan dhoksaa gad fagoo jedhamu sana hin baratiniin akkana nan jedha; ‘Ani baʼaa biraa isinitti hin feʼu;
А вам, та іншим, що в Тіяти́рах, що не мають науки цієї, і — як кажуть — не розуміють так зва́них глиби́н сатани́, кажу́: не накладу́ на вас іншого тягара,
25 isin garuu hamma ani dhufutti waan qabdan sana jabeessaa qabadhaa.’
тільки те, що ви маєте, трима́йте, аж поки прийду́.
26 Ani nama moʼatuuf, kan hamma dhumaattis fedhii koo guutuuf saboota irratti taayitaa nan kenna.
А переможцеві, і тому́, хто аж до кінця доде́ржує Мої вчинки, Я дам йому вла́ду „над поганами,
27 ‘Inni bokkuu sibiilaatiin isaan bulcha; akkuma qodaa supheettisisaan hurreessa;’ kunis akkuma ani itti Abbaa koo biraa taayitaa argadhe sanaan.
і буде пасти́ їх залізним жезлом; вони, немов гли́няний по́суд, покру́шаться“, як і Я оде́ржав вла́ду від Свого́ Отця,
28 Ani immoo bakkalcha barii nan kennaaf.
і дам Я йому зо́рю досві́тню.
29 Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu.
Хто має вухо, хай чує, що́ Дух промовляє Церква́м!“