< Mulʼata 18 >
1 Ergasiis utuu ergamaan biraa samii irraa gad buʼuu nan arge. Innis taayitaa guddaa qaba ture; ulfina isaatiinis lafti ni ifte.
Baada ya hayo, nilimwona malaika mwingine akishuka kutoka mbinguni. Alikuwa na uwezo mkuu, na dunia ikamulikwa na mng'ao wake.
2 Innis akkana jedhee sagalee guddaadhaan iyye: “‘Kufteerti! Baabilon guddittiin kufteerti!’ Lafa jireenya hafuurota hamoo, lafa qubata hafuurota xuraaʼoo hundaa, iddoo jireenya simbirroota xuraaʼoo, iddoo jireenya bineensota xuraaʼoo fi jibbisiisoo hundaa taateerti.
Basi, akapaaza sauti kwa nguvu akisema, “Umeanguka; Babuloni mkuu umeanguka! Sasa umekuwa makao ya mashetani na pepo wachafu; umekuwa makao ya ndege wachafu na wa kuchukiza mno.
3 Saboonni hundinuus, daadhii wayinii dheekkamsa sagaagala ishee dhuganiiruutii. Mootonni lafaas ishee wajjin sagaagalaniiru; daldaltoonni addunyaas qananii ishee guddaa sanaan sooromaniiru.”
Maana mataifa yote yalileweshwa kwa divai kali ya uzinzi wake, nao wafalme wa dunia wamefanya uzinzi naye. Nao wafanyabiashara wa dunia wametajirika kutokana na anasa zake zisizo na kipimo.”
4 Sagalee biraas samii irraa nan dhagaʼe; innis akkana jedha: “‘Yaa saba ko, isin akka cubbuu ishee keessatti hin hirmaanneef, balaa ishee irra gaʼus akka hin qoodanneef, kottaa ishee keessaa baʼaa;’
Kisha nikasikia sauti nyingine kutoka mbinguni ikisema, “Watu wangu, ondokeni kwake, ili msishirikiane naye katika dhambi zake, msije mkaipata adhabu yake.
5 cubbuun ishee hamma samiitti ol tuulameeraatii; Waaqnis yakka ishee yaadateera.
Kwa maana dhambi zake zimekuwa nyingi mno, zimelundikana mpaka mbinguni, na Mungu ameyakumbuka maovu yake.
6 Akkuma isheen kennitetti isinis isheef kennaa; akkuma hojii isheettis dachaa lama godhaatii isheef deebisaa. Xoofoo isheen itti bulbultettis dachaa lama godhaatii isheef bulbulaa.
Mtendeeni kama alivyowatendea ninyi; mlipeni mara mbili kwa yale aliyoyatenda. Jazeni kikombe chake kwa kinywaji kikali mara mbili zaidi ya kile alichowapeni.
7 Hammuma isheen ulfina ofii kennitee qananii guddaadhaan jiraatte sana, qixxeedhuma isaa dhiphinaa fi gadda isheef kennaa. Isheenis garaa ishee keessatti, ‘Ani akka mootittii tokkootti nan taaʼa; ani haadha hiyyeessaa miti; gonkumaas hin gaddu’ jettee of jajji.
Mpeni mateso na uchungu kadiri ya kujigamba kwake, na kuishi kwake kwa anasa. Maana anajisemea moyoni: Ninaketi hapa; mimi ni malkia. Mimi si mjane, wala sitapatwa na uchungu!
8 Kanaafuu dhaʼichi garaa garaa jechuunis, duuti, gaddii fi beelli guyyuma tokkotti ishee irra ni gaʼa. Waaqni Gooftaan isheetti murteessu sun waan jabaa taʼeef, isheen ibiddaan ni gubamti.
Kwa sababu hiyo mabaa yake yatampata kwa siku moja: ugonjwa, huzuni na njaa. Atachomwa moto, maana Bwana Mungu mwenye kumhukumu ni Mwenye Uwezo.”
9 “Mootonni lafaa warri ishee wajjin sagaagalanii fi warri qananii guddaadhaan ishee wajjin jiraatan yommuu aara gubamuu ishee arganitti isheef ni booʼu; ni wawwaatus.
Wafalme wa Dunia waliofanya uzinzi naye na kuishi naye maisha ya anasa wataomboleza na kulia wakati watakapoona moshi wa mji huo unaoteketea.
10 Isaanis dhiphina ishee waan sodaataniif fagoo dhaabatanii, “‘Wayyoo! Wayyoo! Yaa magaalaa guddittii, yaa Baabilon magaalattii jabduu! Badiin kee saʼaatuma tokko keessatti dhufeeraatii!’ jedhu.
Wanasimama kwa mbali kwa sababu ya kuogopa mateso yake, na kusema, “Ole! Ole kwako Babuloni, mji maarufu na wenye nguvu! Kwa muda wa saa moja tu adhabu yako imekupata.”
11 “Daldaltoonni lafaas siʼachi waan namni tokko iyyuu miʼa daldala isaanii hin binneef isheef ni booʼu; ni wawwaatus.
Wafanyabiashara wa dunia watalia na kumfanyia matanga, maana hakuna mtu anayenunua tena bidhaa zao;
12 Miʼi daldala isaaniis warqee, meetii, dhagaawwan gatii guddaatii fi lula, uffata haphii quncee talbaa irraa hojjetame, uffata dhiilgee, uffata haarriitii fi bildiimaa, muka urgaaʼaa gosa hundaa, miʼa ilka arbaa irraa hojjetame hunda, miʼa muka gatii guddaa irraa hojjetame hunda, miʼa naasii irraa hojjetame hunda, miʼa sibiilaatii fi miʼa dhagaa adii irraa hojjetame hundaa fi
hakuna tena wa kununua dhahabu yao, fedha, mawe ya thamani na lulu, kitani na nguo za rangi ya zambarau, hariri na nguo nyekundu; vyombo vya kila aina ya miti ya pekee, vyombo vya pembe za ndovu, vya miti ya thamani kubwa, vya shaba, chuma na marmari;
13 qarafaa fi urgooftuu, ixaana, qumbii, haphee urgaaʼaa, daadhii wayiniitii fi zayitii ejersaa, daakuu bullaaʼaa fi qamadii, loowwanii fi hoolota, fardeenii fi gaariiwwan, akkasumas garbootaa fi lubbuuwwan namootaa faʼa.
mdalasini, viungo, ubani, manemane, udi, divai, mafuta, unga na ngano, ng'ombe na kondoo, farasi na magari ya kukokotwa, watumwa wao na hata maisha ya watu.
14 “Isaanis, ‘Iji waan ati hawwite sanaa si duraa badeera. Badhaadhummaa fi bareedinni kee hundinuu sirraa badeera; gonkumaas deebitee hin argattu’ isheedhaan jedhu.
Wafanyabiashara wanamwambia: “Faida yote uliyotazamia imetoweka, na utajiri na fahari vimekuponyoka; hutaweza kuvipata tena!”
15 Daldaltoonni miʼa kanneen gurguratanii ishee irraa badhaadhummaa argatanis dhiphina ishee sodaatanii fagoo dhaabatu. Isaanis booʼaa, wawwaachaas,
Wafanya biashara waliotajirika kutokana na mji huo, watasimama mbali kwa sababu ya hofu ya mateso yake, watalalamika na kuomboleza,
16 sagalee guddaadhaan akkana jedhu: “‘Wayyoo! Wayyoo, yaa magaalaa guddittii; yaa ishee uffata haphii quncee talbaa irraa hojjetame, uffata dhiilgee fi uffata bildiimaa uffatte, yaa ishee warqeedhaan, dhagaa gatii guddaatii fi lulaan miidhagfamte!
wakisema, “Ole! Ole kwa mji huu mkuu. Ulizoea kuvalia nguo za kitani, za rangi ya zambarau na nyekundu, na kujipamba kwa dhahabu, mawe ya thamani na lulu!
17 Badhaadhummaan guddaan akkanaa saʼaatuma tokko keessatti barbadaaʼe!’ “Ajajjuun doonii hundinuu, warri dooniin imala deeman hundinuu, warri doonii irra hojjetanii fi warri galaana irra hojjechuun jiraatan hundinuu fagaatanii ni dhaabatu.
Kwa saa moja tu utajiri wako umetoweka!” Halafu manahodha wote na wasafiri wao, wanamaji na wote wanaofanya kazi baharini, walisimama kwa mbali,
18 Isaan yommuu aara gubamuu ishee arganitti, ‘Magaalaan akka magaalaa guddittii kanaa jiraattee beektii?’ jedhanii iyyu.
na walipouona moshi wa moto ule uliouteketeza, wakalia kwa sauti: “Hakujapata kuwako mji kama mji huu mkuu!”
19 Isaanis awwaara mataatti firfirfatanii booʼaa, wawwaachaas akkana jedhanii iyyu: “‘Wayyoo! Wayyoo, yaa magaalaa guddittii, yaa ishee warri galaana irraa dooniiwwan qaban hundinuu qabeenya isheetiin sooroman! Ishee saʼaatuma tokko keessatti barbadoofte!’
Wakajimwagia vumbi juu ya vichwa vyao wakilia kwa sauti na kuomboleza: “Ole! Ole kwako mji mkuu! Ni mji ambamo wote wenye meli zisafirizo baharini walitajirika kutokana na utajiri wake. Kwa muda wa saa moja tu umepoteza kila kitu!”
20 “Yaa samii kufaatii isheetti gammadi! Isin sabni Waaqaa gammadaa! Ergamoonnii fi raajonni gammadaa! Waaqni ishee irratti isiniif mureeraatii.”
Furahi ee mbingu, kwa sababu ya uharibifu wake. Furahini watu wa Mungu, mitume na manabii! Kwa maana Mungu ameuhukumu kwa sababu ya mambo uliyowatenda ninyi!
21 Ergamaan jabaan tokkos dhagaa hamma dhagaa daakuu gaʼu tokko fuudhee galaanatti gad darbatee akkana jedhe: “Baabilon magaalaa guddittiin, akkasuma furguggifamtee ni darbatamti; gonkumaas deebitee hin argamtu.
Kisha malaika mmoja mwenye nguvu sana akainua jiwe mfano wa jiwe kubwa la kusagia, akalitupa baharini akisema, “Ndivyo, Babuloni atakavyotupwa na kupotea kabisa.
22 Sagaleen warra baganaa fi muuziiqaa taphatanii, sagaleen warra ulullee fi malakata afuufanii siʼachi si keessatti hin dhagaʼamu. Ogeessi hojii harkaa tokko iyyuu, siʼachi si keessatti hin argamu. Sagaleen dhagaa daakuus, siʼachi si keessatti hin dhagaʼamu.
Sauti za vinubi za muziki, sauti za wapiga filimbi na tarumbeta hazitasikika tena ndani yako. Hakuna fundi wa namna yoyote ile atakayepatikana tena ndani yako; wala sauti ya jiwe la kusagia haitasikika tena ndani yako.
23 Ifni ibsaa, lammata si keessatti hin ifu. Sagaleen misirrichaatii fi misirrittii, lammata si keessatti hin dhagaʼamu. Daldaltoonni kee namoota gurguddaa addunyaa turan. Falfala keetiin sabni hundinuu gowwoomfameera.
Mwanga wa taa hautaonekana tena ndani yako; sauti za bwana arusi na bibi arusi hazitasikika tena ndani yako. Wafanyabiashara wako walikuwa wakuu duniani, na kwa uchawi wako mataifa yote yalipotoshwa!”
24 Dhiigni raajotaatii fi dhiigni qulqullootaa, dhiigni warra lafa irratti gorraʼaman hundumaas ishee keessatti argame.”
Mji huo uliadhibiwa kwani humo mlipatikana damu ya manabii, damu ya watu wa Mungu na damu ya watu wote waliouawa duniani.