< Mulʼata 17 >

1 Ergamoota torban waciitiiwwan torba qaban keessaa inni tokko gara koo dhufee akkana naan jedhe; “Kottu! Adaba sagaagaltittii guddittii ishee bishaanota baayʼee irra teessu sana irratti raawwatamuuf jiru sittin argisiisaa.
또 일곱 대접을 가진 일곱 천사 중 하나가 와서 내게 말하여 가로되 이리 오라 많은 물 위에 앉은 큰 음녀의 받을 심판을 네게 보이리라
2 Mootonni lafaa ishee wajjin sagaagalaniiru; warri lafa irra jiraatanis daadhii wayinii sagaagala isheetiin machaaʼaniiru.”
땅의 임금들도 그로 더불어 음행하였고 땅에 거하는 자들도 그 음행의 포도주에 취하였다 하고
3 Ergamaan Waaqaa sunis Hafuura Qulqulluudhaan na fuudhee gammoojjiitti na geesse. Achittis dubartii bineensa bildiimaa maqaa arrabsootiin guutame tokko irra teessu nan arge; bineensichis mataa torbaa fi gaanfa kudhan qaba ture.
곧 성령으로 나를 데리고 광야로 가니라 내가 보니 여자가 붉은 빛 짐승을 탔는데 그 짐승의 몸에 참람된 이름들이 가득하고 일곱 머리와 열 뿔이 있으며
4 Dubartittiinis uffata dhiilgee fi bildiimaa uffattee warqeen, dhagaa gatii guddaatii fi lulaan miidhagfamtee turte. Harka isheettis xoofoo warqee kan waan jibbisiisaa fi xuraaʼummaa sagaagala isheetiin guutame qabattee turte.
그 여자는 자주빛과 붉은빛 옷을 입고 금과 보석과 진주로 꾸미고 손에 금잔을 가졌는데 가증한 물건과 그의 음행의 더러운 것들이 가득하더라
5 Adda ishee irrattis maqaan icciitii kan akkana jedhu tokko barreeffamee ture: Baabilon Guddittii, Haadha Sagaagaltootaa fi, Haadha waan Jibbisiisaa Lafaa.
그 이마에 이름이 기록되었으니 비밀이라, 큰 바벨론이라, 땅의 음녀들과 가증한 것들의 어미라 하였더라
6 Akka dubartittiin dhiiga qulqullootaatii fi dhiiga warra Yesuusiif dhugaa baʼaniitiin machoofte nan arge. Anis yommuu ishee argetti baayʼeen dinqifadhe.
또 내가 보매 이 여자가 성도들의 피와 예수의 증인들의 피에 취한지라 내가 그 여자를 보고 기이히 여기고 크게 기이히 여기니
7 Ergamichis akkana naan jedhe; “Ati maaliif dinqifatta? Icciitii dubartittii fi icciitii bineensicha ishee baatu kan mataa torbaa fi gaanfa kudhan qabu sanaa sitti nan hima.
천사가 가로되 `왜 기이히 여기느냐 내가 여자와 그의 탄 바 일곱 머리와 열 뿔 가진 짐승의 비밀을 네게 이르리라
8 Bineensi ati argite sun dur ture; amma garuu hin jiru; booddee garuu Boolla Qilee keessaa ol baʼee gara badiisa isaa ni dhaqa. Warri lafa irra jiraatan kanneen maqaan isaanii uumama addunyaatii jalqabee kitaaba jireenyaa keessatti hin galmeeffamin yommuu bineensicha arganitti ni dinqisiifatu; sababiin isaas bineensichi dur ture; amma garuu hin jiru; booddee garuu ni dhufa. (Abyssos g12)
네가 본 짐승은 전에 있었다가 시방 없으나 장차 무저갱으로부터 올라와 멸망으로 들어갈 자니 땅에 거하는 자들로서 창세 이후로 생명책에 녹명되지 못한 자들이 이전에 있었다가 시방 없으나 장차 나올 짐승을 보고 기이히 여기리라 (Abyssos g12)
9 “Kunis sammuu ogummaa qabu gaafata. Mataawwan torban sunis tulluuwwan torban dubartittiin irra teessuu dha.
지혜 있는 뜻이 여기 있으니 그 일곱 머리는 여자가 앉은 일곱 산이요
10 Akkasumas mataawwan torban sun mootota torba. Isaan keessaas shan kufaniiru; inni tokko jira; inni kaan immoo amma illee hin dhufne; yommuu dhufutti garuu yeroo gabaabaaf turuu qaba.
또 일곱 왕이라 다섯은 망하였고 하나는 있고 다른 이는 아직 이르지 아니하였으나 이르면 반드시 잠간동안 계속하리라
11 Bineensichi duraan turee amma immoo hin jirre sun mootii saddeettaffaa dha. Inni mootota torban keessaa tokkoo dha; gara badiisa isaas ni dhaqa.
전에 있었다가 시방 없어진 짐승은 여덟째 왕이니 일곱 중에 속한 자라 저가 멸망으로 들어가리라
12 “Gaanfawwan kurnan ati argite sun mootota kurnan warra amma illee mootummaa hin argatinii dha; taʼus isaan bineensicha wajjin saʼaatii tokko akka moototaatti moʼuuf taayitaa ni fudhatu.
네가 보던 열 뿔은 열 왕이니 아직 나라를 얻지 못하였으나 다만 짐승으로 더불어 임금처럼 권세를 일시동안 받으리라
13 Isaanis yaaduma tokko qabu; humna isaaniitii fi taayitaa isaaniis dabarsanii bineensichaaf ni kennu.
저희가 한 뜻을 가지고 자기의 능력과 권세를 짐승에게 주더라
14 Isaanis Hoolichatti lola ni kaasu; Hoolichi garuu waan Gooftaa gooftotaatii fi Mootii moototaa taʼeef isaan moʼata; warri isa wajjin jiranis warra isaaf waamaman, warra isaaf filatamanii fi warra isaaf amanamanii dha.”
저희가 어린 양으로 더불어 싸우려니와 어린 양은 만주의 주시요 만왕의 왕이시므로 저희를 이기실 터이요 또 그와 함께 있는 자들 곧 부르심을 입고 빼내심을 얻고 진실한 자들은 이기리로다'
15 Ergamaan sunis akkana naan jedhe; “Bishaanonni ati argite kanneen sagaagaltittiin irra teessu sun saboota, namoota, sanyiiwwanii fi afaanota.
또 천사가 내게 말하되 네가 본 바 음녀의 앉은 물은 백성과 무리와 열국과 방언들이니라
16 Bineensichii fi gaanfawwan kurnan ati argite sun sagaagaltittii ni jibbu. Isaanis ishee onsanii qullaa ishee hambisu; foon ishee ni nyaatu; ibiddaanis ishee gubu.
네가 본 바 이 열 뿔과 짐승이 음녀를 미워하여 망하게 하고 벌거벗게 하고 그 살을 먹고 불로 아주 사르리라
17 Isaanis hamma dubbiin Waaqaa fiixaan baʼutti walii galuudhaan taayitaa isaanii dabarsanii bineensichaaf kennuudhaan akka kaayyoo Waaqaa raawwataniif Waaqni yaada kana garaa isaanii keessa kaaʼeeraatii.
하나님이 자기 뜻대로 할 마음을 저희에게 주사 한 뜻을 이루게 하시고 저희 나라를 그 짐승에게 주게 하시되 하나님 말씀이 응하기까지 하심이니라
18 Dubartittiin ati argite sun magaalattii guddoo mootota lafaa bulchituu dha.”
또 내가 본 바 여자는 땅의 임금들을 다스리는 큰 성이라 하더라

< Mulʼata 17 >