< Mulʼata 16 >

1 Anis sagalee guddaa, ergamoota torbaniin, “Dhaqaatii, waciitiiwwan dheekkamsa Waaqaa torban keessaa lafa irratti dhangalaasaa” jedhu tokko mana qulqullummaa keessaa nan dhagaʼe.
And I heard a great voice from the temple, saying to the seven angels, Go and pour out the vials of the wrath of God upon the earth.
2 Ergamaan Waaqaa inni jalqabaa dhaqee waciitii isaa keessaa lafa irratti dhangalaase; namoota mallattoo bineensichaa of irraa qabanii fi fakkii isaatiif sagadanittis madaan hamaanii fi dhukkubsaan ni yaaʼe.
And the first angel went forth and poured out his vial upon the earth, and there was a sore and grievous ulcer inflicted upon the men that had the mark of the beast, and upon them that worshipped his image.
3 Ergamaan lammaffaan waciitii isaa keessaa galaanatti dhangalaase; galaanichis dhiiga akka dhiiga nama duʼee taʼe; lubbuu qabeeyyiin galaana sana keessaa hundinuus ni duʼan.
And the second angel poured out his vial upon the sea; and it became blood like that of a dead man: and every living soul in the sea died.
4 Ergamaan sadaffaan waciitii isaa keessaa lageenii fi burqaawwan bishaanii irratti dhangalaase; isaanis dhiiga taʼan.
And the third angel poured out his vial on the rivers and on the fountains of waters; and they became blood.
5 Ergamaan bishaanota irratti itti gaafatamummaa qabus utuu akkana jedhuu nan dhagaʼe: “Yaa Isa Qulqulluu, kan jirtu, kan turte, sababii wantoota kanneen murteessiteef, ati qajeelaa dha;
And I heard the angel of the waters saying, Righteous art Thou, O Lord, who art, and who ever wast; and who art holy, for Thou hast ordered these things: because they have shed the blood of saints and prophets,
6 Waan isaan dhiiga qulqullootaatii fi dhiiga raajotaa dhangalaasaniif, ati immoo akka isaan dhuganiif dhiiga isaaniif kenniteerta; kun isaaniif ni malaatii.”
and thou hast given them blood to drink; for they are worthy.
7 Anis utuu iddoon aarsaa, “Eeyyee yaa Waaqayyo Gooftaa Waan Hunda Dandeessu, murtiin kee dhugaa fi qajeelaa dha” jedhuu nan dhagaʼe.
And I heard another from the altar, saying, Yea, O Lord God almighty, true and just are thy judgements.
8 Ergamaan afuraffaanis waciitii isaa keessaa aduu irratti dhangalaase; aduudhaafis akka isheen ibiddaan nama gubduuf humni ni kenname.
And the fourth angel poured out his vial upon the sun; and power was given him to scorch men with fire.
9 Namoonnis hoʼa guddaa sanaan ni gubatan; maqaa Waaqa dhaʼicha kanneen irratti humna qabu sanaas ni abaaran; qalbii jijjiirrachuu fi ulfina isaaf kennuus ni didan.
And men were scorched with great heat, and they blasphemed the name of God, who hath power over these plagues, and they repented not to give Him glory.
10 Ergamaan shanaffaanis waciitii isaa keessaa teessoo bineensichaa irratti dhangalaase; mootummaan bineensichaas dukkanaan liqimfame. Namoonnis dhiphachuudhaan arraba isaanii cicciniinan;
And the fifth angel poured out his vial upon the seat of the beast; and his kingdom was darkened, and they gnawed their tongues for pain.
11 sababii dhukkubbii fi madaa isaaniitiifis Waaqa samii ni abaaran; garuu hojii isaanii irraa qalbii hin jijjiirranne.
And they blasphemed the God of heaven because of their pains and their sores; and they repented not of their works.
12 Ergamaan jaʼaffaanis waciitii isaa keessaa Efraaxiis lagicha guddaa irratti dhangalaase; bishaan laga sanaas mootota Baʼa Biiftuutii dhufaniif akka karaan qopheeffamuuf ni goge.
And the sixth angel poured out his vial upon the great river Euphrates; and its water was dried up, that the way of the kings from the east might be prepared.
13 Ergasii afaan bineensa jawwee fakkaatu sanaa keessaa, afaan bineensichaa keessaa fi afaan raajii sobaa keessaa hafuuronni xuraaʼoon fattee fakkaatan sadii utuu baʼanuu nan arge.
And I saw coming out of the mouth of the dragon, and out of the mouth of the beast, and out of the mouth of the false prophet, three impure spirits like frogs:
14 Isaanis hafuurota hafuura hamaa kanneen hojiiwwan dinqii hojjetanii dha; isaanis lola guyyaa guddichaa kan Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaatiif walitti isaan qabuuf gara mootota addunyaa hundaatti kan baʼanii dha.
for they are the spirits of demons, working miracles, which go forth unto the kings of the earth and of the whole world, to bring them together to the battle of that great day of God almighty.
15 “Kunoo, ani akka hattuutti nan dhufa! Namni akka qullaa hin deemneef, akka qaaniin isaas hin mulʼanneef dammaqee uffata isaa eeggatu eebbifamaa dha.”
"Behold, I come as a thief: blessed is he that watcheth, and keepeth his garments, that he may not walk naked, and his shame be seen."
16 Isaanis iddoo afaan Ibraayisxiitiin Armaageedon jedhamutti mootota sana walitti qaban.
And he gathered them together into a place called in Hebrew Armageddon.
17 Ergamaan torbaffaanis waciitii isaa keessaa qilleensa keessatti dhangalaase; sagaleen guddaan, “Raawwatameera!” jedhu tokkos mana qulqullummaatii teessoo keessaa baʼe.
And the seventh angel poured out his vial into the air; and there came forth a great voice out of the temple of heaven, from the throne, saying, It is done.
18 Ergasiis balaqqeen, sagaleen, kakawweetii fi sochiin lafaa hamaan tokko ni taʼe. Sochiin lafaa kan akkanaas erga namni lafa irra jiraachuu jalqabee kaasee takkumaa taʼee hin beeku; sochiin lafaa sunis akka malee guddaa ture.
And there were voices, and thunders, and lightnings; and there was a great earthquake, such as never was since there were men upon the earth, so violent and so great.
19 Magaalattiin guddoon iddoo sadiitti gargar qoodamte; magaalaawwan sabootaas ni kufan. Waaqnis Baabilon Guddittii ni yaadate; xoofoo daadhii wayinii dheekkamsa isaa sodaachisaadhaan guutames ni kenneef.
And the great city was divided into three parts, and the cities of the nations fell: and great Babylon came into remembrance before God, to give her the cup of the wine of his fierce wrath.
20 Biyyoonni bishaaniin marfaman hundinuu ni baqatan; tulluuwwanis argamuu hin dandeenye.
And every island fled, and the mountains were not found.
21 Dhagaan cabbii gurguddaan tokkoon tokkoon isaa gara kiiloo giraamii afurtamii shanii ulfaatu samii irraa namoota irra bubbuʼe. Dhaʼichi sunis waan akka malee hamaa tureef namoonni sababii dhaʼicha cabbii sanaatiif Waaqa ni abaaran.
And great hail-stones of a talent weight came down from heaven upon men: and men blasphemed God because of the plague of the hail; for the plague thereof was exceeding great.

< Mulʼata 16 >