< Mulʼata 15 >
1 Anis mallattoo guddaa fi dinqisiisaa biraa samii keessattin arge; mallattoon kunis ergamoota torban kanneen dhaʼicha dhumaa torba qaban ture; dhaʼichi torban kunneenis sababii dheekkamsi Waaqaa isaaniin raawwatamuuf dhaʼicha dhumaa jedhaman.
我又看见在天上有异象,大而且奇,就是七位天使掌管末了的七灾,因为 神的大怒在这七灾中发尽了。
2 Anis waan galaana bilillee ibiddaan makamee fakkaatu tokko nan arge; warri bineensichaa fi fakkii isaa, lakkoobsa maqaa isaas moʼatan baganaa Waaqni isaaniif kenne harkatti qabatanii galaanicha bira dhadhaabachaa turan.
我看见仿佛有玻璃海,其中有火搀杂。又看见那些胜了兽和兽的像并它名字数目的人,都站在玻璃海上,拿着 神的琴,
3 Isaanis faarfannaa Musee garbicha Waaqaatii fi faarfannaa Hoolichaa akkana jedhanii faarfatan: “Yaa Waaqa Gooftaa Waan Hundumaa Dandeessu, hojiin kee guddaa fi dinqisiisaa dha. Yaa Mootii sabootaa, karaan kee qajeelaa fi dhugaa dha.
唱 神仆人摩西的歌和羔羊的歌,说: 主 神—全能者啊, 你的作为大哉!奇哉! 万世之王啊, 你的道途义哉!诚哉!
4 Yaa Gooftaa, namni si hin sodaanne, kan maqaa kees hin ulfeessine eenyu? Si qofatu qulqulluudhaatii. Hojiin qajeelummaa keetii waan mulʼifameef, saboonni hundinuu ni dhufu; fuula kee durattis ni sagadu.”
主啊,谁敢不敬畏你, 不将荣耀归与你的名呢? 因为独有你是圣的。 万民都要来在你面前敬拜, 因你公义的作为已经显出来了。
5 Ergasiis nan ilaale; manni qulqullummaa inni samii jechuunis dunkaanni dhuga baʼuu ni baname.
此后,我看见在天上那存法柜的殿开了。
6 Mana qulqullummaa sana keessaas ergamoonni torban dhaʼicha torba qaban ni baʼan. Isaanis uffata qulqulluu fi calaqqisaa quncee talbaa irraa hojjetame uffatanii naannoo qoma isaaniittis sabbata warqee hidhatanii turan.
那掌管七灾的七位天使从殿中出来,穿着洁白光明的细麻衣,胸间束着金带。
7 Uumamawwan lubbuu qabeeyyii afran keessaas inni tokko waciitiiwwan warqee torba kanneen dheekkamsa Waaqa isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatuutiin guutaman ergamoota torbaniif kenne. (aiōn )
四活物中有一个把盛满了活到永永远远之 神大怒的七个金碗给了那七位天使。 (aiōn )
8 Manni qulqullummaa sunis aara ulfinaa fi humna Waaqaa keessaa baʼuun guutame; hamma dhaʼichi torban ergamoota torbanii raawwatamuttis eenyu iyyuu mana qulqullummaa sana seenuu hin dandeenye.
因 神的荣耀和能力,殿中充满了烟。于是没有人能以进殿,直等到那七位天使所降的七灾完毕了。