< Mulʼata 14 >
1 Anis nan ilaale; kunoo, Hoolichi Tulluu Xiyoon irra dhaabachaa ture; namoonni 144,000, kanneen maqaan isaatii fi maqaan Abbaa isaa adda isaanii irratti barreeffames isa wajjin turan.
我又观看,见羔羊站在锡安山,同他又有十四万四千人,都有他的名和他父的名写在额上。
2 Anis sagalee akka sagalee bishaan baayʼeetii fi akka sagalee kakawwee guddaa samii irraa nan dhagaʼe. Sagaleen ani dhagaʼe sunis akka sagalee baganaa kan namoonni baganaa taphatan dhageessisanii ture.
我听见从天上有声音,像众水的声音和大雷的声音,并且我所听见的好像弹琴的所弹的琴声。
3 Isaanis fuula teessichaa duratti, fuula uumamawwan lubbuu qabeeyyii afraniitii fi fuula maanguddootaa duratti faarfannaa haaraa tokko faarfatan. Faarfannaa sanas namoota 144,000 warra lafa irraa furaman sana malee namni tokko iyyuu barachuu hin dandeenye.
他们在宝座前,并在四活物和众长老前唱歌,仿佛是新歌;除了从地上买来的那十四万四千人以外,没有人能学这歌。
4 Isaan kunneen waan qulqullinaan of eegganiif warra dubartootaan of hin xureessinii dha. Isaanis iddoo Hoolichi dhaqu hundumatti isa duukaa buʼu. Sanyii namaa keessaas hangafa taʼanii Waaqaa fi Hoolichaaf ni furaman.
这些人未曾沾染妇女,他们原是童身。羔羊无论往哪里去,他们都跟随他。他们是从人间买来的,作初熟的果子归与 神和羔羊。
5 Sobni tokko iyyuu afaan isaanii keessatti hin argamne; isaan mudaa hin qaban.
在他们口中察不出谎言来;他们是没有瑕疵的。
6 Anis ergamaa biraa kan warra lafa irra jiraatanitti jechuunis saba hundatti, gosa hundatti, afaanii fi sanyii hundatti lallabuuf jedhee wangeela bara baraa qabatee samii walakkaa barrisu tokko nan arge. (aiōnios )
我又看见另有一位天使飞在空中,有永远的福音要传给住在地上的人,就是各国、各族、各方、各民。 (aiōnios )
7 Innis sagalee guddaadhaan akkana jedhe; “Saʼaatiin murtii isaa waan dhiʼaateef Waaqa sodaadhaa; ulfinas isaaf kennaa. Isa samii fi lafa, galaanaa fi burqaawwan bishaanii uume sanaaf sagadaa.”
他大声说:“应当敬畏 神,将荣耀归给他!因他施行审判的时候已经到了。应当敬拜那创造天地海和众水泉源的。”
8 Ergamaan lammaffaanis itti aansee, “‘Kufteerti! Baabilon guddittiin’ isheen akka sabni hundi daadhii wayinii dheekkamsa sagaagala ishee dhugu goote sun kufteerti” jedhe.
又有第二位天使接着说:“叫万民喝邪淫、大怒之酒的巴比伦大城倾倒了!倾倒了!”
9 Ergamaan Waaqaa inni sadaffaanis isaanitti aansee sagalee guddaadhaan akkana jedhe; “Namni kam iyyuu bineensichaa fi fakkii isaatiif yoo sagade, mallattoo isaas adda isaa irratti yookaan harka isaa irratti yoo fudhate,
又有第三位天使接着他们,大声说:“若有人拜兽和兽像,在额上或在手上受了印记,
10 innis akkasuma daadhii wayinii dheekkamsa Waaqaa isa utuu homtuu itti hin makamin xoofoo aarii isaatti buufame irraa ni dhuga. Fuula ergamoota qulqullootaatii fi fuula Hoolichaa durattis ibiddaa fi dinyiidhaan ni dhiphata.
这人也必喝 神大怒的酒;此酒斟在 神忿怒的杯中纯一不杂。他要在圣天使和羔羊面前,在火与硫磺之中受痛苦。
11 Aarri dhiphina isaaniis bara baraa hamma bara baraatti ol baʼa. Warri bineensichaa fi fakkii isaatiif sagadan yookaan warri mallattoo maqaa isaa fudhatan hundi halkanii guyyaa boqonnaa hin qabaatan.” (aiōn )
他受痛苦的烟往上冒,直到永永远远。那些拜兽和兽像,受它名之印记的,昼夜不得安宁。” (aiōn )
12 Kun obsa qulqulloota ajaja Waaqaa eeganiitii fi Yesuusiif amanamanii jiraatanii gaafata.
圣徒的忍耐就在此;他们是守 神诫命和耶稣真道的。
13 Anis sagalee, “Waan kana barreessi: Siʼachi warri utuu Gooftaadhaan jiranuu duʼan eebbifamoo dha” jedhu tokko samii irraa nan dhagaʼe. Hafuurri Qulqulluunis, “Eeyyee; hojiin isaaniis waan isaan duukaa buʼuuf isaan dadhabbii isaanii irraa ni boqotu” jedha.
我听见从天上有声音说:“你要写下:从今以后,在主里面而死的人有福了!”圣灵说:“是的,他们息了自己的劳苦,做工的果效也随着他们。”
14 Anis nan ilaale; kunoo, duumessa adii tokkotu ture; inni “ilma namaa fakkaatu” tokkos gonfoo warqee mataa isaatti kaaʼatee, haamtuu qaramaa harkatti qabatee duumessa irra taaʼee ture.
我又观看,见有一片白云,云上坐着一位好像人子,头上戴着金冠冕,手里拿着快镰刀。
15 Ergamaan Waaqaa kan biraas mana qulqullummaatii baʼee sagalee guddaadhaan isa duumessa irra taaʼe sanaan, “Midhaan lafaa waan bilchaateef, yeroon haamaas waan gaʼeef haamtuu kee fudhadhuutii haami” jedhee iyye.
又有一位天使从殿中出来,向那坐在云上的大声喊着说:“伸出你的镰刀来收割;因为收割的时候已经到了,地上的庄稼已经熟透了。”
16 Kanaafis inni duumessa irra taaʼe sun haamtuu isaa lafatti dhaabe; laftis ni haamamte.
那坐在云上的,就把镰刀扔在地上,地上的庄稼就被收割了。
17 Ergamaan Waaqaa kan biraas mana qulqullummaa isa samii keessaatii baʼe; innis akkasuma haamtuu qaramaa qaba ture.
又有一位天使从天上的殿中出来,他也拿着快镰刀。
18 Ammas ergamaan Waaqaa kan biraa inni ibidda irratti taayitaa qabu tokko iddoo aarsaa biraa dhufee, sagalee guddaadhaan ergamaa haamtuu qaramaa qabu sanaan, “Hurbuun wayinii waan bilchaateef haamtuu kee qaramaa sana fudhadhuutii hurbuu wayinii lafaa walitti qabi” jedhe.
又有一位天使从祭坛中出来,是有权柄管火的,向拿着快镰刀的大声喊着说:“伸出快镰刀来,收取地上葡萄树的果子,因为葡萄熟透了!”
19 Ergamichis haamtuu isaa lafatti dhaabe; hurbuu wayinii lafaas walitti qabee gara iddoo cuunfaa wayinii dheekkamsa Waaqaa isa guddaatti darbate.
那天使就把镰刀扔在地上,收取了地上的葡萄,丢在 神忿怒的大酒榨中。
20 Isaanis iddoo cuunfaa wayinii kan magaalaan ala jiru keessatti dhidhiitaman; iddoo cuunfaa sana keessaas dhiigni hamma luugama fardaatti ol kaʼee fageenya gara kiiloo meetira 300 lolaʼe.
那酒榨踹在城外,就有血从酒榨里流出来,高到马的嚼环,远有六百里。