< Mulʼata 12 >
1 Mallattoon guddaan tokko samii keessatti mulʼate: dubartii biiftuu uffattee miilla ishee jalaa jiʼa qabdu kan mataa ishee irraa gonfoo urjiiwwan kudha lamaa qabdu tokkotu ture.
Chiratidzo chikuru uye chinoshamisa chakaonekwa kudenga: mukadzi akanga akapfeka zuva, mwedzi uri pasi petsoka dzake, nekorona ine nyeredzi gumi nembiri pamusoro wake.
2 Isheenis ulfa turte; yommuu daʼumsi ishee gaʼettis ciniinsuudhaan qabamtee iyyite.
Akanga ane mimba uye akadanidzira mukurwadziwa sezvo akanga ava kupona.
3 Mallattoon biraas samii keessatti mulʼate; kunoo, bineensa jawwee fakkaatu diimaa guddaa, mataa torbaa fi gaanfa kudhan qabu, kan mataa isaa irraa gonfoo torba qabu tokkotu ture.
Ipapo chimwe chiratidzo chakaonekwa kudenga: shato huru tsvuku ine misoro minomwe nenyanga gumi nekorona nomwe mumisoro yayo.
4 Eegeen isaas urjiiwwan samii irra jiran harka sadii keessaa harka tokko haxaaʼee lafatti gad darbate. Bineensi jawwee fakkaatu sunis yeroo dubartittiin deessutti mucaa ishee liqimsuuf jedhee fuula dubartii daʼuuf jirtu sanaa dura dhaabate.
Muswe wayo wakatsvaira chikamu chimwe chete muzvitatu chenyeredzi kubva kudenga ukadzikanda pasi. Shato yakamira pamberi pomukadzi akanga ava kuzvara, kuitira kuti iparadze mwana wake kana angozvarwa.
5 Isheen ilma bokkuu sibiilaatiin saba hundumaa bulchuuf jiru tokko deesse; daaʼimni ishees gara Waaqaatti, gara teessoo isaattis ol butame.
Akazvara mwanakomana, munhurume, achazotonga ndudzi dzose netsvimbo yesimbi. Uye mwana wake akatorwa akaendeswa kuna Mwari nokuchigaro chake choushe.
6 Dubartittiinis gara lafa gammoojjii iddoo akka isheen guyyaa 1,260 achitti gabbifamtuuf jedhee Waaqni isheef qopheesseetti baqatte.
Mukadzi akatizira kugwenga kunzvimbo yaakanga agadzirirwa naMwari, kwaaizochengetwa kwamazuva chiuru namazana maviri namakumi matanhatu.
7 Lollis samii keessatti kaʼe. Miikaaʼelii fi ergamoonni isaa bineensa jawwee fakkaatu sana lolan; bineensi jawwee fakkaatu sunii fi ergamoonni isaas of irraa lolan.
Uye kudenga kwakava nehondo. Mikaeri navatumwa vake vakarwa neshato, uye shato navatumwa vayo ikadzorerawo.
8 Isaan garuu moʼachuu hin dandeenye; ergasiis iddoo isaanii kan samii keessaa sana ni dhaban.
Asi yakanga isina simba rakakwana, uye nzvimbo yavo yakashayikwa kudenga.
9 Bineensi guddaan jawwee fakkaatu sunis gad darbatame; innis bofa durii isa diiyaabiloos yookaan Seexana jedhamu, isa addunyaa guutuu karaa irraa jalʼisu sanaa dha. Inni lafatti gad darbatame; ergamoonni isaas isa wajjin darbataman.
Shato huru yakakandwa pasi, iyo nyoka yekare inonzi dhiabhori, kana kuti Satani, anotsausa nyika yose. Akakandwa panyika pamwe chete navatumwa vake.
10 Anis sagalee guddaa tokko samii keessaa nan dhagaʼe; innis akkana jedha: “Amma fayyinni, humnii fi mootummaan Waaqa keenyaa, taayitaan Kiristoos isaas dhufeera. Himataan obboloota keenyaa inni halkanii guyyaa fuula Waaqaa duratti, isaan himatu sun gad darbatameeraatii.
Ipapo ndakanzwa inzwi guru kudenga richiti: “Zvino ruponeso nesimba noumambo hwaMwari wedu zvasvika, uye nesimba raKristu wake. Nokuti mupomeri wehama dzedu, iye anovapomera pamberi paMwari wedu masikati nousiku, akandwa panyika.
11 Isaanis dhiiga Hoolichaatiin, dubbii dhuga baʼumsa isaaniitiinis, isa moʼatan; isaan hamma duʼaatti illee taanaan lubbuu isaanii hin mararfanne.
Vakamukunda neropa reGwayana uye neshoko rokupupura kwavo; havana kuda upenyu hwavo zvakanyanya zvokuti vangatya kufa.
12 Kanaafuu yaa samiiwwan, isin warri isaan keessa jiraattanis gammadaa! Garuu yaa lafaa fi yaa galaana isiniif wayyoo! Diiyaabiloos gara keessanitti gad buʼeeraatii! Innis akka yeroo gabaabaa qabu waan beekuuf baayʼee aareera.”
Naizvozvo farai, imi matenga nemi munogara maari! Asi mune nhamo imi nyika negungwa, nokuti dhiabhori aburuka kwamuri! Akatsamwa kwazvo, nokuti anoziva kuti nguva yake ipfupi.”
13 Bineensi jawwee fakkaatu sunis yommuu akka lafatti gad darbatame argetti, dubartittii daaʼima dhiiraa deesse sana ariʼachuu jalqabe.
Shato yakati yaona kuti yakanga yakandwa panyika, yakadzinganisa mukadzi akanga azvara mwana mukomana.
14 Dubartittiin garuu akka gara gammoojjii iddoo isheef qopheeffametti boficha jalaa barriftuuf, achittis baraaf, barootaa fi walakkaa baraatiif akka gabbifamtuuf baalleen risaa guddaan lama isheedhaaf ni kenname.
Mukadzi akapiwa mapapiro maviri egondo guru, kuitira kuti agobhururuka achienda kunzvimbo yaakanga agadzirirwa kugwenga, uko kwaaizochengetwa kwenguva nedzimwe nguva nehafu yenguva, kusingasviki nyoka.
15 Bofichis akka dubartittiin lolaadhaan fudhatamtuuf jedhee dugda ishee duubaan bishaan akka lagaa afaan isaa keessaa dhangalaase.
Ipapo nyoka yakabudisa mvura yakaita sorwizi kubva mumuromo mayo, kuti ikukure mukadzi namafashamu.
16 Lafti garuu afaan bantee laga bineensi jawwee fakkaatu sun afaan isaa keessaa dhangalaase sana liqimsuudhaan dubartittii gargaarte.
Asi nyika yakabatsira mukadzi nokuzarura muromo wayo ikamedza rwizi rwakanga rwabudiswa neshato mumuromo wayo.
17 Bineensi jawwee fakkaatu sun dubartittiitti aaree sanyii ishee warra hafanitti lola kaasuu dhaqe; isaanis warra ajaja Waaqaa eeganii fi warra dhuga baʼumsa Yesuus jabeessanii qabatanii dha.
Ipapo shato yakatsamwira mukadzi ikaenda kundorwa navana vake vakanga vasara, vaya vanoteerera mirayiro yaMwari uye vanobatirira pauchapupu hwaJesu.