< Mulʼata 11 >

1 Shambaqqoon ulee safartuu fakkaatu tokko naa kennamee akkana jedhamee natti himame; “Dhaqiitii mana qulqullummaa Waaqaatii fi iddoo aarsaa safari; warra achitti waaqeffatanis lakkaaʼi.
有人给我一根量尺,告诉我:“你起来量一量神的殿和祭坛,数一数在那里敬拜的人。
2 Oobdii mana qulqullummaatii ala taʼe garuu hin safarin; oobdiin sun waan Namoota Ormaatiif kennameef isa itti hin dabalin. Isaanis magaalaa qulqulluu sana jiʼa 42 lafatti dhidhiitu.
但不要量圣殿外面的院子,因为它已经交给异族人,他们要践踏圣城四十二个月。
3 Anis dhuga baatota koo lamaaniif humna nan kenna; isaanis uffata gaddaa uffatanii guyyaa 1,260 raajii ni dubbatu.”
我要将能力赐给穿著麻衣的两个人见证人,他们要持续预言一千二百六十天。”
4 Isaan kunneenis mukkeen ejersaa lamaanii fi baattuuwwan ibsaa lamaan fuula Gooftaa lafaa dura dhaabatanii dha.
他们就是站在大地之主面前的两棵橄榄树和两个灯台。
5 Namni kam iyyuu isaan miidhuu yaallaan ibiddi afaan isaaniitii baʼee diinota isaanii ni balleessa. Kunis haala namni isaan miidhuu barbaadu kam iyyuu ittiin ajjeefamuu qabuu dha.
如果有人想要伤害他们,就有火从他们口中喷出,烧死他们的敌人。凡是想要伤害他们的,都会被杀死。
6 Isaan yeroo raajii dubbatanitti akka bokkaan hin roobneef humna ittiin samii cufan qabu; akkasumas bishaanota dhiigatti geeddaruudhaa fi yeroo barbaadanitti dhaʼicha gosa hundaatiin lafa rukutuuf taayitaa qabu.
他们有力量在其预言的时候关闭天空,不再下雨;有权力将水变成血,随时用各样灾难攻击大地,它们想要多少次都可以。
7 Yommuu isaan dhuga baʼumsa isaanii xumuranittis bineensi Boolla Qilee keessaa ol baʼu sun lola isaanitti kaasa; isaan moʼata; isaan ajjeesas. (Abyssos g12)
他们完成其见证时,那从深渊上来的野兽就会与他们作战,战胜他们并将其杀死。 (Abyssos g12)
8 Reeffi isaaniis daandii magaalaa guddoo irra ni ciciisa; magaalattiin kunis ishee hiikkaa hafuuraatiin Sodoomii fi Gibxi jedhamtu kan Gooftaan isaaniis itti fannifamee turee dha.
他们的尸首会倒在大城市的开阔道路上。这些城在精神层面代表着所多玛和埃及,也是他们的主被钉上十字架的地方。
9 Namoonni saba hunda keessaa, gosa hunda keessaa, afaanii fi sanyii hunda keessaa dhufanis guyyaa sadii fi walakkaa reeffa isaanii ilaalu; akka hin awwaalamnes ni dhowwu.
在三天半的时间中,来自各民族、部落、语言和国家的人会看着他们的尸首,但不许把尸首安葬在坟墓中。
10 Raajonni lamaan kunneen waan warra lafa irra jiraatan dhiphisaa turaniif warri lafa irra jiraatan isaanitti gammadu; ni ililchus; kennaas walii ergu.
地上居住的人因为他们之死而欢喜庆祝,彼此赠送礼物,因为这两位先知曾经让他们受痛苦。
11 Guyyaa sadii fi walakkaa booddee garuu hafuurri jireenyaa Waaqa biraa dhufee isaan seene; isaanis kaʼanii miilla isaaniitiin dhaabatan; warri isaan arganis akka malee sodaatan.
但三天半后,上帝赋予生命的气息进入他们体内,他们就站立起来,看见这一切的人非常惧怕。
12 Isaanis sagalee guddaa, “As ol kottaa!” isaaniin jedhu tokko samii irraa dhagaʼan. Utuma diinonni isaanii ilaalanuus duumessaan gara samiitti ol baʼan.
两位见证人听见从天上来的巨大声音,告诉他们:“上到这里来!”于是他们驾云上了天,他们的仇敌都看到了。
13 Yeroo sanattis sochii lafaa guddaa isaatu ture; magaalaan sunis kudhan keessaa tokko ni barbadaaʼe. Namoonni kumni torbas sochii lafaa sanaan dhuman; warri hafan immoo sodaatanii Waaqa samiitiif ulfina kennan.
就在那时,大地震发生了,那座城倒塌了十分之一,因地震而死的有七千人,其他人都很害怕,把荣耀归于天上的上帝。
14 Wayyoon lammaffaan darbeera; kunoo, wayyoon sadaffaan dafee ni dhufa.
第二次灾祸过去了,第三次灾祸快要到了!
15 Ergamaan torbaffaanis malakata isaa afuufe; sagaleen guddaan, “Mootummaan addunyaa amma mootummaa Gooftaa keenyaatii fi mootummaa Kiristoos taʼeera; innis bara baraa hamma bara baraatti ni moʼa” jedhu samii keessa ture. (aiōn g165)
第七位天使吹响号角,天上传来巨大的声音说:“世上的国家成了我们主和基督所立的国,他要作王,直到永永远远!” (aiōn g165)
16 Maanguddoonni digdamii afran fuula Waaqaa dura teessoo isaanii irra tataaʼanii turan sunis adda isaaniitiin gombifamanii Waaqaaf ni sagadan;
那在上帝面前坐在自己座位上的二十四位长老,朝着向地面俯倒敬拜上帝,
17 akkanas jedhan: “Yaa Waaqayyoo Gooftaa Waan Hunda Dandeessu, Kan jirtuu fi kan turte, ati humna kee isa guddaa fudhattee waan moʼuu jalqabdeef galata siif dhiʼeessina.
他们说:“过去和现在都存在的全能之主上帝,我们感谢你,因为你执掌了大权并成为统治者!
18 Saboonni ni aaran; dheekkamsi kees dhufeera. Yeroon warri duʼan itti murtii argatan gaʼeera; yeroon ati itti raajota tajaajiltoota kee taʼaniif, qulqulloota keetii fi warra maqaa kee sodaatan xinnaafis taʼu guddaaf badhaasa kennitu gaʼeera; yeroon ati itti warra lafa balleessan balleessitus gaʼeera.”
各国非常愤怒,但你的审判也来到了,这是死人受审判的时刻!你的仆人、先知、信徒只要尊重你的权威,无论虚弱或拥有全力,都要得赏赐!在此刻,你也将毁灭那些毁灭大地的人!”
19 Manni qulqullummaa Waaqaa kan samii keessaas ni baname; taabonni kakuu isaas mana qulqullummaa isaa keessatti mulʼate. Ergasiis ifa balaqqee, sagalee, bakakkaa, sochii lafaatii fi bokkaa cabbii guddaa isaatu ture.
于是,上帝在天上的圣殿打开,他的约柜在圣殿中显现,随即出现闪电、雷鸣、地震、大冰雹。

< Mulʼata 11 >