< Mulʼata 10 >
1 Anis utuu ergamaan Waaqaa inni jabaan biraa tokko samii irraa gad buʼuu nan arge. Innis duumessa uffatee ture; mataa isaa irraan immoo sabbata Waaqaatu ture; fuulli isaa akka aduu, miilli isaas akka utubaa ibiddaa ture.
我また一人の強き御使の、雲を著て天より降るを見たり。その頭の上に虹あり、その顏は日の如く、その足は火の柱のごとし。
2 Innis kitaaba maramaa xinnaa baname tokko harkatti qabatee ture. Miilla isaa mirgaa galaana irra, miilla isaa bitaa immoo lafa irra dhaabee ture;
その手には展きたる小き卷 物をもち、右の足を海の上におき、左の足を地の上におき、
3 innis akkuma leenca aaduutti sagalee guddaadhaan iyye. Yommuu inni iyyettis bakakkaawwan torban ni dubbatan.
獅子の吼ゆる如く大聲に呼はれり、呼はりたるとき七つの雷霆おのおの聲を出せり。
4 Yommuu bakakkaawwan torban dubbatanittis ani barreessuuf qophaaʼeen ture; garuu sagalee, “Waan bakakkaawwan torban jedhan sana chaappaan cufi malee hin barreessin” jedhu tokko samii irraa nan dhagaʼe.
七つの雷霆の語りし時、われ書き記さんとせしに、天より聲ありて『七つの雷霆の語りしことは封じて書き記すな』といふを聞けり。
5 Ergamaan ani utuu inni galaanaa fi lafa irra dhaabatuu argee ture sunis harka isaa mirgaa samiitti ol qabe.
かくて我が見しところの海と地とに跨り立てる御使は、天にむかひて右の手を擧げ、
6 Innis isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatu, isa samiiwwanii fi waan isaan keessa jiru hundumaa, lafaa fi waan isa keessa jiru hundumaa, galaanaa fi waan isa keessa jiru hundumaa uume sanaan kakatee akkana jedhe; “Ammaan achi lafa irra harkisuun hin jiru! (aiōn )
天および其の中に在るもの、地および其の中にあるもの、海および其の中にある物を造り給ひし、世々 限りなく生きたまふ者を指し、誓ひて言ふ『この後、時は延ぶることなし。 (aiōn )
7 Garuu guyyoota ergamaan torbaffaan malakata isaa afuufutti icciitiin Waaqaa akkuma inni raajota warra hojjettoota isaa taʼanitti labse sanatti ni raawwatama.”
第七の御使の吹かんとするラッパの聲の出づる時に至りて、神の僕なる預言者たちに示し給ひし如く、その奧義は成就せらるべし』
8 Sagaleen ani samii irraa dhagaʼee ture sun ammas deebiʼee, “Dhaqiitii kitaaba maramaa banamee ergamaa galaanaa fi lafa irra dhaabatu harka jiru sana fudhadhu” naan jedhe.
かくて我が前に天より聞きし聲のまた我に語りて『なんぢ往きて、海と地とに跨り立てる御使の手にある展きたる卷 物を取れ』と言ふを聞けり。
9 Kanaafuu ani gara ergamichaa dhaqee akka inni kitaaba maramaa xinnaa sana naa kennuuf isa gaafadhe. Innis, “Fudhadhuutii nyaadhu; kitaabni kun garaa kee ni hadheessa; ‘afaan kee keessatti garuu akka dammaa miʼaawa’” naan jedhe.
われ御使のもとに往きて、小き卷 物を我に與へんことを請ひたれば、彼いふ『これを取りて食ひ盡せ、さらば汝の腹 苦くならん、然れど其の口には蜜のごとく甘からん』
10 Anis kitaaba maramaa xinnaa sana ergamicha harkaa fudhadhee nan nyaadhe. Innis afaan koo keessatti akkuma dammaa miʼaawe; erga ani nyaadhe garuu garaan koo ni hadheeffame.
われ御使の手より小き卷 物をとりて食ひ盡したれば、口には蜜のごとく甘かりしが、食ひし後わが腹は苦くなれり。
11 Ergasii immoo, “Ati waaʼee saba baayʼee, sanyii baayʼee, afaan baayʼeetii fi waaʼee mootota baayʼee ammas raajii dubbachuu qabda” jedhamee natti himame.
また或 物われに言ふ『なんぢ再び多くの民・國・國語・王たちに就きて預言すべし』