< Mulʼata 1 >

1 Kun mulʼata Yesuus Kiristoos, kan akka inni waan dhiʼootti taʼuu qabu garboota isaatti argisiisuuf jedhee Waaqni isaaf kennee dha. Innis ergamaa isaa gara garbicha isaa Yohannisitti ergee akka mulʼanni sun beekamu godhe;
耶穌基督的啟示,是天主賜給他,叫他把那些必須快要發生的事,指示給自己的僕人們;他遂打發天使,告訴自己的僕人若望;
2 Yohannis isa waan arge hundumaa jechuunis dubbii Waaqaatii fi dhuga baʼumsa Yesuus Kiristoos dhugaa baʼuu dha.
若望便為天主的話和為耶穌基督作了見證,即對他所見到的一切作了證。
3 Namni dubbii raajii kana dubbisu eebbifamaa dha; warri waan raajii sana keessatti barreeffame dhagaʼanii eeganis eebbifamoo dha; barichi dhiʼaateeraatii.
那誦讀和那些聽了這預言,而又遵行書中所記載的,是有福的!因為時期已臨近了。
4 Yohannis irraa, Gara waldoota kiristaanaa kanneen biyya Asiyaa keessa jiran torbaniitti: Isa jiru, isa ture, Isa dhufuuf jiruu fi Hafuurota torban fuula teessoo isaa dura jiran irraa,
若望致書給亞細亞的七個教會:願恩寵與平安由那今在、昔在及將來永在者,由在他寶座前的七神,
5 akkasumas Yesuus Kiristoos dhuga baatuu amanamaa, hangafa warra duʼaniitii fi bulchaa mootota lafaa taʼe sana irraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu. Isa nu jaallatuu fi isa dhiiga isaatiin cubbuu keenya irraa bilisa nu baase,
並由那原為忠實的見證,死者中的首生者,和地上萬王的元首耶穌基督賜與你們。願光榮與權能歸於那愛我們,並以自己的血解救我們脫離我們的罪過,
6 isa akka nu Waaqa isaatii fi Abbaa isaa tajaajilluuf mootummaa fi luboota nu taasise sanaaf ulfinnii fi humni bara baraa hamma bara baraatti haa taʼu! Ameen. (aiōn g165)
使我們成為國度,成為侍奉他的天主和父的司祭的那位,直到萬世萬代。阿們。 (aiōn g165)
7 “Kunoo, inni duumessa wajjin dhufa; iji hundinuu, warri isa waraanan iyyuu isa ni argu;” saboonni lafaa hundinuus “sababii isaatiif ni wawwaatu.”
看,他乘著雲彩降來,眾目都要瞻望他,連那些刺透了他的人,也要瞻望他,地上的各種族都要哀悼他。的確這樣。阿們。
8 Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu, “Ani Alfaa fi Omeegaa dha; isa jiru, isa turee fi isa dhufuuf jiruu dha” jedha.
「我是『阿耳法』和『敖默加』,」那今在、昔在及將來永在的全能者上主天主這樣說。
9 Ani obboleessi keessan Yohannis dhiphina keessatti, mootummaa fi obsa Yesuus Kiristoos keessattis isin wajjin kan hirmaadhu sababii dubbii Waaqaatii fi sababii dhuga baʼumsa Yesuus Kiristoosiif Phaaximoos biyya bishaaniin marfamte irran ture.
我若望,你們的弟兄,並在耶穌內與你們共患難,同王權和同忍耐的,為天主的話,並為給耶穌作證,曾到了一座名叫帕特摩的海島上。
10 Anis guyyaa Gooftaatti Hafuuraanin ture; dugda koo duubaanis sagalee guddaa akka malakataa tokko nan dhagaʼe;
在一個主日上,我在神魂超拔中,聽見在我背後有一個大聲音,好似號角的聲音,
11 sagaleen sunis, “Waan argitu kitaaba maramaa irratti barreessiitii gara waldoota kiristaanaa torbaniitti jechuunis Efesoonitti, Samirnaatti, Phergaamoonitti, Tiyaatiraatti, Sardeesitti, Filaadelfiyaattii fi Lodooqiyaatti ergi” jedhe.
說:「將你所聽見的寫在書上,送到厄弗所、斯米納、培爾加摩、提雅提辣,撒爾德、非拉德非雅和勞狄刻雅七個教會。」
12 Anis sagalee natti dubbachaa ture sana ilaaluuf jedheen of irra gara gale. Ani yommuun of irra gara galetti baattuuwwan ibsaa kanneen warqee irraa hojjetaman torba nan arge;
我就轉過身來,要看看那同我說話的聲音;我一轉身就看見了七盞金燈臺,
13 baattuuwwan ibsaa sana gidduus kan, “ilma namaa fakkaatu” tokkotu ture; innis uffata dheeraa miilla gaʼu uffatee, naannoo qoma isaatti immoo sabbata warqee hidhatee ture.
在燈臺當中有似人子的一位,身穿長衣,胸間佩有金帶。
14 Mataan isaatii fi rifeensi mataa isaa adii akka rifeensa hoolaa, adii akka cabbii ture; iji isaas akka arraba ibiddaa turte.
他的頭和頭髮皓白,有如潔白的羊毛,又如同雪;他的眼睛有如火燄;
15 Miilli isaas naasii boolla ibiddaa keessatti diimeffame fakkaata ture; sagaleen isaa immoo akkuma sagalee bishaan baayʼee ti.
他的腳相似在烈窯中燒煉的光銅;他的聲音有如大水的響聲;
16 Harka isaa mirgaatiin urjiiwwan torba qabatee ture; afaan isaa keessaas goraadee qara lama qabutu baʼaa ture. Fuulli isaas biiftuu humna guutuun iftu fakkaata ture.
他的右手持有七顆星;從他的口中發出一把雙刃的利劍;他的面容有如發光正烈的太陽。
17 Ani yommuun isa argetti akka nama duʼee miilla isaa jalattin kufe. Inni immoo harka isaa mirgaa narra kaaʼee akkana naan jedhe: “Hin sodaatin. Ani kan Jalqabaatii fi kan Dhumaa ti.
我一看見他,就跌倒在他腳前,有如死人,他遂把右手按在我身上說:「不要害怕!我是元始,我是終末,
18 Isa jiraataa dhas; ani duʼeen ture; kunoo, bara baraa hamma bara baraatti nan jiraadha! Furtuu duʼaatii fi kan Siiʼoolis qaba. (aiōn g165, Hadēs g86)
我是生活的;我曾死過,可是,看,我如今卻活著,一直到萬世萬代;我持有死亡和陰府的鑰匙, (aiōn g165, Hadēs g86)
19 “Kanaafuu ati waan argite, waan amma jiruu fi waan gara fuulduraatti taʼu barreessi.
所以你應把你看見的事,現今的,以及這些事以後要發生的事,都寫下來。
20 Icciitiin urjiiwwan torbaa kanneen ati harka koo mirgaa keessatti argiteetii fi baattuuwwan ibsaa kanneen warqee irraa hojjetaman torbanii isa kana: Urjiiwwan torban ergamoota waldaa kiristaanaa torbaa ti; baattuuwwan ibsaa torban immoo waldoota kiristaanaa torbanii dha.
至於你看見在我右手中的七顆星,和七盞金燈臺的奧義,就是:七顆星是指七個教會的天使,七盞燈臺是指七個教會。」

< Mulʼata 1 >