< Faarfannaa 1 >

1 Namni gorsa hamootaatiin hin deddeebine, yookaan karaa cubbamootaa irra hin dhaabanne, yookaan barcuma qoostotaa irra hin teenye, eebbifamaa dha.
אשרי האיש אשר לא הלך בעצת רשעים ובדרך חטאים לא עמד ובמושב לצים לא ישב׃
2 Garuu inni seera Waaqayyootti gammada; seera isaas halkanii guyyaa irra deddeebiʼee itti yaada.
כי אם בתורת יהוה חפצו ובתורתו יהגה יומם ולילה׃
3 Inni akkuma muka qarqara bishaan yaaʼuu dhaabamee yeroo isaatti ija isaa kennu, kan baalli isaas hin coollagnee ti; wanni inni hojjetu hundinuus ni tolaaf.
והיה כעץ שתול על פלגי מים אשר פריו יתן בעתו ועלהו לא יבול וכל אשר יעשה יצליח׃
4 Hamoonni garuu akkana miti; isaan akka habaqii qilleensi fudhatee balleessuu ti.
לא כן הרשעים כי אם כמץ אשר תדפנו רוח׃
5 Kanaafuu hamoonni murtii dura, yookaan cubbamoonni waldaa qajeeltotaa keessa hin dhaabatan.
על כן לא יקמו רשעים במשפט וחטאים בעדת צדיקים׃
6 Waaqayyo karaa qajeeltotaa ni beekaatii; karaan hamootaa garuu gara badiitti geessa.
כי יודע יהוה דרך צדיקים ודרך רשעים תאבד׃

< Faarfannaa 1 >