< Faarfannaa 99 >

1 Waaqayyo moʼeera; saboonni haa hollatan; inni kiirubeel gidduu, teessoo isaa irra taaʼa; lafti haa raafamtu.
The LORD reigneth; let the people tremble: he setteth between the cherubim; let the earth be moved.
2 Waaqayyo Xiyoon keessatti guddaa dha; inni saboota hunda irra ol ol jedheera.
The LORD is great in Zion; and he is high above all people.
3 Isaan maqaa kee guddichaa fi sodaachisaa sana haa jajan; inni qulqulluu dha.
Let them praise thy great and terrible name; for it is holy.
4 Mootichi humna qabeessa; inni murtii qajeelaa jaallata; ati tola hundeessiteerta; Yaaqoob keessattis haqaa fi qajeelummaa hojjetteerta.
The king’s strength also loveth judgment; thou dost establish equity, thou executest judgment and righteousness in Jacob.
5 Waaqayyo Waaqa keenya leellisaa; ejjeta miilla isaa jalatti sagadaa; inni qulqulluu dha.
Exalt ye the LORD our God, and worship at his footstool; for he is holy.
6 Musee fi Aroon luboota isaa keessa turan; Saamuʼeelis warra maqaa isaa waammatan keessa ture; isaan Waaqayyoon waammatan; innis deebii kenneef.
Moses and Aaron among his priests, and Samuel among them that call upon his name; they called upon the LORD, and he answered them.
7 Inni utubaa duumessaa keessaa isaanitti dubbate; isaanis sirna isaatii fi seera inni isaaniif kenne eegan.
He spoke to them in the cloudy pillar: they kept his testimonies, and the ordinance that he gave them.
8 Yaa Waaqayyo Waaqa keenya, ati deebii isaanii kennite; ati balleessaa isaanii adabdu illee, Israaʼeliif Waaqa dhiifama gootu turte.
Thou didst answer them, O LORD our God: thou wast a God that forgavest them, though thou tookest vengeance on their evil deeds.
9 Waaqa keenya Waaqayyoon leellisaa; tulluu isaa qulqulluu irrattis waaqeffadhaa; Waaqayyo Waaqni keenya Waaqa qulqulluudhaatii.
Exalt the LORD our God, and worship at his holy hill; for the LORD our God is holy.

< Faarfannaa 99 >