< Faarfannaa 98 >

1 Faarfannaa. Waaqayyoof faarfannaa haaraa faarfadhaa; inni dinqii hojjeteeratii; harki isaa inni mirgaatii fi irreen isaa qulqulluun, akka inni moʼannaa argatu godhaniiru.
Oh, mwimbieni Yahwe wimbo mpya, kwa kuwa ametenda mambo ya ajabu; mkono wake wa kuume na mkono wake mtakatifu vimempa ushindi.
2 Waaqayyo akka fayyisuun isaa beekamu godheera; qajeelummaa isaas sabootatti mulʼiseera.
Yahwe ameufanya wokovu wake ujulikane; ameidhihirisha haki yake kwa mataifa yote.
3 Inni jaalala isaatii fi amanamummaa isaa mana Israaʼeliif yaadateera; daariin lafaa hundinuu, fayyisuu Waaqa keenyaa arganiiru.
Hukumbuka uaminifu wa agano lake na uaminifu kwa ajili ya nyumba ya Israeli; miisho yote ya dunia itauona ushindi wa Mungu wetu.
4 Lafti hundinuu Waaqayyoof ililchaa; faarfannaa gammachuutiin iyyaa; weedduu galataas weeddisaa;
Mshangilieni Yahwe, nchi yote; pazeni sauti kwa wimbo, imbeni kwa furaha, na imbeni sifa.
5 baganaadhaan faarfannaa galataa, baganaa fi sagalee weedduutiin Waaqayyoof faarfadhaa;
Mwimbieni Yahwe sifa kwa kinubi, kwa kinubi na wimbo wenye muiki wa kupendeza.
6 malakataa fi sagalee gaanfaatiin, fuula Waaqayyo mootichaa duratti ililchaa.
Kwa panda na sauti ya baragumu, fanyeni kelele za shangwe mbele ya Mfalme, Yahwe.
7 Galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu, addunyaa fi wanti ishee keessa jiraatu hundinuu haa huursan.
Bahari na ipige kelele na vyote vilivyomo, ulimwengu na wale wakaao ndani yake!
8 Lageen harka isaanii haa rurrukutan; tulluuwwanis tokkummaadhaan haa ililchan;
Mito na ipige makofi, na milima ipige kelele kwa furaha.
9 isaan fuula Waaqayyoo duratti haa faarfatan; inni lafatti murteessuu ni dhufaatii. Inni addunyaaf qajeelummaadhaan, namootaaf immoo utuu wal hin caalchisin murtii kenna.
Yahwe anakuja kuihukumu nchi; naye ataihukumu dunia kwa haki na mataifa kwa adili.

< Faarfannaa 98 >