< Faarfannaa 98 >

1 Faarfannaa. Waaqayyoof faarfannaa haaraa faarfadhaa; inni dinqii hojjeteeratii; harki isaa inni mirgaatii fi irreen isaa qulqulluun, akka inni moʼannaa argatu godhaniiru.
Ein Psalm. Singet Jehova ein neues Lied! Denn er hat Wunder getan; Rettung hat ihm verschafft seine Rechte und sein heiliger Arm.
2 Waaqayyo akka fayyisuun isaa beekamu godheera; qajeelummaa isaas sabootatti mulʼiseera.
Jehova hat kundgetan seine Rettung, vor den Augen der Nationen geoffenbart seine Gerechtigkeit.
3 Inni jaalala isaatii fi amanamummaa isaa mana Israaʼeliif yaadateera; daariin lafaa hundinuu, fayyisuu Waaqa keenyaa arganiiru.
Er hat seiner Güte und seiner Treue gedacht dem Hause Israel; alle Enden der Erde haben die Rettung unseres Gottes gesehen.
4 Lafti hundinuu Waaqayyoof ililchaa; faarfannaa gammachuutiin iyyaa; weedduu galataas weeddisaa;
Jauchzet Jehova, ganze Erde! Brechet in Jubel aus und singet Psalmen!
5 baganaadhaan faarfannaa galataa, baganaa fi sagalee weedduutiin Waaqayyoof faarfadhaa;
Singet Psalmen Jehova mit der Laute mit der Laute und der Stimme des Gesanges!
6 malakataa fi sagalee gaanfaatiin, fuula Waaqayyo mootichaa duratti ililchaa.
Mit Trompeten und dem Schall der Posaune jauchzet vor dem König Jehova!
7 Galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu, addunyaa fi wanti ishee keessa jiraatu hundinuu haa huursan.
Es brause das Meer und seine Fülle, der Erdkreis und die darauf wohnen!
8 Lageen harka isaanii haa rurrukutan; tulluuwwanis tokkummaadhaan haa ililchan;
Mögen die Ströme in die Hände klatschen, mögen jubeln die Berge allzumal-
9 isaan fuula Waaqayyoo duratti haa faarfatan; inni lafatti murteessuu ni dhufaatii. Inni addunyaaf qajeelummaadhaan, namootaaf immoo utuu wal hin caalchisin murtii kenna.
vor Jehova! Denn er kommt, die Erde zu richten: Er wird den Erdkreis richten in Gerechtigkeit und die Völker in Geradheit.

< Faarfannaa 98 >