< Faarfannaa 97 >

1 Waaqayyo moʼeera; lafti haa gammaddu; biyyoonni qarqara galaanaa hedduunis haa ililchan.
Bwana anatawala, nchi na ifurahi, visiwa vyote vishangilie.
2 Duumessaa fi dukkanni limixiin isa marsaniiru; qajeelummaa fi murtii qajeelaan hundee teessoo isaa ti.
Mawingu na giza nene vinamzunguka, haki na hukumu ndio msingi wa kiti chake cha enzi.
3 Ibiddi fuula isaa dura deemee diinota isaa naannoo isaatii fixa.
Moto hutangulia mbele zake na huteketeza adui zake pande zote.
4 Balaqqeen isaa addunyaa ibsa; laftis argitee hollatti.
Umeme wake wa radi humulika dunia, nchi huona na kutetemeka.
5 Tulluuwwan fuula Waaqayyoo duratti, fuula Gooftaa lafa hundumaa durattis akkuma gagaa baqu.
Milima huyeyuka kama nta mbele za Bwana, mbele za Bwana wa dunia yote.
6 Samiiwwan qajeelummaa isaa labsu; saboonni hundinuus ulfina isaa argu.
Mbingu zinatangaza haki yake, na mataifa yote huona utukufu wake.
7 Warri fakkii waaqeffatan, kanneen waaqota tolfamoon of jajan hundi haa qaaneffaman; isin waaqonni hundinuus isa waaqeffadhaa!
Wote waabuduo sanamu waaibishwa, wale wajisifiao sanamu: mwabuduni yeye, enyi miungu yote!
8 Yaa Waaqayyo, sababii murtii keetiitiif, Xiyoon dhageessee ililchiti; gandoonni Yihuudaas ni gammadu.
Sayuni husikia na kushangilia, vijiji vya Yuda vinafurahi kwa sababu ya hukumu zako, Ee Bwana.
9 Yaa Waaqayyo, ati lafa hundumaa irratti Waaqa Waan Hundaa Olii ti; ati waaqota hundumaa irra akka malee ol ol jetteerta.
Kwa kuwa wewe, Ee Bwana, ndiwe Uliye Juu Sana kuliko dunia yote; umetukuka sana juu ya miungu yote.
10 Sababii inni lubbuu amanamoota isaa eegee, harka hamootaa jalaa isaan baasuuf, warri Waaqayyoon jaallatan hammina haa jibban.
Wale wanaompenda Bwana na wauchukie uovu, kwa maana yeye hulinda maisha ya waaminifu wake na kuwaokoa kutoka mkononi mwa mwovu.
11 Qajeeltota irratti ifni ni ifa; gara tolootaafis gammachuun ni dhufa.
Nuru huangaza wenye haki na furaha kwa watu wanyofu wa moyo.
12 Isin qajeeltonni Waaqayyotti gammadaa; maqaa isaa qulqulluus galateeffadhaa.
Furahini katika Bwana, ninyi mlio wenye haki, lisifuni jina lake takatifu.

< Faarfannaa 97 >