< Faarfannaa 97 >

1 Waaqayyo moʼeera; lafti haa gammaddu; biyyoonni qarqara galaanaa hedduunis haa ililchan.
上主為王,願大地踴躍,無數島嶼,也都要歡樂!
2 Duumessaa fi dukkanni limixiin isa marsaniiru; qajeelummaa fi murtii qajeelaan hundee teessoo isaa ti.
雲彩和黑暗包圍在祂的四週,正義與公道支持祂的座位。
3 Ibiddi fuula isaa dura deemee diinota isaa naannoo isaatii fixa.
烈火在祂前面先行,焚燒祂四周的敵人。
4 Balaqqeen isaa addunyaa ibsa; laftis argitee hollatti.
祂的閃電照亮塵寰,大地一見就戰慄搖搣。
5 Tulluuwwan fuula Waaqayyoo duratti, fuula Gooftaa lafa hundumaa durattis akkuma gagaa baqu.
面對上主普世的主宰,大山要像蠟燭一般溶解。
6 Samiiwwan qajeelummaa isaa labsu; saboonni hundinuus ulfina isaa argu.
蒼天宣揚祂的公道,萬民目睹祂的光耀。
7 Warri fakkii waaqeffatan, kanneen waaqota tolfamoon of jajan hundi haa qaaneffaman; isin waaqonni hundinuus isa waaqeffadhaa!
願所有拜偶像,以邪神自誇人受辱,願所有的神祗,都俯伏在祂面前叩首。
8 Yaa Waaqayyo, sababii murtii keetiitiif, Xiyoon dhageessee ililchiti; gandoonni Yihuudaas ni gammadu.
上主,因您的宣判,熙雍聽見了便笑,猶大各城高興歡躍。
9 Yaa Waaqayyo, ati lafa hundumaa irratti Waaqa Waan Hundaa Olii ti; ati waaqota hundumaa irra akka malee ol ol jetteerta.
上主,您在普天下是最尊貴的,您在眾神中是最崇高的。
10 Sababii inni lubbuu amanamoota isaa eegee, harka hamootaa jalaa isaan baasuuf, warri Waaqayyoon jaallatan hammina haa jibban.
上主喜愛那惱恨罪惡的人,保護虔誠人們的生命,從惡人手中拯救他們。
11 Qajeeltota irratti ifni ni ifa; gara tolootaafis gammachuun ni dhufa.
光明已升起照耀義人,賜喜樂於人地正直的人。
12 Isin qajeeltonni Waaqayyotti gammadaa; maqaa isaa qulqulluus galateeffadhaa.
義人,請因上主而歡欣,請您們讚美祂的聖名。

< Faarfannaa 97 >