< Faarfannaa 95 >

1 Kottaa Waaqayyoof faarfannaa; Kattaa fayyina keenyaatiifis ni ililchinaa.
Oh njoni, tumwimbie Yahwe; na tumwimbie kwa shangwe mwamba wa wokovu wetu.
2 Galataan fuula isaa duratti haa dhiʼaannu; faarfannaadhaanis isa haa leellifnu.
Tuingie uweponi mwake kwa shukrani; tumwimbie yeye kwa zaburi ya sifa.
3 Waaqayyo Waaqa guddaadhaatii; inni waaqota hundaa olitti Mootii guddaa dha.
Kwa maana Yahwe ni Mungu mkuu na Mfalme mkuu juu ya miungu yote.
4 Qileewwan lafaa harka isaa keessa jiru; fiixeewwan tulluus kan isaa ti.
Mkononi mwake zimo bonde za dunia; navyo vilele vya milima ni vyake.
5 Galaanni kan isaa ti; isatu hojjeteetii; lafa gogaa illee harka isaatu uume.
Bahari ni yake, maana aliiumba, na mikono yake ilitengeneza nchi kavu.
6 Kottaa gad jennee sagadnaa; Uumaa keenya Waaqayyo duratti ni jilbeenfannaa;
Oh njoni, tumwabudu na tupige magoti; tupige magoti mbele za Yahwe, muumbaji wetu:
7 inni Waaqa keenyaatii; nu immoo saba eegumsa isaa jala jirruu dha; bushaayee harka isaa keessa jiruudhas. Isin harʼa yoo sagalee isaa dhageessan,
Kwa maana yeye ni Mungu wetu, na sisi tu watu wa malisho yake na kondoo wa mkono wake. Ni heri leo mngesikia sauti yake!
8 akka Mariibaatti gootan sana, akka gaafa gammoojjii keessatti Maasaatti gootan sanaa mataa hin jabaatinaa;
Msiifanye migumu mioyo yenu, kama vile huko Meriba, au kama ile siku ya Masa jangwani,
9 abbootiin keessan utuma hojii koo arganuu, achitti qoranii na ilaalan.
ambako baba zenu walinijaribu na kunipima, japo walikuwa wameyaona matendo yangu.
10 Dhaloota sanatti ani waggaa afurtama nan dheekkame; anis, “Isaan saba garaan isaanii karaa irraa jalʼatee dha; isaan karaa koo hin beekne” nan jedheen.
Kwa miaka arobaini nilikasirishwa na kizazi hicho na kusema, 'Hawa ni watu ambao mioyo yao imepotoka; hawazijui njia zangu.'
11 Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin, “Isaan boqonnaa kootti hin galan” jedhee kakadhe.
Hivyo katika hasira yangu niliapa kwamba wasingeingia kamwe mahali pa pumziko.”

< Faarfannaa 95 >