< Faarfannaa 95 >
1 Kottaa Waaqayyoof faarfannaa; Kattaa fayyina keenyaatiifis ni ililchinaa.
Dođite, kličimo Jahvi, uzvikujmo Hridi, Spasitelju svome!
2 Galataan fuula isaa duratti haa dhiʼaannu; faarfannaadhaanis isa haa leellifnu.
Pred lice mu stupimo s hvalama, kličimo mu u pjesmama!
3 Waaqayyo Waaqa guddaadhaatii; inni waaqota hundaa olitti Mootii guddaa dha.
Jer velik je Jahve, Bog naš, Kralj veliki nad svim bogovima.
4 Qileewwan lafaa harka isaa keessa jiru; fiixeewwan tulluus kan isaa ti.
U njegovoj su ruci zemaljske dubine, njegovi su vrhunci planina.
5 Galaanni kan isaa ti; isatu hojjeteetii; lafa gogaa illee harka isaatu uume.
Njegovo je more, on ga je stvorio, i kopno koje načiniše ruke njegove.
6 Kottaa gad jennee sagadnaa; Uumaa keenya Waaqayyo duratti ni jilbeenfannaa;
Dođite, prignimo koljena i padnimo nice, poklonimo se Jahvi koji nas stvori!
7 inni Waaqa keenyaatii; nu immoo saba eegumsa isaa jala jirruu dha; bushaayee harka isaa keessa jiruudhas. Isin harʼa yoo sagalee isaa dhageessan,
Jer on je Bog naš, a mi narod paše njegove, ovce što on ih čuva. O, da danas glas mu poslušate:
8 akka Mariibaatti gootan sana, akka gaafa gammoojjii keessatti Maasaatti gootan sanaa mataa hin jabaatinaa;
“Ne budite srca tvrda kao u Meribi, kao u dan Mase u pustinji
9 abbootiin keessan utuma hojii koo arganuu, achitti qoranii na ilaalan.
gdje me iskušavahu očevi vaši premda vidješe djela moja.
10 Dhaloota sanatti ani waggaa afurtama nan dheekkame; anis, “Isaan saba garaan isaanii karaa irraa jalʼatee dha; isaan karaa koo hin beekne” nan jedheen.
Četrdeset ljeta jadio me naraštaj onaj, pa rekoh: 'Narod su nestalna srca i ne promiču moje putove.'
11 Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin, “Isaan boqonnaa kootti hin galan” jedhee kakadhe.
Stog se zakleh u svom gnjevu: 'Nikad neće ući u moj pokoj!'”