< Faarfannaa 94 >

1 Yaa Waaqayyo, Waaqa haaloo baaftu, Yaa Waaqa haaloo baaftu, ifii mulʼadhu.
Awurade, Onyankopɔn a wotɔ were, Onyankopɔn a wotɔ were, hyerɛn.
2 Yaa Abbaa Murtii lafa kanaa kaʼi; of tuultotaaf illee waan isaanii malu kenni.
Sɔre, asase so Temmufo, tua ahantanfo ka sɛnea ɛfata wɔn.
3 Yaa Waaqayyo, hamma yoomiitti warri hamoon, warri hamoon hamma yoomiitti burraaqu?
Awurade, enkosi da bɛn, amumɔyɛfo nnye wɔn ani nkosi da bɛn?
4 Isaan dubbii of tuulummaa gad roobsu; jalʼoonni hundinuu of dhiibuudhaan guutaman.
Wɔkasa ahantan so; ahohoahoa ahyɛ abɔnefo nyinaa ma.
5 Yaa Waaqayyo, isaan saba kee miidhu; handhuuraa kees ni hacuucu.
Awurade, wɔdwerɛw wo nkurɔfo; wɔhyɛ wʼagyapade so.
6 Haadha hiyyeessaatii fi keessummaa ni gorraʼu; ijoollee abbaa hin qabnes ni ajjeesu.
Wokunkum akunafo ne ananafo; na wodi ayisaa awu.
7 Isaan, “Waaqayyo hin argu; Waaqni Yaaqoob hin qalbeeffatu” jedhu.
Wɔka se, “Awurade nhu, Yakob Nyankopɔn ayi nʼani.”
8 Warri saba keessaa raatoftan mee hubadhaa; isin warri gowwoonni yoom ogeeyyii taatu?
Monhwɛ yiye, mo agyimifo a mowɔ nnipa no mu; nkwaseafo, da bɛn na mubehu nyansa?
9 Inni gurra uume sun hin dhagaʼuu? Inni ija uume hin argu?
Nea ɔbɔɔ aso no rente asɛm ana? Nea ɔyɛɛ ani no renhu ade ana?
10 Inni saboota sirreessu sun hin adabuu? Inni nama barsiisu sun beekumsa hin qabuu?
Nea ɔteɛteɛ aman so no rentwe aso ana? Nea ɔkyerɛkyerɛ onipa no nnim nyansa ana?
11 Waaqayyo yaada namaa beeka; akka yaadni namaa faayidaa hin qabnes ni beeka.
Awurade nim onipa nsusuwii; onim sɛ enkosi hwee.
12 Yaa Waaqayyo, namni ati adabdu, namni ati seera kee irraa barsiiftu eebbifamaa dha;
Awurade, nhyira ne onipa a woteɛteɛ no so, onipa a wokyerɛ no wo mmara no;
13 hamma hamootaaf boolli qotamutti, guyyaa rakkinaatti ati boqonnaa kennitaaf.
Woma ɔhome fi amanehunu nna mu, kosi sɛ wobetu amoa ama amumɔyɛfo.
14 Waaqayyo saba isaa hin gatuutii; inni akkana illee jedhee handhuuraa ofii isaa hin dhiisu.
Awurade rempo ne nkurɔfo; na ɔrennyaw nʼagyapade hɔ da.
15 Murtiin qajeelummaa irratti hundeeffama; toloonni hundinuus isa faana buʼu.
Atemmu begyina treneeyɛ so bio, na wɔn a wɔn koma mu tew nyinaa bedi so.
16 Eenyutu hamootatti naa kaʼa? Eenyutu na cina dhaabatee warra jalʼina hojjetaniin morma?
Hena na ɔbɛsɔre atia amumɔyɛfo ama me? Hena na ɔbɛsɔre atia abɔnefo ama me?
17 Utuu Waaqayyo na gargaaruu baatee, silaa yoona lubbuun koo boolla duʼaa keessa jirti.
Sɛ Awurade ammoa me a, anka mekɔɔ owu kommyɛ mu ntɛm so.
18 Yaa Waaqayyo yeroo ani, “Miilli koo mucucaateera” jedhetti, araarri kee ol qabee na dhaabe.
Bere a mekae se, “Me nan rewatiri” no, Awurade, wo dɔ no soo me mu.
19 Yommuu yaaddoon natti baayʼatetti, jajjabeessuun kee lubbuu koo gammachiise.
Bere a me dadwen dɔɔso no, wʼawerɛkyekye maa me kra abotɔyam.
20 Bulchitoonni hamoon, warri seeratti fayyadamanii jalʼina hojjetan si wajjin tokkummaa qabaachuu dandaʼuu?
Ahengua a porɔwee ahyɛ no mma no ne wo wɔ ayɔnkofa ana? Ahengua a ne hyɛ nsɛm de amanehunu na ɛba no?
21 Isaan tokkummaadhaan nama qajeelaatti kaʼanii nama yakka hin qabnetti duʼa muru.
Wɔka bɔ mu tia atreneefo na wɔn a wodi bem no, wobu wɔn kumfɔ.
22 Waaqayyo garuu daʼoo, Waaqni koos, kattaa ani itti baqadhu naa taʼeera.
Nanso Awurade yɛ mʼaban; na me Nyankopɔn ayɛ ɔbotan a ne mu na minya ahintawee.
23 Inni gatii cubbuu isaanii isaanumatti deebisa; sababii hammina isaaniitiif illee isaan balleessa; Waaqayyo Waaqni keenya isaan barbadeessa.
Obetua wɔn nnebɔne no so ka na wɔn amumɔyɛ nti wasɛe wɔn; Awurade yɛn Nyankopɔn bɛsɛe wɔn.

< Faarfannaa 94 >