< Faarfannaa 94 >

1 Yaa Waaqayyo, Waaqa haaloo baaftu, Yaa Waaqa haaloo baaftu, ifii mulʼadhu.
Ee Bwana, ulipizaye kisasi, Ee Mungu ulipizaye kisasi, uangaze sasa.
2 Yaa Abbaa Murtii lafa kanaa kaʼi; of tuultotaaf illee waan isaanii malu kenni.
Ee Mhukumu wa dunia, inuka, uwalipize wenye kiburi kama wanavyostahili.
3 Yaa Waaqayyo, hamma yoomiitti warri hamoon, warri hamoon hamma yoomiitti burraaqu?
Hata lini, waovu, Ee Bwana, hata lini waovu watashangilia?
4 Isaan dubbii of tuulummaa gad roobsu; jalʼoonni hundinuu of dhiibuudhaan guutaman.
Wanamimina maneno ya kiburi, watenda mabaya wote wamejaa majivuno.
5 Yaa Waaqayyo, isaan saba kee miidhu; handhuuraa kees ni hacuucu.
Ee Bwana, wanawaponda watu wako, wanawaonea urithi wako.
6 Haadha hiyyeessaatii fi keessummaa ni gorraʼu; ijoollee abbaa hin qabnes ni ajjeesu.
Wanamchinja mjane na mgeni, na kuwaua yatima.
7 Isaan, “Waaqayyo hin argu; Waaqni Yaaqoob hin qalbeeffatu” jedhu.
Nao husema, “Bwana haoni, Mungu wa Yakobo hafahamu.”
8 Warri saba keessaa raatoftan mee hubadhaa; isin warri gowwoonni yoom ogeeyyii taatu?
Sikizeni, enyi wajinga miongoni mwa watu; enyi wapumbavu, lini mtakuwa na hekima?
9 Inni gurra uume sun hin dhagaʼuu? Inni ija uume hin argu?
Je, aliyeweka sikio asisikie? Aliyeumba jicho asione?
10 Inni saboota sirreessu sun hin adabuu? Inni nama barsiisu sun beekumsa hin qabuu?
Je, anayeadhibisha mataifa asiadhibu? Je, awafundishaye wanadamu asiwe na maarifa?
11 Waaqayyo yaada namaa beeka; akka yaadni namaa faayidaa hin qabnes ni beeka.
Bwana anajua mawazo ya mwanadamu; anajua kwamba ni ubatili.
12 Yaa Waaqayyo, namni ati adabdu, namni ati seera kee irraa barsiiftu eebbifamaa dha;
Ee Bwana, heri mtu anayeadhibishwa na wewe, mtu unayemfundisha kwa sheria yako,
13 hamma hamootaaf boolli qotamutti, guyyaa rakkinaatti ati boqonnaa kennitaaf.
unampa utulivu siku za shida, mpaka shimo litakapokuwa limechimbwa kwa ajili ya mwovu.
14 Waaqayyo saba isaa hin gatuutii; inni akkana illee jedhee handhuuraa ofii isaa hin dhiisu.
Kwa kuwa Bwana hatawakataa watu wake, hatauacha urithi wake.
15 Murtiin qajeelummaa irratti hundeeffama; toloonni hundinuus isa faana buʼu.
Hukumu itasimamishwa tena kwenye haki, wote walio na mioyo minyofu wataifuata.
16 Eenyutu hamootatti naa kaʼa? Eenyutu na cina dhaabatee warra jalʼina hojjetaniin morma?
Ni nani atakayeinuka dhidi ya mwovu kwa ajili yangu? Ni nani atakayenikinga dhidi ya watenda maovu?
17 Utuu Waaqayyo na gargaaruu baatee, silaa yoona lubbuun koo boolla duʼaa keessa jirti.
Kama Bwana asingelinisaidia upesi, ningelikuwa ninaishi katika ukimya wa kifo.
18 Yaa Waaqayyo yeroo ani, “Miilli koo mucucaateera” jedhetti, araarri kee ol qabee na dhaabe.
Niliposema, “Mguu wangu unateleza,” Ee Bwana, upendo wako ulinishikilia.
19 Yommuu yaaddoon natti baayʼatetti, jajjabeessuun kee lubbuu koo gammachiise.
Wakati wasiwasi ulipokuwa mwingi ndani yangu, faraja yako ilinipa furaha nafsini mwangu.
20 Bulchitoonni hamoon, warri seeratti fayyadamanii jalʼina hojjetan si wajjin tokkummaa qabaachuu dandaʼuu?
Je, kiti cha utawala wa udhalimu kitajiunga nawe, ule utawala uletao taabu kutokana na sheria zake?
21 Isaan tokkummaadhaan nama qajeelaatti kaʼanii nama yakka hin qabnetti duʼa muru.
Huungana kuwashambulia wenye haki, kuwahukumu kufa wasio na hatia.
22 Waaqayyo garuu daʼoo, Waaqni koos, kattaa ani itti baqadhu naa taʼeera.
Lakini Bwana amekuwa ngome yangu, na Mungu wangu amekuwa mwamba ninaoukimbilia.
23 Inni gatii cubbuu isaanii isaanumatti deebisa; sababii hammina isaaniitiif illee isaan balleessa; Waaqayyo Waaqni keenya isaan barbadeessa.
Yeye atawalipa kwa ajili ya dhambi zao na atawaangamiza kwa ajili ya maovu yao; Bwana Mungu wetu atawaangamiza.

< Faarfannaa 94 >