< Faarfannaa 93 >

1 Waaqayyo ni moʼa; surraas ni uffata; Waaqayyo surra ni uffata; jabinas hidhata. Addunyaan cimtee dhaabamteerti; hin sochoofamtus.
耶和华作王! 他以威严为衣穿上; 耶和华以能力为衣,以能力束腰, 世界就坚定,不得动摇。
2 Teessoon kee durumaa jalqabee cimee dhaabateera; ati durii duriitii jalqabdee jirta.
你的宝座从太初立定; 你从亘古就有。
3 Yaa Waaqayyo, galaanonni ol kaasaniiru; galaanonni sagalee isaanii ol kaafataniiru; galaanonni huursuu isaanii ol kaafataniiru.
耶和华啊,大水扬起, 大水发声,波浪澎湃。
4 Sagalee bishaan baayʼee caalaa, jabina dhaʼaa galaanaa caalaas, Waaqayyo ol gubbaa jiru sun humna qabeessa.
耶和华在高处大有能力, 胜过诸水的响声,洋海的大浪。
5 Seerri kee jabaatee ni dhaabata; Yaa Waaqayyo, qulqullummaan bara baraan faaya mana keetii ti.
耶和华啊,你的法度最的确; 你的殿永称为圣,是合宜的。

< Faarfannaa 93 >