< Faarfannaa 92 >

1 Faarfannaa Guyyaa Sanbataa Faarfatamu. Waaqayyoon, galateeffachuun, yaa Waaqa Waan Hundaa Olii, maqaa keetiif faarfachuun gaarii dha.
Zaburi. Wimbo wa siku ya Sabato. Ni vyema kumshukuru Bwana na kuliimbia jina lako, Ee Uliye Juu Sana,
2 Jaalala kee ganamaan, amanamummaa kees halkaniin labsuun,
kuutangaza upendo wako asubuhi, na uaminifu wako wakati wa usiku,
3 kiraara ribuu kudhaniitiin, sagalee baganaatiinis labsuun gaarii dha.
kwa zeze yenye nyuzi kumi na kwa sauti ya kinubi.
4 Yaa Waaqayyo, ati hojii keetiin na gammachiiftaatii; ani sababii hojii harka keetiitiif gammachuudhaan nan faarfadha.
Ee Bwana, kwa kuwa matendo yako yamenifurahisha, nitaziimba kwa shangwe kazi za mikono yako.
5 Yaa Waaqayyo, hojiin kee akkam guddaa dha; yaadni kees akkam gad fagoo dha!
Ee Bwana, tazama jinsi yalivyo makuu matendo yako, tazama jinsi yalivyo ya kina mawazo yako!
6 Namni qalbii hin qabne waan kana beekuu hin dandaʼu; gowwaanis hin hubatu;
Mjinga hafahamu, mpumbavu haelewi,
7 hamoonni yoo akkuma margaa biqilan iyyuu, jalʼoonni hundinuus yoo daraaran iyyuu, isaan bara baraan ni barbadaaʼu.
ingawa waovu huchipua kama majani na wote watendao mabaya wanastawi, wataangamizwa milele.
8 Yaa Waaqayyo, ati garuu bara baraan ol ol jetta.
Bali wewe, Ee Bwana, utatukuzwa milele.
9 Yaa Waaqayyo, kunoo diinota kee, kunoo diinonni kee ni badu; warri jalʼina hojjetan hundinuus ni bittinneeffamu.
Ee Bwana, hakika adui zako, hakika adui zako wataangamia. Wote watendao mabaya watatawanyika.
10 Ati gaanfa koo akka gaanfa gafarsaa ol ol qabde; zayitii haaraa natti dhangalaafte.
Umeitukuza pembe yangu kama ile ya nyati dume, mafuta mazuri yamemiminwa juu yangu.
11 Iji koo moʼatamuu diinota koo argeera; gurri koos badiisa jalʼoota natti kaʼanii dhagaʼeera.
Macho yangu yamewaona adui zangu wakishindwa, masikio yangu yamesikia maangamizi ya adui zangu waovu.
12 Qajeeltonni akkuma muka meexxii ni dagaagu; akkuma birbirsa Libaanoonitti ni guddatu;
Wenye haki watastawi kama mtende, watakuwa kama mwerezi wa Lebanoni,
13 isaan mana Waaqayyoo keessa dhaabamanii jiru; oobdii Waaqa keenyaa keessattis itti tolee misanii jiran.
waliopandwa katika nyumba ya Bwana, watastawi katika nyua za Mungu wetu.
14 Isaan amma iyyuu bara dullumaa keessa ija naqatu; gabbataniis dagaaganii jiraatu.
Wakati wa uzee watakuwa bado wanazaa matunda, watakuwa wabichi tena wamejaa nguvu,
15 Isaanis, “Waaqayyo tolaa dha; inni Kattaa koo ti; hamminni isa keessa hin jiru” jedhanii labsu.
wakitangaza, “Bwana ni mkamilifu; yeye ni Mwamba wangu, na ndani yake hamna uovu.”

< Faarfannaa 92 >