< Faarfannaa 92 >

1 Faarfannaa Guyyaa Sanbataa Faarfatamu. Waaqayyoon, galateeffachuun, yaa Waaqa Waan Hundaa Olii, maqaa keetiif faarfachuun gaarii dha.
[A Psalm. A song for the Sabbath day.] It is a good thing to give thanks to the LORD, to sing praises to your name, Most High;
2 Jaalala kee ganamaan, amanamummaa kees halkaniin labsuun,
to proclaim your loving kindness in the morning, and your faithfulness every night,
3 kiraara ribuu kudhaniitiin, sagalee baganaatiinis labsuun gaarii dha.
with the ten-stringed lute, with the harp, and with the melody of the lyre.
4 Yaa Waaqayyo, ati hojii keetiin na gammachiiftaatii; ani sababii hojii harka keetiitiif gammachuudhaan nan faarfadha.
For you, LORD, have made me glad through your work. I will triumph in the works of your hands.
5 Yaa Waaqayyo, hojiin kee akkam guddaa dha; yaadni kees akkam gad fagoo dha!
How great are your works, LORD. Your thoughts are very deep.
6 Namni qalbii hin qabne waan kana beekuu hin dandaʼu; gowwaanis hin hubatu;
A senseless man doesn't know, neither does a fool understand this:
7 hamoonni yoo akkuma margaa biqilan iyyuu, jalʼoonni hundinuus yoo daraaran iyyuu, isaan bara baraan ni barbadaaʼu.
though the wicked spring up as the grass, and all the evildoers flourish, they will be destroyed forever.
8 Yaa Waaqayyo, ati garuu bara baraan ol ol jetta.
But you, LORD, are on high forevermore.
9 Yaa Waaqayyo, kunoo diinota kee, kunoo diinonni kee ni badu; warri jalʼina hojjetan hundinuus ni bittinneeffamu.
For, look, your enemies, LORD, for, look, your enemies shall perish. All the evildoers will be scattered.
10 Ati gaanfa koo akka gaanfa gafarsaa ol ol qabde; zayitii haaraa natti dhangalaafte.
But you have exalted my horn like that of the wild ox. I am anointed with fresh oil.
11 Iji koo moʼatamuu diinota koo argeera; gurri koos badiisa jalʼoota natti kaʼanii dhagaʼeera.
My eye has also seen my enemies. My ears have heard of the wicked enemies who rise up against me.
12 Qajeeltonni akkuma muka meexxii ni dagaagu; akkuma birbirsa Libaanoonitti ni guddatu;
The righteous shall flourish like the palm tree. He will grow like a cedar in Lebanon.
13 isaan mana Waaqayyoo keessa dhaabamanii jiru; oobdii Waaqa keenyaa keessattis itti tolee misanii jiran.
They are planted in the LORD's house. They will flourish in our God's courts.
14 Isaan amma iyyuu bara dullumaa keessa ija naqatu; gabbataniis dagaaganii jiraatu.
They will still bring forth fruit in old age. They will be full of sap and green,
15 Isaanis, “Waaqayyo tolaa dha; inni Kattaa koo ti; hamminni isa keessa hin jiru” jedhanii labsu.
to show that the LORD is upright. He is my Rock, and there is no unrighteousness in him.

< Faarfannaa 92 >