< Faarfannaa 90 >

1 Kadhannaa Musee Nama Waaqaa Sanaa. Yaa Gooftaa, ati dhaloota hunda keessatti iddoo jireenyaa nuu taateerta.
προσευχὴ τοῦ Μωυσῆ ἀνθρώπου τοῦ θεοῦ κύριε καταφυγὴ ἐγενήθης ἡμῖν ἐν γενεᾷ καὶ γενεᾷ
2 Utuu tulluuwwan hin dhalatin yookaan utuu ati lafaa fi addunyaa hin uumin, baraa baraa hamma bara baraatti ati Waaqa.
πρὸ τοῦ ὄρη γενηθῆναι καὶ πλασθῆναι τὴν γῆν καὶ τὴν οἰκουμένην καὶ ἀπὸ τοῦ αἰῶνος ἕως τοῦ αἰῶνος σὺ εἶ
3 Atis, “Yaa ilmaan namootaa, biyyootti deebiʼaa” jettee namoota biyyootti deebista.
μὴ ἀποστρέψῃς ἄνθρωπον εἰς ταπείνωσιν καὶ εἶπας ἐπιστρέψατε υἱοὶ ἀνθρώπων
4 Fuula kee duratti waggaan kumni tokko, akkuma guyyaa kaleessa darbee ti; yookaan akkuma dabaree eegumsa halkanii tokkoo ti.
ὅτι χίλια ἔτη ἐν ὀφθαλμοῖς σου ὡς ἡ ἡμέρα ἡ ἐχθές ἥτις διῆλθεν καὶ φυλακὴ ἐν νυκτί
5 Ati hirriba duʼaatiin namoota haxooftee balleessita; isaan akkuma marga ganama bayyanatuu ti;
τὰ ἐξουδενώματα αὐτῶν ἔτη ἔσονται τὸ πρωὶ ὡσεὶ χλόη παρέλθοι
6 margi sun ganama ganama bayyanatu illee galgala galgala garuu coollagee goga.
τὸ πρωὶ ἀνθήσαι καὶ παρέλθοι τὸ ἑσπέρας ἀποπέσοι σκληρυνθείη καὶ ξηρανθείη
7 Aariin kee nu fixeera; dheekkamsi kees nu naasiseera.
ὅτι ἐξελίπομεν ἐν τῇ ὀργῇ σου καὶ ἐν τῷ θυμῷ σου ἐταράχθημεν
8 Yakka keenya fuula kee dura, cubbuu keenya dhokataa sanas ifa fuula keetii dura keesseerta.
ἔθου τὰς ἀνομίας ἡμῶν ἐνώπιόν σου ὁ αἰὼν ἡμῶν εἰς φωτισμὸν τοῦ προσώπου σου
9 Barri keenya hundinuu dheekkamsa keetiin dhumeeraatii; umurii keenyas aaduudhaan fixanna.
ὅτι πᾶσαι αἱ ἡμέραι ἡμῶν ἐξέλιπον καὶ ἐν τῇ ὀργῇ σου ἐξελίπομεν τὰ ἔτη ἡμῶν ὡς ἀράχνην ἐμελέτων
10 Dheerinni bara keenyaa waggaa torbaatama, yoo jabaanne immoo waggaa saddeettama taʼa; kuni iyyuu garri caalaan isaa dadhabbii fi rakkinaan guutameera; inni dafee darbaatii; nus barrifnee ni sokkina.
αἱ ἡμέραι τῶν ἐτῶν ἡμῶν ἐν αὐτοῖς ἑβδομήκοντα ἔτη ἐὰν δὲ ἐν δυναστείαις ὀγδοήκοντα ἔτη καὶ τὸ πλεῖον αὐτῶν κόπος καὶ πόνος ὅτι ἐπῆλθεν πραΰτης ἐφ’ ἡμᾶς καὶ παιδευθησόμεθα
11 Humna aarii keetii eenyutu beeka? Dheekkamsi kee akkuma sodaa nu siif qabaachuu qabnu sanaa guddaadhaatii.
τίς γινώσκει τὸ κράτος τῆς ὀργῆς σου καὶ ἀπὸ τοῦ φόβου σου τὸν θυμόν σου
12 Akka nu garaa ogummaadhaan guutame qabaannuuf, bara keenya lakkaaʼuu nu barsiisi.
ἐξαριθμήσασθαι τὴν δεξιάν σου οὕτως γνώρισον καὶ τοὺς πεπεδημένους τῇ καρδίᾳ ἐν σοφίᾳ
13 Yaa Waaqayyo, deebiʼi! Kun hamma yoomiitti taʼa? Tajaajiltoota keetiifis garaa laafi.
ἐπίστρεψον κύριε ἕως πότε καὶ παρακλήθητι ἐπὶ τοῖς δούλοις σου
14 Akka nu bara keenya guutuu gammannee ililchinuuf, ganama ganama araara keetiin nu quufsi.
ἐνεπλήσθημεν τὸ πρωὶ τοῦ ἐλέους σου καὶ ἠγαλλιασάμεθα καὶ εὐφράνθημεν ἐν πάσαις ταῖς ἡμέραις ἡμῶν
15 Hamma baayʼina guyyoota ati nu miite sanaa, hamma baayʼina waggoota nu rakkanne sanaas nu gammachiisi.
εὐφράνθημεν ἀνθ’ ὧν ἡμερῶν ἐταπείνωσας ἡμᾶς ἐτῶν ὧν εἴδομεν κακά
16 Hojiin kee tajaajiltoota keetti, ulfinni kees ijoollee isaaniitti haa mulʼifamu.
καὶ ἰδὲ ἐπὶ τοὺς δούλους σου καὶ τὰ ἔργα σου καὶ ὁδήγησον τοὺς υἱοὺς αὐτῶν
17 Eebbi Waaqa keenya Gooftichaa nurra haa buʼu; hojii harka keenyaas jabeessii nuu dhaabi; eeyyee, hojii harka keenyaa jabeessii nuu dhaabi.
καὶ ἔστω ἡ λαμπρότης κυρίου τοῦ θεοῦ ἡμῶν ἐφ’ ἡμᾶς καὶ τὰ ἔργα τῶν χειρῶν ἡμῶν κατεύθυνον ἐφ’ ἡμᾶς

< Faarfannaa 90 >