< Faarfannaa 9 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif; Yeedaloo, “Duʼa ilmaa” jedhamu. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha; waaʼee dinqii kee hundumaas nan odeessa.
Kwa mwimbishaji. Mtindo wa muth-labeni. Zaburi ya Daudi. Ee Bwana, nitakutukuza kwa moyo wangu wote, nitayasimulia matendo yako yote ya ajabu.
2 Ani sittin gammada; nan ililchas; yaa Waaqa Waan Hundaa Olii, faarfannaadhaan maqaa kee nan jajadha.
Nitafurahi na kushangilia ndani yako. Nitaliimbia sifa jina lako, Ewe Uliye Juu Sana.
3 Diinonni koo dugda duubatti ni deebiʼu; ni gufatu; fuula kee duraas ni badu.
Adui zangu wamerudi nyuma, wamejikwaa na kuangamia mbele zako.
4 Mirga koo fi dhimma koo qabatteerta; atis murtii qajeelaa kennaa teessoo kee irra teesseerta.
Kwa maana umetetea haki yangu na msimamo wangu; umeketi kwenye kiti chako cha enzi, ukihukumu kwa haki.
5 Saboota ifattee hamootas balleessiteerta; maqaa isaaniis baraa hamma bara baraatti haqxeerta.
Umekemea mataifa na kuwaangamiza waovu; umeyafuta majina yao milele na milele.
6 Diinonni badiisa bara baraatiin balleeffamu; ati magaalaawwan isaanii bubuqqifteerta; seenaan isaaniis barbadeeffameera.
Uharibifu usiokoma umempata adui, umeingʼoa miji yao; hata kumbukumbu lao limetoweka.
7 Waaqayyo garuu bara baraan ni moʼa; teessoo isaas murtiidhaaf dhaabbateera.
Bwana anatawala milele, ameweka kiti chake cha enzi apate kuhukumu.
8 Inni qajeelummaadhaan addunyaadhaaf murtii ni kenna; sabootas murtii qajeelaadhaan bulcha.
Mungu atahukumu ulimwengu kwa haki, atatawala mataifa kwa haki.
9 Waaqayyo warra cunqurfamaniif irkoo dha; yeroo rakkinaattis daʼoo dha.
Bwana ni kimbilio la watu wanaoonewa, ni ngome imara wakati wa shida.
10 Warri maqaa kee beekan si amanatu; yaa Waaqayyo, ati warra si barbaadan gattee hin beektuutii.
Wote wanaolijua jina lako watakutumaini wewe, kwa maana wewe Bwana, hujawaacha kamwe wakutafutao.
11 Waaqayyo isa Xiyoon irra jiraatu faarfannaadhaan jajadhaa; hojii isaa illee saboota keessatti labsaa.
Mwimbieni Bwana sifa, amefanywa mtawala Sayuni, tangazeni miongoni mwa mataifa, yale aliyoyatenda.
12 Inni haaloo dhiigaa baasu sunis isaan yaadataatii; iyya warra dhiphataniis hin irraanfatu.
Kwa maana yeye alipizaye kisasi cha damu hukumbuka, hapuuzi kilio cha wanaoonewa.
13 Yaa Waaqayyo, hammam akka diinonni koo na ariʼatan ilaali! Naaf araaramiitii afaan boolla duʼaa keessaa na baasi;
Ee Bwana, tazama jinsi walivyo wengi adui zangu wanaonitesa! Nihurumie, uniinue kutoka malango ya mauti,
14 kunis ani karra Intala Xiyoon irratti akka galata kee labsuu fi fayyisuu keettis baayʼisee gammaduuf.
ili niweze kutangaza sifa zako katika malango ya Binti Sayuni na huko niushangilie wokovu wako.
15 Saboonni boolla qotan keessa buʼan; miilli isaaniis kiyyoodhuma isaan dhoksaniin qabame.
Mataifa wameanguka kwenye shimo walilolichimba, miguu yao imenaswa kwenye wavu waliouficha.
16 Waaqayyo murtii qajeelaa kennuudhaan beekama; hamoonni garuu hojii harka isaaniitiin kiyyoo seenu.
Bwana anajulikana kwa haki yake, waovu wamenaswa katika kazi za mikono yao.
17 Namoonni hamoon, warri Waaqa irraanfatan hundinuus siiʼoolitti gad buʼu. (Sheol h7585)
Waovu wataishia kuzimu, naam, mataifa yote wanaomsahau Mungu. (Sheol h7585)
18 Rakkattoonni garuu yoom iyyuu hin irraanfataman; abdiin hiyyeeyyiis bara baraan hin badu.
Lakini mhitaji hatasahaulika siku zote, wala matumaini ya walioonewa hayatapotea.
19 Yaa Waaqayyo kaʼi; jabinni namaa hin mulʼatin; fuula kee duratti sabootatti haa muramu.
Ee Bwana, inuka, usimwache binadamu ashinde. Mataifa na yahukumiwe mbele zako.
20 Yaa Waaqayyo, sodaa isaanitti buusi; saboonnis akka namuma taʼan haa beekan.
Ee Bwana, wapige kwa hofu, mataifa na yajue kuwa wao ni watu tu.

< Faarfannaa 9 >