< Faarfannaa 9 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif; Yeedaloo, “Duʼa ilmaa” jedhamu. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha; waaʼee dinqii kee hundumaas nan odeessa.
Хвалим Те, Господе, из свега срца свог, казујем сва чудеса Твоја.
2 Ani sittin gammada; nan ililchas; yaa Waaqa Waan Hundaa Olii, faarfannaadhaan maqaa kee nan jajadha.
Радујем се и веселим се о Теби, певам имену Твом, Вишњи!
3 Diinonni koo dugda duubatti ni deebiʼu; ni gufatu; fuula kee duraas ni badu.
Непријатељи се моји вратише натраг, спотакоше се и неста их испред лица Твог;
4 Mirga koo fi dhimma koo qabatteerta; atis murtii qajeelaa kennaa teessoo kee irra teesseerta.
Јер си свршио суд мој и одбранио ме; сео си на престо, судија праведни.
5 Saboota ifattee hamootas balleessiteerta; maqaa isaaniis baraa hamma bara baraatti haqxeerta.
Расрдио си се на народе и убио безбожника, име си им затро довека, за свагда.
6 Diinonni badiisa bara baraatiin balleeffamu; ati magaalaawwan isaanii bubuqqifteerta; seenaan isaaniis barbadeeffameera.
Непријатељу неста мачева сасвим; градове Ти си развалио; погибе спомен њихов.
7 Waaqayyo garuu bara baraan ni moʼa; teessoo isaas murtiidhaaf dhaabbateera.
Али Господ увек живи; спремио је за суд престо свој.
8 Inni qajeelummaadhaan addunyaadhaaf murtii ni kenna; sabootas murtii qajeelaadhaan bulcha.
Он ће судити васионом свету по правди, усудиће народима право.
9 Waaqayyo warra cunqurfamaniif irkoo dha; yeroo rakkinaattis daʼoo dha.
Господ је уточиште убогоме, уточиште у невољи.
10 Warri maqaa kee beekan si amanatu; yaa Waaqayyo, ati warra si barbaadan gattee hin beektuutii.
У Тебе се уздају који знају име Твоје, јер не остављаш оних који Те траже, Господе!
11 Waaqayyo isa Xiyoon irra jiraatu faarfannaadhaan jajadhaa; hojii isaa illee saboota keessatti labsaa.
Појте Господу, који живи на Сиону; казујте народу дела Његова;
12 Inni haaloo dhiigaa baasu sunis isaan yaadataatii; iyya warra dhiphataniis hin irraanfatu.
Јер Он освећује крв, памти је; не заборавља јаук невољних.
13 Yaa Waaqayyo, hammam akka diinonni koo na ariʼatan ilaali! Naaf araaramiitii afaan boolla duʼaa keessaa na baasi;
Смилуј се на ме, Господе; погледај како страдам од непријатеља својих, Ти, који ме подижеш од врата смртних,
14 kunis ani karra Intala Xiyoon irratti akka galata kee labsuu fi fayyisuu keettis baayʼisee gammaduuf.
Да бих казивао све хвале Твоје на вратима кћери Сионове, и славио спасење Твоје.
15 Saboonni boolla qotan keessa buʼan; miilli isaaniis kiyyoodhuma isaan dhoksaniin qabame.
Попадоше народи у јаму, коју су ископали; у замку, коју су сами наместили, ухвати се нога њихова.
16 Waaqayyo murtii qajeelaa kennuudhaan beekama; hamoonni garuu hojii harka isaaniitiin kiyyoo seenu.
Познаше Господа; Он је судио; у дела руку својих заплете се безбожник.
17 Namoonni hamoon, warri Waaqa irraanfatan hundinuus siiʼoolitti gad buʼu. (Sheol h7585)
Вратиће се у пакао безбожници, сви народи који заборављају Бога; (Sheol h7585)
18 Rakkattoonni garuu yoom iyyuu hin irraanfataman; abdiin hiyyeeyyiis bara baraan hin badu.
Јер неће свагда бити заборављен убоги, и нада невољницима неће никад погинути.
19 Yaa Waaqayyo kaʼi; jabinni namaa hin mulʼatin; fuula kee duratti sabootatti haa muramu.
Устани, Господе, да се не посили човек, и да приме народи суд пред Тобом.
20 Yaa Waaqayyo, sodaa isaanitti buusi; saboonnis akka namuma taʼan haa beekan.
Пусти, Господе, страх на њих; нека познају народи да су људи.

< Faarfannaa 9 >