< Faarfannaa 89 >
1 Maskiilii Eetaan Izraahichaa. Ani waaʼee araara Waaqayyoo bara baraan nan faarfadha; afaan kootiinis amanamummaa kee dhaloota hundumatti nan labsa.
Utenzi wa Ethani Mwezrahi. Nitaimba juu ya upendo mkuu wa Bwana milele; kwa kinywa changu nitajulisha uaminifu wako ujulikane kwa vizazi vyote.
2 Akka araarri kee bara baraan jiraatu, akka ati amanamummaa kee samii keessatti jabeessitee dhaabde nan labsa.
Nitatangaza kuwa upendo wako unasimama imara milele na uaminifu wako umeuthibitisha mbinguni.
3 Ati akkana jetteerta; “Ani filatamaa koo wajjin kakuu galeera; Daawit tajaajilaa kootiif illee akkana jedhee kakadheera;
Ulisema, “Nimefanya agano na mteule wangu, nimemwapia mtumishi wangu Daudi,
4 ‘Ani bara baraan sanyii kee nan dhaaba; teessoo kees dhaloota hundaaf nan cimsa.’”
‘Nitaimarisha uzao wako milele na kudumisha ufalme wako kwa vizazi vyote.’”
5 Yaa Waaqayyo, samiiwwan dinqii kee jaju; yaaʼii qulqullootaa keessattis amanamummaa kee jaju.
Ee Bwana, mbingu zinayasifu maajabu yako, uaminifu wako pia katika kusanyiko la watakatifu.
6 Samii keessatti eenyutu Waaqayyoon qixxaachuu dandaʼa? Uumamawwan samii keessaa kan Waaqayyoon fakkaatu eenyu?
Kwa kuwa ni nani katika mbingu anayeweza kulinganishwa na Bwana? Ni nani miongoni mwa viumbe vya mbinguni aliye kama Bwana?
7 Waaqni waldaa qulqullootaa keessatti baayʼee sodaatama; warra naannoo isaa jiran hunda keessaas isatu sodaachisaa dha.
Katika kusanyiko la watakatifu, Mungu huogopwa sana, anahofiwa kuliko wote wanaomzunguka.
8 Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandeessu, kan akka keetii eenyu? Yaa Waaqayyo, ati jabaa dha; amanamummaan kees si marsa.
Ee Bwana Mwenye Nguvu Zote, ni nani aliye kama wewe? Ee Bwana, wewe ni mwenye nguvu, na uaminifu wako unakuzunguka.
9 Ati raafama galaanaa ni moota; yommuu dhaʼaan isaa jabaatus ni tasgabbeessita.
Wewe unatawala bahari yenye msukosuko; wakati mawimbi yake yanapoinuka, wewe unayatuliza.
10 Akka warra qalamaniitti Raʼaabin bulleessite; irree kee jabaa sanaanis diinota kee ni bittinneessite.
Wewe ulimponda Rahabu kama mmojawapo wa waliochinjwa; kwa mkono wako wenye nguvu, uliwatawanya adui zako.
11 Samiiwwan kan kee ti; laftis akkasuma kan kee ti; ati addunyaa fi waan ishee keessa jiru hunda hundeessiteerta.
Mbingu ni zako, nayo nchi pia ni yako, uliuwekea ulimwengu msingi pamoja na vyote vilivyomo.
12 Kaabaa fi kibba situ uume; Taaboorii fi Hermoon gammachuudhaan maqaa kee galateeffatu.
Uliumba kaskazini na kusini; Tabori na Hermoni wanaliimbia jina lako kwa furaha.
13 Ati irree jabaa qabda; harki kee jabaa dha; harki kee mirgaas ol kaʼeera.
Mkono wako umejaa uwezo; mkono wako una nguvu, mkono wako wa kuume umetukuzwa.
14 Qajeelummaa fi murtiin qajeelaan hundee teessoo keetii ti; araarrii fi amanamummaan fuula kee dura deemu.
Haki na hukumu ndio msingi wa kiti chako cha enzi; upendo na uaminifu vinakutangulia.
15 Yaa Waaqayyo, warri siif ililchuu beekan, warri ifa iddoo ati jirtuu keessa jiraatan eebbifamoo dha.
Heri ni wale ambao wamejifunza kukusifu kwa shangwe, wanaotembea katika mwanga wa uwepo wako, Ee Bwana.
16 Isaan guyyaa guutuu maqaa keetiin gammadu; qajeelummaa keetiinis si jajatu.
Wanashangilia katika jina lako mchana kutwa, wanafurahi katika haki yako.
17 Ati ulfina jabina isaanii ti; jaalala keetiinis gaanfa keenya ol qabdeerta.
Kwa kuwa wewe ni utukufu na nguvu yao, kwa wema wako unatukuza pembe yetu.
18 Dhugumaan gaachanni keenya kan Waaqayyoo ti; kan mootii keenya Qulqullicha Israaʼelii ti.
Naam, ngao yetu ni mali ya Bwana, na mfalme wetu mali ya Aliye Mtakatifu wa Israeli.
19 Ati dur akkana jettee saba kee amanamaatti mulʼataan dubbatteerta: “Ani loltuu tokkoof humna kenneera; dargaggeessa saba keessaa filatame tokkos ani ol guddiseera.
Ulizungumza wakati fulani katika maono, kwa watu wako waaminifu, ukasema: “Nimeweka nguvu kwa shujaa, nimemwinua kijana miongoni mwa watu.
20 Ani garbicha koo Daawitin argadheera; zayitii koo qulqulluunis isa dibeera.
Nimemwona Daudi, mtumishi wangu, na nimemtia mafuta yangu matakatifu.
21 Harki koo isa wajjin jira; irreen koos isa jajjabeessa.
Kitanga changu kitamtegemeza, hakika mkono wangu utamtia nguvu.
22 Diinni tokko iyyuu isa hin moʼatu; namni hamaanis isa hin hacuucu.
Hakuna adui atakayemtoza ushuru, hakuna mtu mwovu atakayemwonea.
23 Amajaajota isaa fuula isaa duratti nan barbadeessa; warra isa jibbanis nan dhaʼa.
Nitawaponda adui zake mbele zake na kuwaangamiza watesi wake.
24 Amanamummaa fi araarri koo isa wajjin jiraata; gaanfi isaas maqaa kootiin ol jedha.
Upendo wangu mkamilifu utakuwa pamoja naye, kwa Jina langu pembe yake itatukuzwa.
25 Ani harka isaa galaana irra, harka isaa mirgaas lageen irra nan kaaʼa.
Nitauweka mkono wake juu ya bahari, mkono wake wa kuume juu ya mito.
26 Innis, ‘Ati Abbaa koo ti; Waaqa koo ti, Kattaa Fayyina koo ti’ jedhee na waammata.
Naye ataniita kwa sauti, ‘Wewe ni Baba yangu, Mungu wangu, Mwamba na Mwokozi wangu.’
27 Anis ilma koo hangafa, kan mootota lafaa hundaa olii isa nan godha.
Nitamteua pia awe mzaliwa wangu wa kwanza, aliyetukuka kuliko wafalme wote wa dunia.
28 Jaalala koos bara baraan isaaf nan tursa; kakuun ani isa wajjin qabus hin cabu.
Nitadumisha upendo wangu kwake milele, na agano langu naye litakuwa imara.
29 Hidda sanyii isaa bara baraan, teessoo isaa illee hamma samiiwwan jiraatanitti nan dhaaba.
Nitaudumisha uzao wake milele, kiti chake cha enzi kama mbingu zinavyodumu.
30 “Yoo ilmaan isaa seera koo eeguu didan, yoo isaan ajaja koo faana buʼuu baatan,
“Kama wanae wataacha amri yangu na wasifuate sheria zangu,
31 yoo isaan sirna koo cabsanii ajaja koo illee eeguu baatan,
kama wakihalifu maagizo yangu na kutoshika amri zangu,
32 ani cubbuu isaanii uleedhaan, yakka isaanii immoo qacceedhaan nan adaba;
nitaadhibu dhambi yao kwa fimbo, uovu wao kwa kuwapiga,
33 ani garuu jaalala koo isa irraa hin fudhadhu; yookaan amanamummaa koo sobatti hin geeddaru.
lakini sitauondoa upendo wangu kwake, wala sitausaliti uaminifu wangu kamwe.
34 Ani kakuu koo hin cabsu; yookaan waan afaan koo dubbates hin geeddaru.
Mimi sitavunja agano langu wala sitabadili lile ambalo midomo yangu imelitamka.
35 Siʼa tokko yeroo hundaaf, qulqullina kootiin kakadheera; ani Daawitin hin sobu.
Mara moja na kwa milele, nimeapa kwa utakatifu wangu, nami sitamdanganya Daudi:
36 Sanyiin isaa bara baraan itti fufa; teessoon isaas akkuma aduu fuula koo dura jiraata;
kwamba uzao wake utaendelea milele, na kiti chake cha enzi kitadumu mbele zangu kama jua;
37 akkuma jiʼaas bara baraan ni jiraata; hamma samiiwwan jiranittis cimee dhaabata.”
kitaimarishwa milele kama mwezi, shahidi mwaminifu angani.”
38 Ati amma garuu isa dhiifteerta; tuffatteertas; isa dibde sanatti baayʼee aarteerta.
Lakini wewe umemkataa, umemdharau, umemkasirikia sana mpakwa mafuta wako.
39 Kakuu tajaajilaa kee wajjin galte cabsiteerta; gonfoo isaas awwaara keessa buuftee xureessiteerta.
Umelikana agano lako na mtumishi wako, na umeinajisi taji yake mavumbini.
40 Dallaa isaa hunda caccabsiteerta; daʼoo isaa jajjabaas barbadeessiteerta.
Umebomoa kuta zake zote, na ngome zake zote umezifanya kuwa magofu.
41 Warri achiin darban hundi isa saamu; olloonni isaas itti qoosu.
Wote wapitao karibu wamemnyangʼanya mali zake; amekuwa dharau kwa jirani zake.
42 Ati harka amajaajii isaa mirgaa ol qabdeerta; akka diinonni isaa hundi gammadan gooteerta.
Umeutukuza mkono wa kuume wa adui zake, umewafanya watesi wake wote washangilie.
43 Arfii goraadee isaa duubatti deebifteerta; waraana keessattis isa hin gargaarre.
Umegeuza makali ya upanga wake, na hukumpa msaada katika vita.
44 Surraa isaa isa irraa balleessiteerta; teessoo isaas lafatti gatteerta.
Umeikomesha fahari yake, na kukiangusha kiti chake cha enzi.
45 Umurii dargaggummaa isaa gabaabsiteerta; qaaniidhaanis isa haguugdeerta.
Umezifupisha siku za ujana wake, umemfunika kwa vazi la aibu.
46 Yaa Waaqayyo, kun hamma yoomiitti? Ati bara baraan of dhoksitaa? Dheekkamsi kee hamma yoomiitti akka ibiddaa bobaʼa?
Hata lini, Ee Bwana? Utajificha milele? Ghadhabu yako itawaka kama moto hata lini?
47 Umuriin koo hammam akka gabaabaa taʼe yaadadhu. Ati badiisa akkamiitiif ilmaan namaa hunda uumte!
Kumbuka jinsi maisha yangu yanavyopita haraka. Ni kwa ubatili kiasi gani umemuumba mwanadamu!
48 Utuu duʼa hin argin jiraachuu kan dandaʼu yookaan humna siiʼool jalaa of baasuu kan dandaʼu nama akkamii ti? (Sheol )
Ni mtu gani awezaye kuishi na asione kifo, au kujiokoa mwenyewe kutoka nguvu za kaburi? (Sheol )
49 Yaa Gooftaa, jaalalli kee guddaan durii kan ati amanamummaa keetiin Daawitiif kakatte sun eessa jira?
Ee Bwana, uko wapi upendo wako mkuu wa mwanzoni, ambao katika uaminifu wako ulimwapia Daudi?
50 Yaa Gooftaa, akkamitti akka tajaajilaan kee tuffatame, akkamitti akka ani arrabsoo saboota hundaa bobaatti baadhe yaadadhu;
Bwana kumbuka jinsi mtumishi wako amesimangwa, jinsi ninavyovumilia moyoni mwangu dhihaka za mataifa yote,
51 yaa Waaqayyo, qoosaa diinonni kee natti qoosan, kan isaan ittiin tarkaanfii dibamaa keetii hundatti qoosan yaadadhu.
dhihaka ambazo kwazo adui zako wamenisimanga, Ee Bwana, ambazo kwazo wamesimanga kila hatua ya mpakwa mafuta wako.
52 Galanni bara baraan Waaqayyoof haa taʼu!
Msifuni Bwana milele!