< Faarfannaa 88 >

1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi kan maahilaati liinootiin Faarfatame. Maskiilii Heemaan Izraahichaa. Yaa Waaqayyo, Waaqa na fayyiftu, ani halkanii fi guyyaa fuula kee duratti nan iyyadha.
Yahwe, Mungu wa wokovu wangu, ninalia mchana na usiku mbele zako.
2 Kadhannaan koo fuula kee duratti haa dhiʼaatu; atis gurra kee gara iyyannaa kootiitti qabi.
Sikiliza maombi yangu; utazame kulia kwangu.
3 Lubbuun koo rakkinaan guutamteertii; jireenyi koos awwaalatti dhiʼaateera. (Sheol h7585)
Maana nimejawa taabu, na uhai wangu umefika kuzimuni. (Sheol h7585)
4 Ani warra boolla keessa buʼanitti nan lakkaaʼame; akka nama humna hin qabnees nan taʼe.
Watu hunichukulia kama wale waendao chini shimoni; mimi ni mtu asiye na nguvu.
5 Ani akka nama gorraʼamee awwaala keessa ciisuutti, akka nama ati deebitee hin yaadanneetti, akka warra eegumsa kee jalaa baʼaniitti, warra duʼan wajjin gatameera.
Nimetelekezwa miongoni mwa wafu; niko kama mfu alalaye katika kaburi, wao ambao wewe huwajari tena kwa sababu wametengwa mbali na nguvu zako.
6 Ati boolla gad fagoo keessa, dukkana hamaa keessas na buufteerta.
Wewe umeniweka katika sehemu ya chini kabisa ya shimo, sehemu yenye giza na kilindini.
7 Dheekkamsi kee ulfaatee narra ciiseera; dambalii kee hundas narra garagalchiteerta.
Gadhabu yako yanielemea, na mawimbi yako yote yanatua juu yangu. (Selah)
8 Michoota koo narraa fageessiteerta; isaan biratti jibbamaa na gooteerta; akka ani jalaa hin baanettis balballi natti cufameera.
Kwa sababu yako, wale wanijuao wote hunikwepa. Umenifanya wakutisha machoni pao. Nimefungwa na siwezi kutoroka.
9 Iji koo gaddaan dadhabeera. Yaa Waaqayyo, ani guyyuma guyyaan sin waammadha; harka koo illee gara keetti nan balʼifadha.
Macho yangu yamefifia kutokana na shida; kila siku nakuita wewe, Yahwe; ninakunyoshea wewe mikono yangu.
10 Ati dinqii kee warra duʼanitti ni argisiiftaa? Warri duʼanis kaʼanii si galateeffatuu?
Je! utafanya miujiza kwa ajili ya wafu? Wale waliokufa watafufuka na kukusifu wewe? (Selah)
11 Jaalalli kee awwaala keessatti, amanamummaan kee immoo Qilee keessatti ni labsamaa?
Uaminifu wa agano lako utatangazwa kaburini? au uaminifu wako mahali pa wafu?
12 Dinqiiwwan kee dukkana keessatti, yookaan qajeelummaan kee biyya irraanfannaa keessatti ni beekamaa?
Matendo yako ya ajabu yatajulikana gizani? au haki yako katika mahali pa usahaulifu?
13 Yaa Waaqayyo, ani garuu akka ati na gargaartuuf gara keetti nan iyyadha; ganamaanis kadhannaan koo fuula kee duratti ni dhiʼaata.
Lakini ninakulilia wewe, Yahwe; wakati wa asubuhi maombi yangu huja kwako.
14 Yaa Waaqayyo, ati maaliif na gatta? Fuula kees maaliif na duraa dhokfatta?
Yahwe, kwa nini unanikataa? Kwa nini unauficha uso wako mbali nami?
15 Ani ijoollummaa kootii jalqabee rakkadhee duʼuu gaʼeen ture; naasisuun kee na dhiphiseera; abdiis kutadheera.
Nimekuwa nikiteswa kila siku na hatihati ya kifo tangu ujana wangu. Nimeteseka dhidi ya hofu yako kuu; ninakata tamaa.
16 Dheekkamsi kee narra yaaʼe; naasisuun kees na balleesseera.
Matendo yako ya hasira yamepita juu yangu, na matendo yako ya kutisha yameniangamiza.
17 Isaan guyyaa guutuu akkuma lolaa bishaanii na marsu; guutumaan guutuuttis na liqimsaniiru.
Siku zote yananizingira mimi kama maji; yote yamenizunguka mimi.
18 Michoota koo fi warra na jaallatan narraa fudhatteerta; dukkana qofatu michuu naa taʼe.
Wewe umemuondoa kwangu kila rafiki na anijuaye. Na sasa anijuaye pekee ni giza.

< Faarfannaa 88 >